
Madda suuraa, GETTY IMAGES
Bu'aan qorannoo marroo jalqabaa balaa xiyyaara ET302 har'a ifa ta'eera. Sababa xiyyaarri lubbuu namootaa 157 galaafate nutti himaa laata?

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Akka qondaaltoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti miidhaamtoota keessa lammileen Keeniyaa 32, lammilee Kaanaadaa 18, lammilee Itoophiyaa sagaliifi lammileen Biriteen torba turaniiru.
Imaltoonni tokko tokko Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii UN waliin hidhata kan qabanidha.
Waa'ee miidhamtoota tokko tokkoo kan beeknu asii dubbisaa:

Madda suuraa, Social Media

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasummaa

Madda suuraa, FEKRUDIN
Haasawaa balaliistonni lamaan osoo balaan kun hin qaqqabin dura waliin taasisan eeruun gaazexaan WSJ akka gabaasetti, raadiyoo xiyyaarri ittiin qunnamu osoo addaan hin citiin dura balaliisaan inni tokko "Ol-qabi! Ol-qabi!' jechuun waahila isaatti yeroo dubbatu dhagahameera.

Daandiin xiyyaaraa Indoneezhiyaa Lion air Onkololessa bara darbee gosuma xiyyaaraa balaan daandii xiyyaaraa Itophiyaarra qaqqabe Booying 737 max namoota 189 fe’ate ture kufee caccabuun imaltotni hundi dhumanii ture.
Bu’aan qorannoo jalqabaa balaa Xiyyaaraa kanarra gahe akka ibsutti imala xiyyaarichaa balaa kana dura tureen xiyyarichi rakkoo teeknikaa 6 qabaachaa akka ture ibsa. Balaliisaan xiyyaarichaa sirna to’annoo balalii ‘automated’ ta’e to’achuuf rakkachaa akka tures ni ibsa.
Balalii gaafa xiyyarichi kufe tureen sirni awtomaatikii xiyyaaricha to’atu ‘anti-stalling system’ huuruun xiyyaaricha akka gadi jedhu taasisuufi sirni kun sabab sensarri xiyyaaricha hojjechuu dhabeef ta’uu ibsa bu’aan qorannicha.
Hanga sirnichi deebise huuruu xiyyaarichaa gadi qabutti balaliisichi huuruu xiyyaarichaa ol qabuuf yaalaa tures jedha.
Sirna awtomaatiki kana balaliisichi maaliif hojii dhaabsisuu akka hin dandeenye ifa mitis jedhameera. Sirna to’annoo kun gosoota Booyina 737 max 8 qofatu qaba.

Madda suuraa, EPA
Gabaasa marsaa jalqabaa amma bahe hordofee Daandiin Xayyaaraa Itoophiyaa ibsa baaseera.
Paayiletoonni daandii xayyaarichaas akkuma Boeing ajajutti xiyyaaricha to'achuuf tattaaffii cimaa taasisaa turuu ibseera.
Ergaa Hoogganaa oolaanaa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa Tawoldee GabraMaariyaam dabarsaniin, ''Hojjettoonni Daandii xiyyaarixchaa hunduu ammallee gadda cimaa keessa jirra,''


Madda suuraa, bb
Lakkoofsi balaliinsaa ET302 Dilbata dabre kufee caccabuun lubbuu hedduu erga galaafatee booda, ka'umsi balaa kanaa maal kan jedhu gaaffii namoota hedduu taheera.
Balaa kanaan namni lubbuun hafee wanta achi keessa ture nutti himuu danda'u hinjiru.
Deebii kana kan argannu guutummaan guutuutti saanduqa haalluu burtukaanaa qabdu tokko keessaayi - Black box jedhamti.
Black box (saanduqni gurraachi) kun akka maqaasaa gurraacha miti, sirumayyuu akkuma suuraa kanarraa mullatutti haalluu burtukaanaa kan qabudha. Sababiin haalluun kun itti filatameefis, yeroo balaatti salphumatti akka argachuun danda'amuuf.
Sababiin 'black box' xayyaara keessa kaa'aniif, tarii yoo xayyaarri tokko balaan isa mudate, qorannoo gaggeessuuf kan gargaaruudha.
Wayita meeshaa kan tolchanis balaa garmalee akka dandamatu gochuuni. Kanumaanis saanduqni kun haga teempireechara 1,000 °C 'tti dandamachuu danda'a.
Sanduuqni Odeeffannoo balalii galmeessu (Black Box) kutaalee ijoo lama qaba. Flight Data Recorder fi Cockpit Voice Recorder jedhama.
Inni jalqabaa odeeffannoo balalii, saffisa, fageenya kamiin xiyyaari akka balali'aa ture galmeessa.
Cockpit voice recorder immoo sagalee waraaba. Balaliisaafi gargaaraan isaa kanneen Booleerraa balalii to'atan waliin waan haasa'an ni galmeessa. Waan dubbatan mara ni waraaba.
Akka adeemsa Dhaabata Sivil Aviyeshinii idil-addunyaatti biyya balaan kuni itit dhaqqabedha balaa kana kan qoratuufi adeemsa qorannichaa kan to'atu.
Balaan kunii Itoophiyaa keessa waan mudatef Abbaa Taayitaa Sivil Aviyeeshinii Itoophiyaatu to'ata jechuudha.
Yeroo darbe xiyyaarri Itoophiyaa Beeriyuut yeroo kufetti kan qorannoo sana gaggeesse Sivil Aviyeeshinii Libaanos ture. Sababa kanaan rakkoon mudate ture.
Amma garuu balaan kuni Itoophiyaatti waan mudatef sanduuqa kana gara Yunaayitid Isteetitti ergani qorachiisu danda'u jedheen yaada. Kanaanis daataafi sagaleen odeeffannoo argachuu danda'u.
Qorannoon isaa garuu walxaxaa waan ta'ef gabaasni duraa ji'a sadiif afur gidduutti ifa ta'a.
Yoo ture hanga waggaa tokko turuu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
Ragaalee kanneen kana dhiyeessuun kan Aadde Daagimaawwiin ibsan:
Akka ibsa Aadde Daagimaawititti, qorannoon dursaa yeroo ji’a tokkoo keessatti bahuu waan qabuf yeroo isaa eegnee dhiyyeessaa jiru. Qorannoon waliigalaa waggaa tokko keessatti akka bahu eeggama jedhanii inni gabaasa guutuu akka ta'u ibsan.
Qorannicha hogganaa kan turan Amdiyyee Ayaalew: "Qorannoon kun sababa ijoo xayyaarichi itti caccabeef nutti agarsiisuu danda’a. Gara fulduraaf hojiileen hojjetaman ni jiru. Qaamni dhiibbaa nurraan gahaa ture hin jiru," jedhan.
1. Meeshaaan to’annoo balallii dhaabbata xayyaaricha omishuun irra deebiin ilaallamuu qaba.
2. Hanga rakkoon meeshaa to'annoo balalii kun furamutti xiyyaarri gosa balaan mudatee kun (Boeing 737 Max jedhamu) hojii balali'uutti deebiyuu hin qabu.
Koreen waajjira qorannoo balaa xayyaaraa Itoophiyaa ministira geejibaa Itoophiyaa irraa, Abbaa taayitaa aviyeeshinii Itoophiyaa, daandii xayyaaraa Itoophiyaa akkasumas qaamolee idil addunyaa kunneen akka biyya US, France fi gamtaa Awuroopaa hirmaataniiru

Aadde Daagimaawwit akka jechuun ibsa isaanii jalqaban:

Waahelli keenya Habtaamuu Xibabuu bakka ibsi itti kennamuuf jiru jira. Waan jiru jala jalaan hodofnee isin biraan geenyaa nu hordofaa.

Madda suuraa, Habtamu Tibebu
Tamsaasni keenya kallattii gabaasa marroo jalqabaa ka'umsa balaa xiyyaara ET302 jalqabeera.
Nu hordofaa.