Boeing 'waan balaliiftoonni Max 737 jedhan haalaan hin fudhannee'

Boeing 737 Max

Madda suuraa, Getty Images

Boeing qorannoowwan ariifachisummaa nageenyaa xiyyaarota Max 737 ilaalchisuun waan balaliiftoonni jedhaniif xiyyeeffannaa caalaa kennuutu barbaachisa jedhan hogganaan geejjiba US.

Xiyyaarri Max 737 erga baatii Bitootessaa keessa balaawwan lamaan raawwataniin asi hojiin ala taasifameera.

Nageenya xiyyaara kanaarratti ammoo Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaala US murtessu qabaata.

Haa ta'u malee, akka Boordii Nageenya Geejiba Biyyaalessa US (NTSB)tti hojjattooni balaawwan sana keessaa hojjatan ''haala Boeing fi FAA isaan eegeen deebii hin taasisne.''

Erga xiyyaarri daandii qilleensa Itopophiyaa battaluma ka'een kufee cacabuun lubbu namoota 157 galaafatee kaasee xiyyaarri Max 737 dhimma daldalaatiif balalii'ee hin beeku.

Balaan kunis balaa daandii qilleensaa Lion Air kan Onkololeessa bara darbee qaqabuun namoota 189 galaafate booda.

Sirni MCAS attamiin hojjata

Sirni MCAS attamiin hojjata

Balaawwan qaqaban lamaaniinuu, qorattoonnis softiweriin sirni MACAS jedhamu gahee taphate irratti xiyyeeffachuun kan gaggeefame ture. Sirni kunis xiyyaara akka salphaatti akka balalii'uuf kan hojjatamedha.

Qarannoo taasifameenis softiwerichaafi hojii dhaabuun qaama 'sensors' balaliiftoonni akka xiyyaaricha hin to'anneef gummaacha taasiseera jechuun mul'isan.

Boeing ammoo nageenya xiyyaarichaa foyyeessuuf softwerii xiyyaarichaa irra deebiin haromsaan jira jedheera.

Garuu daarektarri waajira Nageenya Aviashinii NTSB, Daanaa Skulze akka jedhaniitti, Beoing ''akkeekachiftuwwan fi mallattoo kennitoota balaliinsaa kan balaliiftoonni wayita daandiin qilleensaa Lion Air fi Daandii qilleensa Itoophiyaa mudate ture hunda hinilaalu.''

Jalqaba baatii kanaarratti ammo, Mormaan Nageenya aveyeshinii Awuroppaa, Ejjansiin Nageenya Aviyeeshinii Awuroppaa (Easa), akka jedhaniitti, Max 737 naga qabeessa jechuun waan US murtessitu hinfudhadhu.

Kanarras, osoo gara hojii balaliinsaatti hindeebi'iin dura ofiisaatiin qorannoo gaggeessa.