Waraana Itoophiyaa: 'Kibba Gondarii fi Kaaba Wallootti finciltoonni Tigraay namoota nagaa 180 ol ajjeesan'

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Amaaraa godinaalee Kibba Gondarii fi Kaaba Wallootti finciltoonni Tigraay yoo xiqqaate namoota nagaa 184 ajjeesuu isaanii Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise.
Ajjeechaawwan kunneen kan raawwataman baatilee Adoolessaa fi Hagayyaa keessa ta'uu komiishinichi gabaasa haaraa baaseen beeksiseera.
Finciltoonni wayita godinaalee kana to'atanii turanitti sarbama mirgoota namoomaa fi seera namoomaa idil-addunyaa raawwataniiru jedha gabaasi kun.
Sarbamni fi miidhaawwan raawwataman 'yakka waraanaa ta'uu danda'a' jedhe komiishinichi.
Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsise kana keessatti humnoonni TPLF sarbama mirgoota namoomaan yoo himataman kun kan duraa miti.
Amma duras qorannoo Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjirri Mirgoota Namoomaa UN waliin taasisaniin, 'yakka waraanaa fi yakka namooma irratti raawwatame' jedhamee keessatti humnoonni TPLF maqaan dhahameera.
Dhiyeenya ammoo gabaasa 'Amnesty International' baaseen waggaa darbe ji'a Adoolessaa keessa humnoonni TPLF magaalaa Kibba Gondar Nifaas Maawucaatti yakka dirqamiin gudeeduu, saamichaa fi miidhaa qaamaa jiraattota irratti raawwachu ibsee ture.
Dabalataan, Ministeerri Haqaa Itoophiyaa marsaa duraa Naannoo Amaaraafi Afaar keessa badii humnoota TPLF'n raawwate jedhe qorachuun ifa akka godhetti lammiileen 482 ajjeefamuu eere.
Dubartoonni 100 ol gudeedamuufi kaanimmoo miidhamuu ibse. Gabaasi baatii Onkololeessa keessa ifa bahe kuni qabeenya manca'es eera.
TPLF gabaasa komishinii mirgoota namoomaa Itoophiyaa haarawa bahe irratti deebi kennuu baatus, amma dura yakkoota hidhattoonni isaa raawwatan jedhamu waakkataa ture.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaama walabaa akka hin taanee eeruun, qorannoo qaama walaba ta'een godhamuuf karri isaa banaa ta'uu fi yakki hidhattoonni isaa raawwatan yoo jiraate itti gaafatamummaan akka jiraatu akka taasisu TPLF ibsaa ture.
'Ta'e jedhanii ajjeesuu'
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qorannoo hanga Fulbaana 5'tti gaggeesse jedheen, namoota miidhaan irra gahe, aanga'oota mootummaa, qaamolee nageenyaa fi dhaabbilee gargaarsa namoomaa dubbisuu hime.
Qorannoo kanaan hidhattoonni TPLF ta'e jedhanii magaalotaa fi baadiyyaa to'atan keessatti lammilee nagaa ajjeesaniiru, qabeenya namoota dhuunfaa fi kan uummataa irratti bifa qindaa'een yakka saamichaa fi barbadeessuu raawwachuu bira gaheera jedhe komiishinichi.
Dabalataan hidhattoonni TPLF gara magaalotaatti meeshaa waraanaa dhukaasuun, magaala keessatti daannoo qotachuun akkasumas manneen jiraattotaa dahoo godhachuun humnoota mootummaatti meeshaalee gurguddaa dhukaasuun lammileen akka ajjeefaman godhaniiru jedhan.
Tarkaanfii ofirraa qolachuu ykn deebisanii haleeluu humnoonni mootummaa fudhataniinis namoonni nagaa ajjeefamuufi qabeenyi manca'uu gabaasichi ni eera.
Qooda fudhattooonni waraanichaa gama lamaaniinu miidhaan lammilee nagaarra akka hin geenye akkasumas qabeenyi akka hin mancaane itti gaafatamummaa isaanii akka bahan komiishinarri komiishinii mirgoota namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'eel Baqqalaa gaafataniiru.
Itti dabaluunis kanneen yakka raawwatan akka itti gaafataman gochuun barbaachisaadha jedhan.
Sarbamni namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti gama lamaaniinuu raawwatame hammaataa ta'uurraan kan ka'e waraanichi xiyyeeffannaa idil-addunyaa akka argatu taasiseera.
Waraana kanaan amma dura namootni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle himama. Namootni miliyoona lama ol qe'ee isaaniirraa kan buqqa'an yoo ta'u, miliyoona 7'tti kan siqan deeggarsa hatattamaa barbaadu.
Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoonni lixaa waraanichi mariin akka xumuramu ammallee yaalii gochuu itti fufaniiru.














