Boeing: Awurooppaa fi Indiyaanis biyyoota xiyyaara Boeing 737 Max balaliisuu dhaabanitti dabalaman

Boeing 737 Max

Madda suuraa, Anadolu Agency

Dilbata darbe xiyyaarri gosa Boeing 737 Max 8 osoo Finfinneerraa gara Naayiroobii balali'aa jiruu kufee caccabuun namoota 157 galaafachuusaa hordofee Itoophiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduun gosa xiyyaaraa kanatti fayyadamuu akka dhaaban beeksisaniiru.

Isaan keessaa Chaayinaa, Awustiraaliyaa ,Indooneezhiyaa fi UKn isaan jalqabaati.

Ammammoo Gamtaan Awurooppaa fi Indiyaan biyyoota xiyyaara kanatti fayyadamuu dhaaban keessatti dabalamaniiru.

Biyyoonni addunyaa hedduun xiyyaara kanatti fayyadamuuf shakkii qabaatanillee Yuunaayitid Isteetis garuu ammas taanaan xiyyaarri kun qilleensaaf mijataadha jettee mirkaneessaa jirti.

Waldaan Balaliistotaa US kan 'CWA union' jedhamu garuu Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa gaaffilee itti heddummaachaa jiran ilaalcha keessa galchuun xiyyaara kana yeroof hojii dhaabsisuu akka qabu gaafataeera.

Minsteerri Siivil Aviyeeshinii Indiyaa xiyyaara Boeing 737-Max jedhamutti fayyadamuu hatattamaan akka dhaabu beeksiseera.

Hanga xiyyaarri kun nageenyummaansaa qilleensarratti mirkana ta'uun adda ba'utti itti hin fayyadamnu jedha ibsi Ministeerri kun baase.

Ejensiin Aviyeeshinii Gamtaa Awurooppaa akka murtee akeekkachiisa jalqabaatti xiyyaara kanatti fayyadamuu yeroof akka dhaabe ifa godheera.