Balaliistonni Itoophiyaa ET302 'funyaan xiyyaaraa gadi-gugguufe to'achuu hin dandeenye'

Qorattoonni Yunaayitid Isteet caccabaa xiyyaarichaa yeroo ilaalan

Madda suuraa, Getty Images

Xiyyaara Itoophiyaa ji'a darbe kufe caccabe osoo lafa hin dhahin dura yeroo dheeraaf lafatti gugguufaa ture jedhe gabaasni duraa qorannoo har'a bahe.

Balalistoonni ''irra-deddeebbiin'' qajeelfama dhabbata Booyingin kenname hojiirra oolchuu isaanii gabaasni yeroo duraaf bahe kuni eera.

Tattaafatanis garuu 'xiyyaaricha to'achuu hindandeenye'', jechuun Ministirri Geejjibaa Aadde Daagmaawwit moogas himaniiru.

Xiyyaarri lakkofsa balalii ET302 Finfinneedhaa ka'e gara Naayiroobii imalaa ture kufe cabuun 157 du'aniiru.

Xiyyaarri Booying 737 Max yeroo lafa dhahu ji'a shan keessatti yeroo lammataafi.

OInkololeessa darbe xiyyaarri Daandii Xiyyaara Laayin lakkoofsa balalii JT 610 galaana Indoneeshiyaa dhihoo jirutti kufe caccabuun namoonni xiyaaricha irra turan 189 hunduu du'aniiru.

Ibsa gaazexessitootaaf Finfinnee kenname irratti Aadde Daagmaawwit akka jedhanitti: ''Hojjettonni xiyyaarichaa qajeelfama dhaabbata xiyyaaricha oomishe hordofanis xiyyaaricha to'achuu hin dandeenye.''

Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa booda gosoonni xiyyaaraa Booying 737 Max akka hin balaliine ta'eera. Kunneenis lakkoofsaan 300 ta'u.

Waa'ee sababa balaa kanaa gabaasni maal jedhe?

Gabaasni duraa bahe abaluutu balleessaa qaba hin jenne. Waa'ee balaliichaas odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Haa ta'u malee, Booying to'annoo xiyyaarichaa akka keessa deebi'e ilaalu akkasumas gosti xiyyaarichaa lafa qubatan osoo balali'uu hin eegalin dura qondaaltonni aviyeehsinii mirkaneessuu qabu jedheera.

Ibsa Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa baasen, hojii gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Tawoldee G/Maariyaam, ga'umsa olaanaa akka qabaniifi ''balalistotaan haalaan akka boonan'' himaniiru.

''Xiyyaarichi funyaaniin gadi gombifamuun isaafi balalistoonni to'achuu dhabuun isaanii waan hin taane,'' jedheera ibsa baasen.

Qorattoonni softiweerii 'Manoeuvring Characteristics Augmentation System (MCAS)' jedhamuufi motorri xiyyaaraa akka hin dhaabanne godhu irratti xiyyeeffannoo taasisaniiru.

Softiweriin kuni funyaan xiyyaarichaa gaafa gadi jechuu eegale sana deebii kenna. Xiyyaarri gadi jechuun isaa akka motorri isaa dhaabatu taasisa.

Madda: Booying
Ibsa waa'ee suuraa, Madda: Booying
Presentational white space

Balalii xiyyaara Laayinitti maaltu mudate?

Qorannoon Daandii Xiyyaaraa Laayin irratti taasifame sistamichi hojjechuu dhabuu isaa bira gaheera. Kunis osoo lafa hin dhahin funyaan xiyyaarichaa si'a 20 funyaan xiyyaarichaa gadi jedheera.

Gabaasni duraa qorattoota Indoneshiyaan taasifame beekumsa balaliisaa malee dogongoraan MCAS'tti ergaa erge.

Egasii dhaabbanni Booying softiwerii MCAS fooyyessuuf hojjetaa jira.

Sistamichi akka dhabamsiifamu himeera Kunis yoo rakkoon dhalate balaliistonni xiyyaaricha to'achuu akka danda'an taasisa.

Yaadni qondaaltota Itoophiyaa irraa dhagahame garuu balalistonni qajeelfama Booying irraa ergame hordofanis xiyyaaricha to'achuu akka hin dandeenye agarsiisa.