Waraana Kaaba Itoophiyaa: Qondaalli US Ergamaa Addaa ta'uun Jeefrii Feltimaan bakka bu'uuf jedhan eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa ta'uun kan tajaajilaa jiran Jeefrii Feltimaan itti gaafatama isaanii gadhiisanii qondaala olaanaa biraan bakka buufamuuf akka jedhan gabaafame.
Oduun kun guyyaa Kamisa har'aa Jeefrii Feltimaan gara Itoophiyaatti imaluun qondaaltota Itoophiyaa waliin akka mari'atan erga ibsamee booda dhagahame.
Akka gabaasa Rooyitarsitti, Ebla waggaa darberraa eegalee baatiwwan sagal oliif dhimmoota ijoo Gaanfa Afrikaarratti erga dalagaa turanii booda Feltimaan ji'a kana keessa itti gaafatama kana gadhiisu.
Qondaalli olaanaa US isaan bakka bu'uuf jedhaniis yeroo ammaa Tarkiitti Ambaasaaddara US ta'uun kan tajaajilaa jiraniifi turtiin isaanii xumuramaa kan jiru Deevid Saatarfiildidha.
Itoophiyaafi Tarkiin hariiroo isaanii yeroo dheeraaf gama dinagdeen ture cimsuun gara waraanaatti yeroo guddisanittidha qondaalli kun kan Itoophiyaatti muudamuuf jedhan.
Rooyitars maddeen sadii dhimmichatti dhihoo jiran eeruun gabaasuus gama mootummaa US hanga yoonaa dhimma kana irratti wanti ifatti dubbatame hin jiru.
Akka gabaasa kanaatti, durumaa Feltimaan itti gaafatama kanarra yeroo turtii wagga tokko gadiif tajaajiluuf yaada qabu ture.
Jeefrii Feltimaan, ganna 62, gara caalu dhimma Itoophiyaa fi Sudaan itti dhiheenyaan hordofuun gaam dippilomasiin furuuf carraaqaa turan.
Keessumaa Itoophiyaatti, qaamoleen waraana keessa jiran dhukaasa dhaabanii mariitti akka deebi'an ergama fudhatanii socho'anis ammatti carraaqqiin kun ija godhatee hin mul'anne.
Bara turtii isaanii hariiroon Ameerikaafi Itoophiyaa rakkoo godhatee ture furmaata hin arganne. Inumaa ilaalchi farra US Itoophiyaa keessa akka dagaage xinxaltoonni ni ibsu.
Qondaaltonni Itoophiyaa walumaagala US, akkasumas Feeltimaan TPLFf ni loogu jedhamanii himatamaa turan.
Isaan garuu himannaa kana hin fudhatan.
US waraanichaan walqabatee tarkaanfiiwwan jajjabaa Itoophiyaa irrati kan fudhatte yoo ta'u ammallee qaamoleen waraana keessa jiran akka mariitti deebi'an ibsuun kanaan ala akka qoqqobdu akeekkachisteetti,
Imala Feltimaan
Bulchiinsi Pirezidant Joo Baayidan osooma baallii Donaald Tiraamp harkaa hin fudhatiin ture waraana Itoophiyaa keesatti ka'eefi ijoo dubbii addunyaa ta'en yaadda'u ibsuu kan eegale.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidant Baayidan jalqabarratti Bitootessa keessa michuu isaanii Senaatar Kiriis Kuuns gara Itoophiyaatti ergun yaaddoo US waraana Itoophiyaa keessa adeemaa jiru ibsitee turte.
Eegasii baatii Ebla keessa dippilomaatiin olaanaa US sooramarra turan Jeefrii Feltimaan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US jedhamuun muudaman.
Isa dura Ameerikaan dippilomatii sadarkaa ergamaa addaa jedhuun Gaanfa Afrikaarratti hin muudne ture.
Feeltimaan dura aantummaan dhimma Itoophiyaafi Sudaan akka itti dhiheenyaan hordofaniifi furmaata kennan muudamanis, xiyyeeffannoon guddaa garuu Itoophiyaarratti ture.
Yeroos Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan muudamni kun rakkoowwan nageenyaa, siyaasaa fi namoomaa naannichaa karaa dippiloomasiin furuuf murannoo bulchiinsi Baayidan qabu agarsiisuufi jedhan.
Feltimaan yeroo itti gaafatama isaanii keessumaa lola Itoophiyaa keessa ture, akkasumas fonqolchi waraanaa Sudaan keessa baatii Onkololeessa keessa mudate kanneen ijoo xiyyeeffannoo isaanii qabanidha.
Dhimmi Hidha Laga Abbayyaa Itoophiyaa, Masriifi Sudaan wal dhabsiiseefi muddamni daangaa Itoophiyaafi Sudaanis kanneen ijooti.
Jeefrii Feltimaan yeroo turtii isaanii biyyoota kanneen akka Itoophiyaa, UAE, Ertiraa, Masrii, Keeniyaa, Sudaan daawwataa turani.
Dabalataan, booda kana qooda biyyonni kaan waraana Itoophiyaa keessa deemu dhaabsisuu danda'u jedhuun gama UAE, Turkii, Masrii fa'i imaluun marii taasisaniiru.
Imalli UAE fi Turkii gara caalu biyyonni lamaan meeshaa waraanaa Itoophiyaatti gurguru himannaa jedhurraa kan ka'eefi nagaan akka bu'u gahee isaanii akka gumaachaniifi.
Baatii sagal booda yoo ilaalamuu jijjiiramni muraasni mul'atus ammallee waraanni guututti dhaabatee qaamoleen lola keessa jiran mariitti hin deebine.
Yeroo kana keessatti inumaa hariiroon Ameerikaafi US sadarkaa hammaataarra gaheera.
Ameerikaan qaamolee lamaan dirree waraanarraa teessuma mariitti akka deebi'an gochuuf jaarsummaan alatti tarkaanfii fudhachuufis dhaadachaa turte.
Bara Feltimaan kanatti US deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu dhorkiteetti, qondaaltota olaanoo irrattimmoo dhorkaa keesse.
Dabalataan, baatii Sadaasa keessa sababa qooda waraana Itoophiyaa keessaan paartii ijoo Ertiraa bulchu dabalatee qoqqobdeetti, biyyoonni kuni garuu morman.
Booda kanammoo Itoophiyaan lammiilee waraana waliin qooda hin qabne miidha jechuun watwaattus, Baayidan Itoophiyaa sirna daldala qaraxaa malee AGOA irraa Itoophiyaa haqaniiru.
Pirezidant Baayidan baatii Fulbaanaa keessa qooda fudhattoota waraana Tigraay qoqqobuuf ajaja dabarsuun isaaniis ni yaadatama.

Madda suuraa, Getty Images
Xiinxaltoonni sababa hariiroon biyyoota lamaa hammaateef US dhiibbaa dippilomasii Itoophiyaarratti fiduu dadhabuu ishee ibsan jiru.
US ammallee qaamoleen waraana keessa jiran yoo dhukaasa dhaabanii mariitti hin deebine akka qoqqobdu akeekkachiisteetti.
Kana keessatti qoodi Feltimaan akkasumas Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa taasisanis ammatti fedhii US fi biyyoonni Lixaa fedhan hin argamsiisne.
Deevid Saatarfiild eenyu?
Akka seenaan isaanii ibsutti Saatarfiild hariiroo alaa US keessatti muuxannoo waggoota afurtamaa ol qabu.
Yeroo ammaa Turkii kan Itoophiyaaf meeshaa waraanaa gurguruun himatamtutti ambaasaaddara ta'un dalagaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Saatarfiild hariiroo Turkiifi US kan lamaanuu miseensa NATO ta'an fufsiisuuf ifaajee keessa turaniiru.
Adoolessa bara 2019 Turkiitti muudamuu isaanii dura gorsaa olaanaa Ministeera Dhimma Alaa US ta'un dalagaa turan.
Akkasumas Ministeera Dhimma Alaa US'tti dhimma Giddugala Bahaafi Kaaba Afrikaa kallattiin hordofuuf itti gaafatama fudhatanii tajaajilaa turan.
Imbaasii US Kaayiroofi Iraaq keessa tajaajilaniiru. Akkasumas Libaanositti ambaasaaddara ta'un hojjetan. Sooriyaa, Tuniziyaa, akkasumas Sa'udii Arabiyaa keessattillee dalagan.
Baroota 1990 keessammoo Ministeera Dhimma Alaatti Daarektara Arabaafi dhimma Arabaa- Israa'elii ta'un dalaganiiru.
Akka seenaan isaanii Ministeera Dhimma Alaa US ibsetti hojii isaaniin yeroo garaagaraatti badhaasa argataniiru.
Dhaloonni isaani Baaltimoor, meerilaand yoo ta'u Yunivarsiitii Meerilaandiifi Joorjitaawonitti barumsaa isaanii hordofani. Afaan Ingiliziin alatti Afaan Arabaafi Faransaayillee ni dubbatu.

















