Xiyyaarri 'Boeing 737' wayita qubachuuf jedhu laga Filooriidaa lixe

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyaarri US kan imaltoota fe'ee ture battaluma qubatetti gara laga Filooriidaatti jal'achuun bishaan lixe.
Wayita xiyyaarri kun qubatetti roobni hamaan bubbee makate akkasumas calaqqeen hamaan waaqarraa nannoocha jeeqaa akka turetu himama.
Xiyyaarri 'Boeing 737' jedhamu kun imaltoota 143 kan fe'ee ture yoo ta'u, balaa uuamameen namoonni akka badaatti miidhaman hin jiran.
Xiyyaarri kun Kuubaa irraa ka'ee gara magaalaa Jacksonville imalaa ture.
Imaltoonni akka jedhanitti xiyyaarichi wayita qubachaa turetti dhiibbaa qilleensaa fi roobaa hamaa jala ture, booda gara lagaatti dabuu danda'e jedhan.
Imaltoota xiyyaaricha keessa turan keessaa namoonni 20 ta'an miidhaan salphaan irra ga'ee hospitaala seenaniiru.
Imaltoota keessaa tokko kan taate Cheryl Borman akka CNN'tti himetti wayita xiyyaarichi qubate haalli ture baayyee nama sodaachisa ture jetti
''Xiyyaarichi jalqabarratti qubateera, erga lafa xuqee garuu halaan lafa qabatee dhaabbachuu hin dandeenye, lafa xuqee ol utaalaa ture'' jette.
''Bishaan keessa turre. Bishaan akkamii keessa akka turre garuu kana jennee dubbachuu hin dandeenye ture. Galaana yookiin garbatti kufnee fi laga ta'uusaa adda baasnee hin barre turre'' jechuun haala ture ibsite.














