Waraana Itoophiyaa: Eertiraa fi Itoophiyaan qoqqobbii Ameerikaa 'seer-maleessa' ittiin jedhan balaaleffatan

Alaabaa Eertiraa fi Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummoonni Eertiraa fi Itoophiyaa qoqqobbii Yunaayitid Isteets dhimma waraana Itoophiyaan Eertiraa irratti keesse balaaleeffatan.

Ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baasen Ameerikaan yoo murteessitu wantoota ijoo irra tarte qabdi jedheera.

Ministirri Odeeffannoo Eertiraa gama isaatiin qoqqobbiin Ameerikaa kun bu'uuraa seeraa kan hin qabnee fi kan fudhatama hin qabne jedhe.

Ameerikaan guyyaa Jimaataa ture Raayyaa Ittisa Biyyaa, Paartii Eertiraa bulchuu, dhaabbata daldalaa paartichaa fi qondaalota lama irratti qoqqobbii kan keesse.

Ministeera Maallaqaa Ameerikaa qoqqoobbii kaa'e, sochiin Eertiraa nageenyaa Itoophiyaa hammeesse jechuun himateera.

''Mootummaan Itoophiyaa Eertiraan nageenyaa waaraa Itoophiyaaf danqaadha jedhee hin amanu. Nageenya Itoophiyaa fi gaanfa Afrikaaf yaaddoon dhugaafi amma jiru weerara TPLF itti fufedha,'' jedheera mootummaan Itoophiyaa deebii isaatiin.

Eertiraan gama isheetiin qoqqobbichi yakkoota bu'uura hin qabne raawwataman jedhaman Eertiraatti haqachuudha, walabummaa biyyattii fi seera idil-addunyaa kan faallessudha jette.

Kaayyoon qoqqobbichaas waliigalatti Gaanfa Afrikaa keessa addatti ammoo Itoophiyaa keessa nagaa fi tasgabbiin waaraan akka hin jiraanne gochuudha jette.

Ameerikaan qoqqobbiin kun 'uummata Eertiraa miidhuuf miti' jettus ibsi ministeera odeeffannoo Eertiraa garuu qoqqobbichi jeeqama siyaasaa uumuun uummataa beelaa fi miidhamaaf saaxila jedhe.

Waraana Kaaba Itoophiyaan waraanni Eertiraa mootummaa federaalaa bira dhaabbachuun lolaa ture. Biyyoonni lamaan waggoota 20 booda araara buusanis araarri barbaadame hin dhufne.

Qoqqobbiin kuni Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan imala isaanii jalqabaa gara Afrikaa taasisuuf erga ibsanii booda dhagahame.

Imala isaaniin torban dhufu Keniyaatti goruun dhimma Itoophiyaa, Sudaaniifi Somaaliyaa Pirezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa waliin akka mari'atan ibsameera.

Biyyi ollaa Itoophiyaa kan taate Keeniyaan irra deddeebbiin kanneen lola Itoophiyaa keessa qooda fudhataa jiran mariin akka furan gaafatteetti.

Lola dhaabanii yoo mariitti hin deebine Ameerikaan mootummaa Itoophiyaafi TPLF irratti tarkaanfii akka fudhattu akeekkachiisteetti.

Sababni qaamota lamaan ammatti qoqqobuu baattes dursa mariif carraa kennuuf akka ta'e Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa kuni ibsaniiru.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegale as Ameerikaan irra deddebbiin waraanni Ertiraa akka Itoophiyaa keessaa bahu akeekkachiisaa turte. Badii garaa garaanis himataa turte.

''Humnoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa argamuun lola jiru xumura itti tolchuufis ta'e deeggarsa namoomaa waliin gahuuf danqaadha,'' jedheera Ibsi Ministeera Maallaqaa Ameerikaa.

Dhimma kana irratti gama Ertiraa wanti jedhame hin jiru.

Mootummaan maal jedhe?

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa akka eerutti Ameerikaan jalqaba TPLF Asmaraatti dhukaasuufi kanaanis Ertiraan dirqamtee lolatti seenuu ishii ibse.

Labsii dhukaasa dhaabuu baatii Waxabajjii keessa booda waraanni Ertiraa Itoophiyaa gadhiisee bahuu ibsa.

Biyyoonni Lixaa garuu irra deddeebbiin waraanni Ertiraa Itoophiyaa keessaa akka bahu ibsaa jiru.

Itoophiyaafis ta'e gaanfa Afrikaan yaaddoon nageenyaa TPLF malee Ertiraa miti jedheera ibsi mootummaan Itoophiyaa baase.

Loltoota Eertiraa

Madda suuraa, Getty Images

''Gahee jeequmsaa TPLF sirnaan balaaleeffachuu dhabuun hawaasa addunyaa, garee shororkeessaa kana goobanseera,'' jechuun ibse.

''Yoo galmi qoqqobbii sochii jeequmsaa qooda fudhattootaa dhaabuu ta'e, qoqqobbiin cimaa US fi hawaasa addunyaa TPLF irratti xiyyeeffachuu qabu jechuun mootummaan Itoophiyaa cimsee amana.''

Sababa kanaaf mootummaan Ameerikaa qoqqobbii Ertiraa irratti kaase kaasun, madda ijoo rakkoo amma jiruuf kan jedhe TPLF irratti ka'amuu qaba jedheera.

Faallaan immoo qoqqobbii kaleessa Ameerikaan Ertiraa irratti keesse akka fudhatan Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Redaa ibsaniiru.

Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun boodarra naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'ate amma waggaa tokko lakkoofsiseera.

Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hin mul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.

Ta'us, torban darberraa eegalee Gamtaan Afrikaafi US deeggarsa UN fi Gamtaa Awurooppaan qaamolee lola keessa jiran mariitti deebisuuf itti dhiheenyaan hojjetaa akka jiran himaniiru.

Waraana kanaan amma dura namootni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle himama. Namootni miliyoona lama ol qe'ee isaaniirraa kan buqqa'an yoo ta'u, miliyoona 7'tti kan siqan deeggarsa hatattamaa barbaadu.