Balaa xiyyaaraa ET-302፡ Balaan waggaa har'aa xiyyaara Itoophiyaa mudate yeroo yaadatamu

Booyiing 737 MAX 8

Madda suuraa, JONATHAN DRUION

Waggaa har'aa Bitootessa 10, 2019 lammilee Itoophiyaaf guyyaa naasuu guddaa itti dhaga'an ture.

Seenaan Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa guddaadha. Sadarkaa addunyaatti gurra jabaa qaba. Yeroo industiriin aveeshinii addunyaa lafaa ka'uu dadhabettillee Itoophiyaan barootaaf ol ba'ee balali'ee mul'achaa ture, mul'achaas jira.

Bu'aa argachuudhaan, baayyina xiyyaara qabuutiin, bal'ina biyyaafi bakka itti balali'uuutiin, akkasumas qulqullinaan keessummeessuutiin bara dhufee darbu akka itti milkaa'etti jira.

Bitootessa 10, 2019 garuu waan hin eegamiinitu mudate. Xiyyaarri omisha Booying ta'e Itoophiyaan bitatte Booying 737 Max 8 qilleensarra erga bahee booda 'mataa yeroo ol-qabuuf yaalan didee mataa gadi qabadhu male' jechuu jalqabe. Paayiletoonni kan danda'an mara godhanii ture, garuu hin dandeenye.

Warreen xiyyaaricha omishan hanqina ofii uuman paayitetootatti qabachuuf eenyuyyu isaan hin dursine. Jalqaba akka shakkiin uumamu gochuun jalqabanii, itti aansuun duula miidiyaa banan.

Yeroo isaan quba gara paayileetotaatti qabuu barbaadan madaan yeroo dhiyoo Indoneeshiyaa mudate osoo hin qooriin kun ta'uun isaa ammoo dhugaan eessa akka jirtu agarsiisti.

Booying maqaafi beekamtii qabu hedduu jalaa waan miidhuuf karaa danda'an maraan ofirraa fageessuuf yaaluun isaanirra ture.

Ganama sana maaltu ta'e?

Ofii isaarra darbee daandiiwwan qilleensaa Ardii Afrikaa keessa jiraniif gaheera. Osoo guddina akkasiirra jiruu ture mudannoo hamaa kun kan uumame.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ganamaan xiyyaara ammayaadha jedham Booying 737 Max 8 gara magaalaa guddittii Keeniyaa, Naayiroobiitti bobbaase.

Balali'insi gara Naayiroobii kun osoo addaan hin kutiin tajaajila kenna. Akkuma yeroo kaanaa guyyaa sana imaltoota 149 ta'eniifi hojjetoota xiyyaaraa 8 qabatee ka'e.

Lakkoofsi balalii Et-302 ture akka gara Naayiroobiitti balali'uuf hayyama to'attoota xiyyaaraa argatee kan ka'e ganama sa'aatii 02 fi daqiiqaa 37 irratti ture.

Xiyyaarichi baallee isaa diriirfatee ka'e.

Akkuma ka'een dadiiqaa tokkoofi sekondii 10 irratti haalli kanaan dura hin turre akka isa mudate paayiletoonni hubatan. Gargaaraan paayiletii paayiletii ol-aanaatti waanta mudate hime. Paayiletiin ol-aanaan ammoo rakkoo mudate hambisuudhaaf jecha xiyyaarichi sirna ofii isaatiin akka balali'uuf yaalii gochuu eegale.

Paayiletoonni rakkoo isaan mudate sirreessuudhaaf irra deddebi'uun yaalii taasisanillee akka yaadanitti sirreessuu hin dandeenye. Bataluma sanatti gargaaraan paayiletii rakoo isaan mudate to'attoota tiraafikaa xiyyaaraatti gabaase.

gargaaraan paayiletii kun rakkoon xiyyaara sana to'achuu waan mudachuu warra tiraafika xiyyaaraa to'atanitti beeksise.

Osoo baayyeen hin turiin xiyyaarichi to'annaa paayileetotaa jalaa bahe. Xiyyaarichi funyaan isaa gara lafaatti gargalfachuun rakkisuu eegale. Paayiletoonnis rakkoo kana atattamaan furuudhaaf yaalii gochaa warra tiraafika daandii xiyyaarra to'atan waliin dubbachuun ol ka'insa Caammaa kuma 14,000 irra turuuf akka barbaadan itti himan.

Xiyyaarichi funyaan isaa ol deebifachuu hin dandeenye. Baddu-baasa isaayyu hin ajajamu jedhe. Balaliin jalqaban rakkoon humnaa ol ta'e waan mudateef gara irraa ka'an Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaaa Booleetti deebi'uu akka barbaadan beeksisan.

Battaluma sanatti warra tiraafika daandii qilleensaa ta'atan irraa hayyama argatan. Kun martinuu kan ta'e garaa garummaa daqiiqaa muraasa keessatti ture.

Xiyyaara funyaan isaa gadi gargalfate kana ol deebisuudhaaf yaaliin taasisan addaan hin cinne. Xiyyaarichi garuu rakkoo sababii yeroo omishamuu qabu haala fakkaatuun ni dide. Ittuma caaluun gara lafaatti dhidhimuu itti fufe.

Dhuma irratti walqunnamtiin paayiletoonni warra balali'insa to'atan waliin qaban guutummaan guutuutti addaan cite.

Obbo Teweldeen waan yaadatan

Xiyyaarri namoota 150 ol qabate ET-302 kufee caccabuu akka hin oolle to'attoonni tiraafika daandii xiyyaaraa yaaddoo qabaatanillee daqiiqaafillee abdii hin kutanne ture.

Daqiiqaawwan muraasaan booda garuu dhugaan dhoksuu hin dandeenye balaan rifaasisaa sun akka qaqqabe ifa ta'e.

Balaa qaqqabe kana dursanii kan dhaga'an Hoji-gageessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Tewelde Gabremaariyaam bataskaanatti Qiddaasee Dilabataarra osoo jiranii ture kan dhaga'an.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Jiraattonni Tulluu Farraa ekeraa namoota balaa Xiyaaraa ET-302tiif dhibaayyuu baasaa jiru.

"Oduu balaan kun qaqqabuu kanan dhaga'e ganama ture. Dhuguma hedduun naasuun of wallaale. Baayyee gara malee ture kanan gadde," jechuun miira gaddaa Bitootessa 10 ganamaa yaadatu.

Dilbata erga guya'ee ammoo Waajjirri Ministeera Muummee balaa uumame kana fuula miidiyaa hawaasummaa irratti beeksisan.

Balaa qaqqabeenis namoota maatiifi firoota isaanii dhaban hundaaf maqaa ummataafi mootummaa Itoophiyaatiin gadda itti dhaga'ame ibseera.

Isaan booda balaan sun guutummaa miidiyaalee addunyaa irratti mata-duree guddaa ta'e. Industitiin aveeshiniillee rifaatuu guddaa keessa seene. Biyyoonniifi dhaabbileen xiyyaara walfakkaatu bitatan yaaddoon isaan qunname.

Warri bitachuuf ajajatanii jiran qabdii kennine naaf deebisaa jechuu jalqaban. Haaluma kanaan Booying rakkoo gabaa walxaxaa keessa gale.

Balaan xiyaaraa walfakkaatu xiyyaaraa Indoneeshiyaarra baatii muraasa dura waan qaaqabee tureef, isa yeroo yaadachuun wal bira qabamee ilaalamu wantonni garamitti akka akeekaa turan ifa ta'aa dhufan.

Balaa qaqqabe sanaaf wanta ta'uu mala jedhaman dhiyaatanilleen rakkoo xiyyaaricha irra jiru ta'uu akka danda'u ibsuun gaaffiin dhaabbata xiyyaara omishi Booying irratti cimaa dhufe.

kanarraa ka'uudhaan balaa biraa uumamuu malu hambisuudhaaf xiyyaarota Booying 737 Max 8 hunda akka hojii balali'uu keessaa bahaniif Daandii Qillensa Itoophiyaa dabalatee biyyoonni hedduun tarkaanfii fudhatan.

Qe'ee Tulluu Fardaa jedhamtu Bishooftuutti dhiyoofi Finfinnee irraa ammoo kiiloomeetira 40 fagaattee bakka jirutti kufee kan caccabe xiyyaarichi namni keessa ture tokkollee lubbuun hafuu hin dandeenye. Bakka itti kufe sanattis caccabaafi qaama miidhamtootaa arguunillee argachuudhaaf guyyoota muraasaaf qofforuun dirqama ture.

Maatiifi firoonni namoonni jalaa dhumaniif gaddichi dachaa ta'e.

Akka gabaasa sadarkaa jalqabaa waa'ee balaa sanaa gaggeeffametti paaayiletoonni rakkoo uumame sana hambisuudhaaf hedduu akka dhama'an hubatamuun kan danda'ame yoo ta'u ka'umsi rakkoo sanii sirna to'annaa xiyyaaricha irratti tolfame ta'uu akka malu agarsiiseera.

Hoji-gaggeessaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Teweldee Gebramaariyaam gabaasa yeroo duraa sana waliin walqabsiisuun, "Paayiletoonni sun haala baayyee rakkisaa sana keessa ta'uudhaan tarkaanfii barbaachisaa isaanirraa eegamu fudhachuudhaan dandeettii ogummaa qaban waan mirkaneessaniif," Daandiin Xiyyaarichaa isaaniin akka boonu dhugaa bahaniiru.

Balaan xiyyaaraa sun lubbuu namoota imala irra turanii sana dhabamsiisuun alattis dhaabbata xiyyaarota ammayaa omishuun maqaa guddaa qabu Booying irratti gaaffii hedduun akka ka'u taaiseera. Dhaabbaticha irratti qorannoon gaggeeffamaa kan jiruu yoo ta'u hoji-gaggeessaan isaa ar'ameera.

Daandiiwwan qilleensaa biyyoota garagaraa akka hojjetamuuf ajajanii turanis waan haqaniif Booying dolaara Biliyoona hedduun kasaaraa keessa seeneera.

Dhimmichi hanga har'aas dhuma hin arganne.