Balaa Xayyaaraa ET302: Yaaddoo balaliinsaa akkamiin to'anna

Madda suuraa, Getty Images
Wayita xiyyaara seentan harki keessan naasuudhaan dafqee beekaa? Wayita xiyyaarri balali'uu eegalu teessootti maxxantanii qabattuu? Wayita xiyyaarri qubachuuf jedhu onneen keessan haalaan dhahatee beekaa?
Akkas taanaan ati akkuma lammiilee Ameerikaa xiyyaaraan balali'uu sodaatta jechuudha.
Akka qorannoo Boeing geggeesseetti lammiileen Ameerikaa harki 17 xiyyaaraan balali'uu sodaatu.
Tibbana erga xiyyaarri Boeing 737 Max 8 Itoophiyaa keessatti kufee namoota 157 galaafatee namoonni xiyyaaraan imaluu yaadda'aniiru.
Garuu maloota geejjibaa keessaa balaan xiyyaaraan mudatu baayyee xiqqoodha.
Addunyaa kanarra xiyyaaronni 37,800,000 kan balali'an yoo ta'u, balaan geejjiba xiyyaaraan mudatu garuu namoota 2,520,000 keessaa nama tokko qaqqaba. Ragaan kun dhaabbati 'Aviation Safety Network' (ASN)' bara 2018 keessa baasedha.
Garuu waa'ee balaa xiyyaaraa addunyaarratti bal'inaan waan gabaafamuuf sodaan olaanaa nama keessatti uuma.
Yaaddoon sodaa garuu wal'aansa qaba- akkaataan ittiin irra aannu hedduutu jiru. Kunneen kan ogeeyyiin waa'ee sammuu lafa kaa'aniidha.
Hafuura baafachuu fi galfachuu

Madda suuraa, Getty Images
University of Vermont keessatti ogeessi xiin-sammuu Matthew Price akka jedhutti suuta suuta hafuura karaa afaanii galfachaa karaa funyaanii baasaa deemuun yaaddoo namarraa salphisa.
Tajaajila gorsaa argachuu

Madda suuraa, Getty Images
Wayita xiyyaara keessa seennu baayyeen keenya sodaa ofirraa balleessuufis ta'ee akka namni nu hin jeeqneef jecha muuziqaafaa caqasaa deemna, yookiin ammoo dawaa hirriba nama raffisu fudhannee rafna.
Kaan keenyammoo dhugaatii alkoolii dhugna.
Haala kanaan sodaan inuma dabala malee hin hir'atu, inumaa akka deebitee xiyyaara hin seenne si godha.
Kanaaf furmaata kan ta'u waliin dubbachuu, yaada waliif qooduu, gorsa ogeeyyii xiinsammuu fudhachuudha.
Sodaa mo'achuu

Madda suuraa, Getty Images
Ogeeyyiin akka jedhanitti yaaddoo xiyyaaraan imaluu dandamachuuf wantoonni barbaachisan miira sodaa to'achuu, sodaa mudatu amuu of amansiisuun gootummaan keessa darbuu fi haala balaliinsaa jiru hundumaa hubachuudha.
Dhugaa jiru hubachuu

Madda suuraa, Getty Images
Balaan xiyyaaraa wayita uumamu oduu guddaa uuma.
Akka ogeeyyiin Dhimma Nageenya Daandii xiyyaaraa qoratan jedhanitti garuu du'aatii namootaaf yaaddoo guddaan geejjiba lafarraati malee kan qilleensarraa miti.
Waggoota kurnan lamaan darban balaan xiyyaaraan mudatu haalaan hir'achuus himu.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akka jedhutti bara 2013 keessa addunyaarratti namoonni miiliyoona 1.25 balaa konkolaataatiin dhumaniiru.
Akkuma walii galaatti balaan konkolaataadhaan mudatu kan xiyyaaraan mudatu caalaa dhibbeentaa 100n hammaataadha.
Kan biraan kan lubbuun namootaa garmalee ittiin darbaa jiru ammoo Kaansarii Onneeti.
Dhugaan kan biraan waa'ee nageenyummaa daandii qilleensarraa ammo fakkeenyaaf bara 2017 keessa balaan tokkollee hin mudanne kunimmoo seenaa daandii xiyyaaraa keessatti isa ajaayibaa ta'eera.














