Booying xiyyaarota Max 737 Amajjirraa eegalee yeroodhaaf oomishuu dhaabuuf

Boeing 737 Max

Madda suuraa, Getty Images

Kaampaaniin xiyyaarota oomishu Booying xiyyaarota rakkina qaban max 737 ji'a Amajjii dhufturraa eegalee yeroodhaaf oomishuu dhiisuuf akka jiru beeksise.

Xiyyaarota gosa walfakkatu qaban lama balaan kufaati mudachuu hordofuun, ji'oota salgaan darbe xiyyaaronni kun qubsiifamanii turan, garuu omishuun itti fufee ture.

Balaa xiyyaarota Max 737 Itoophiyaafi Indoonizhiyaa mudateen lubbuu namoota 300 olitu darbe.

Booying xiyyaarota gosa walfakkaatan balaliirraa dhorkaman deebisee xumura bara kanaa keessa hojii jalqabsiisuuf abdii qabachuu ibsaa ture, ta'us otoo hin milka'iin hafeera.

Dambiin balalii Ameerikaa xiyyaaronni kun deebi'anii samiirraa balali'uuf eeyyama saffisaan akka hin arganne beeksise.

Kaampaaniin Siyaatil ,Waashingiteen keessa maadheffate kun oomishasaa biyyoota birootti erguun kanneen beekamoo ta'an keessaa tokko. Hojjattoota oomishasaarratti bobba'an garuu kaampaanichi hojii dhaabsisuuf hin jiru garuu ,oomishuu dhaabuun dhiyeessatoota fi dingadee waliigala miidhu mala jedheera.

'Nageenyi xiyyaarota max 737 eegame balaliitti deebi'uun filannoo keenya jalqabaatii' jedheera kaaampaniin oomisha xiyyaaraa kun.

'Tajaajilatti deebisuuf leenjiin murteessoon akka barbaachisanfi dambiin hojiirra oolusaa mirkaneessuu, maamiltonnifi hawaasni balalii keessatti qooda qabu xiyyaaricharratti amantee horachuu dursee akka qabus beeksiseera.

Torban darbe keessa Kongiressi biyyattitti akka himametti, dambiin to'annoo aviyeeshiinii Ameerikaa balaan xiyyaara Indonezhiyaarra erga qaqqabe balaan biraa akka hin mudanneef dammaqinsaan hordofaa turu himeera.

Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa xinxalli dhiyeesse jijjiramni (wixinee hojii) design xiyyaarichaa yoo hin jiraanne ,xiyyaarri kun baay'inaan kufee balaa qaqqabsiisuu akka danda'u akeeke.

Haata'u malee ,xiyyaarri Itoophiyaa si'a lamaffaarratti amma ji'a Bitootessaa bara 2019 tti kufutti xiyyaaronni Max 737 hojii hin dhaabne.

Booying caaseffama qaama xiyyaarichaa ofiisaa to'achuuf danda'u keessatti hojjachuun ka'umsa balaa mudatanii ture.

Xiinxalaan dhimma imalaa Henarii Hartivilidit murtoo oomisha dhaabuu kaampaanichi murteesse kan eegame akka hin turreef dhiibbaa guddaa Booyingi , dhiyeessitoota fi Daandiwwan qilleensaarratti akka qabu hime.

' Daandiiwwan qilleensa keessatti hirmaatan, akkasumas dhaabbilee dhibba ja'a ykn Kaampaanota dhiyeessii xiyyaarota max737 keessa qooda qabanii fi Booying otoo hin hafiin jeequuf jira'

Dhiyeessiin xiyyaarota kanaa Booying duraanuu doolara biliyoona 9tti dhiyaatu ykn (£6.75bn gatii baasiseera. Wixata kanatti qoodni kaampaanichaa harka 4'n hirateera, dhaabbatichi oomishuu dhaabu wajjin wal qabate.

Kaampaanichi xiyyaarota Max 737 baayinnisaanii 400 omishee kuusaa keessaa qabaachuu ibsuun maamiltootasaaf dhiyeessuurratti akka xiyyeeffatus ibseera.

Garuu,daandileen qilleensaa xiyyaroonni akka hojjatamuuf ajajan otoo maamilaaf hin dhiyaatin hafuu hordofuun injinaroonni kaampaanichaa mosaajii rakkinicha fururratti xiyyeefatan.

Grounded Boeing 737 Max planes

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, All Boeing 737 Max planes are currently grounded