Boeing rakkoo xiyyaarota Max 737 dursee akka beeku amane

737 Max

Madda suuraa, Getty Images

Boeing rakkoo xiyyaaronni Max 737 qaban waggaa tokko dursee akka beeku amane.

Xiyyaaroonni lamaa balaan irra qaqqabus, tarkaanfiin fudhate akka hin jirretu himame.

Kaampaanichi akeekkachisa akka tasaatti kennus , nageenyummaa balali'insa balaarra akka hin buusne beeksisee ture.

Xiyyaaronni Max 737garuu, balaan Xiyyaara Itiyoophiyaa lubbuu namoota 157 dabarsee erga qaqqabee booda akka hojii keessaa bahan taasifamaniiru.

Ji'a shan duras xiyyaarri qabeenyummaan isaa kan 'Lion Air' kufee lubbuu namoota 189 akka darbu taasisee ture. Addunyaarratti akka hojii keessaa ba'an wayita taasifaman xiyyaarota Max 737 baayyinni isaanii 387 ta'an hojii akka dhaaban taasifameera.

Sirni rakkoo qaba jedhamee komatamu kun Angle of attac' kan jedhamu yoo ta'u, balaliisaan xiyyaaraa dhaamsi wal faallessuu wayita mudatu akka hubatuuf kan gargaaru.

Kaampaaniin Xiyyaarota oomishu sirnicha akka waltawaa ta'etti ibsee garuu, amma xiyyaarota dhiyeessuu jalqabutti yoo buufataaleen xiyyyaara akka filannootti bitan qofaa hojiirraa oolaa jedhe.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa Rooyitersitti akka himetti, amma Sadaasa bara 2018tti Boeing rakkoon mosaajii jiraachuu hin beeku. Ji'a sana booda garuu xiyyaarri Lion Air kufee caccabe.

Bulchiinsi Aviyeeshinii kun dhimmichi akka rakkoo jabaa hin taanetti ibsee garuu, Boeing burjaja'iinsi akka hin mudanneef durse beeksisera jedha.

Kallatti balaliirratti xiyyaarichi rakkina qabaachuun ka'umsa balaa mudatee ta'uutu himame.

Xiyyaara Boeing 737 Max 8

Madda suuraa, Boeing

Boeing balaan lachuu dogoggora 'Angle of attack'tiin fuuldureen xiyyaarichaa akka gadi guggufuu/irraan gadi bu'u dhiibbaa uumuusaa hime.

Ammatti Kaampaanichi Moosaajii haaraa 'MCAS' hojjachaa jiraachuu himeera.