Xiyyaarri Boeing 737 Max 8 yoo xiqqate hamma 'Caamsaatti' balaliinsa irraa dhorkame

American Airlines Boeing 727 Max 8

Madda suuraa, Joe Raedle

Xiyyaaroonni Boeing 737 Max 8 fi 9 hundi eega balaan xiyyaaraa Itoophiyaa irra gahe booda yoo xiqqate hamma Caamsaatti balaliinsa irra dhorkee jira jedhe Aveyeshiniin US.

Xiyyaaroonni kunniin hamma sooftiweeriin isaanii ilaalamu fi fe'amutti hin balalii'an, jette US.

Balaan Dilbataa xiyyaarrichi Finfinnee irraa ka'e daqiiqaa muraasa booda imaltoota 157 lammummaa biyyoota 35 qaban irratti balaa gessissuun isaa ni yaadatama.

Balaan kun ji'oota jaha keessatti balaa xiyyaarri 737 Max gessise isa lammaffaadha.

Bakka bu'aa US kan ta'ani Riik Laarseen akka jedhanitti sooftiweericha sirreessinee xumuruuf torbee muraasa fudhata, achi booda fe'uun immoo yoo xiqqaate hamma Ebla tura.

Aveshiiniin US akka jedhetti gaafa Roobii sooftiweerii Boeing Lion Air irratti hojjataa ture.

Turtii booda immoo qorattponni Faraansaay 'black box' xiyyaaraa Itoophiyaa irratti qorannoo gochaa turan.

Kamisa immoo Raashiyaan, Jaappaan fi Tuniziiyaan jeetii balaliinsa irraa dhorkan.

Roobii galgala immoo Aveshiiniin US xiyyaaroonni isaanii akka hin balaliine dhorkaniis, dhorkudhaaf turtan jedhamanii qeeqamaa jiru.

Dabalataan xiyyaaroota hojii irra jiraniin alatti, xiyyaaroonni 5,000 ta'an ajajamanii jiru. 'Garuda Indonesia' akka jedhetti carraan ajaja xayyaara 20 haquu danda'an akka jiru himaniiru.

Dubbii himaan BEA akka jedhetti haala saanduuqni odeeffannoo irra jiru hin beeku.

"Jalqaba odeeffannoo isaa dubbisuuf yaalla. Dabalaatan qorannoon kun guyyaa tokko hanga guyyoota hedduu fudhachuu dandaa'a.

Akka odeeffannoon tokko tokko jedhutti Jarman dursa akka qoranno kana hojjattu jedhamuus, daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa haala bara 2010 dhabbanni Faraansaay kuni qoranno Liibanoos keessa turetti waan itti hin gammanneef hafee jira.

UK fi US dhaabbata qorannoo guddaa qabu.

A Southwest Boeing 737 Max 8 enroute from Tampa prepares to land at Fort Lauderdale-Hollywood International Airport on March 11, 2019 in Fort Lauderdale, Florida.

Madda suuraa, Getty Images