Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'TPLF meeshaa waraanaa kan biyyi hin beekne awwaallatee qaba ture' - Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Fiild Marshaal Biraanuu Juulaa

Madda suuraa, OBN

Olaantummaa finciltoonni Tigraay waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti qabaachaa turan garagalchuun naannolee to'annoo finciltootaa jala turan bilisa baasuun kan danda'ame hojii siyaasaa fi dippiloomaasii cimaa akkasumas sosochii uummataa uumameen ta'uu ajajaan olaanaa waraanaa Itoophiyaa himan.

Fiild Marshaal Birhaanuu Juulaa turtii addatti OBN waliin taasisaniin, hojiin siyaasaa, dippiloomaasii fi sosochiin uummataa waraana keessatti qooda olaanaa akka qabu dubbatan.

Kanatti dabalataan Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa humna jabaa ijaaruu fi teeknooloojiitti dhimma bahuun olaantummaa argachuu isaa himan.

"Raayyaan Ittisa Biyyaa jalqabbii waraanichaa irratti TPLF gara holqawwan Tambeenitti galchee ture. Meeshaa waraanaa isaan ajaja Kaabaa irraa fudhatan deebisiiseera. Humna nama 250,000 ol qabu ijaaranii turan bittinneesseera," jedhan.

Qondaalli waraanaa olaanaan kun turtii baatilee saddeetii booda humni isaanii Tigraay gadhiisee bahuu hordofee taateewwan ta'an irratti ibsa kennaniiru.

Baatilee saddeet wayita loltoonni raayyaa ittisaa hogganoota TPLF adamsaa turanitti caasaan TPLF riphee ture humna ijaaraa ture jedhu Fiild Marshaal Birhaanuu Juulaa.

"Haalli akkasii yoo uumame jechuun meeshaa waraanaa awwaalanii qaban abdachuun, namoota hedduu filanii leenjisan. Tigraay balleessuuf jechuun mana manatti humna ijaaraa turani," jedhan.

"Gaafa ilaaltu nama nagaati, inni garuu leenji'ee, ibsi kennameefii qophaa'eera" jedhan.

Yeroo kanatti "uummata waliin wal hin waraannu jechuun Tigraay gadi dhiifnee baane jedhan.

Dabalataan qonni dhaabbatee rakkoon namoomaa hammaatee waan tureefi, hojiin qonnaa eegalaamuu baannaan waggoota itti aanan uummanni Tigraay rakkoo hamaaf saaxilamuu danda'a jechuun Tigraay bahuuf murteessuu himan.

"Uummata Tigraayiif deeggarsa dhiyeessaa, misoommawaan bu'uuraa caccaban suphaa osoo jirruu, hawaasa idil-addunyaan himatamuu hin qabnu" jechuun dhiibbaan idil-addunyaa sababa dabalataa Tigraay keessaa bahaniif ta'uu himu.

Raayyaan Ittisaa Tigraay keessaa erga bahee booda, humni uummataa TPLF ijaare raayyaa ittisaa duuka bu'ee lola itti fufuu himan.

'Meeshaa waraanaa awwaallate qaba'

Humni raayyaa ittisaa duuka bu'ee lola itti fufe humna uummataa wayita hogganoonni TPLF baqaarra turan caasaan dhaabichaa ijaaredha jedhan.

"Meeshaa waraanaa dur awwaallate qaba ture. Kan biyyi hin beekne, holqa nutis wayita baatii saddeetiif achi turre bira hin geenye keessa meeshaa waraanaa awwaallate qaba ture."

Kanatti abdatanii waraanicha gara naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'isu himan Fiild Marshaal Birhaanuun.

Humna uummataa ijaareen olaantummaa argatee akka dhufe waan beekneef baatilee afuriif gama tokkoon ofirraa ittisaa gama kaaniin humna ijaaraa turre jedhan.

Baatilee afur keessatti waraana leenjisuu fi hidhachiisuu, gurmaa'ina raayyaa ittisaa haaraa uumuu, uummata sochoosuu fi teekinooloojiitti dhimma bahuun qophii guutuu gochuu himu.

Qophii guutuu godhanii erga xumuraniin booda haleellaa deebisanii bananiin guyyota muraasa keessatti TPLF of duuba deebisuun danda'ameera jedhan.

'Reebamee, dirqamee gadhiisee bahe'

TPLF naannolee Amaaraa fi Affaar qabatee ture keessaa kan bahe 'tarsiimoofi' haa jedhuyyuu malee Fiild Marshaal Birhaanuu Juulaa, "dirqiin gadhiisifne, akka malee injifatameeti kan bahe" jedhan.

"Kiiloomeetira 400 to'achuuf isaanitti baatii 4 fudhate, torbee sadi keessatti rukutamee, reebamee, opiireeshiniin gadi fagoon hojjetamee, dirqamee gadi dhiise" jedhan.

Tarsiimoofi kan jedhu olola uummata Tigraay fi hawaasa idil-addunyaa dogoggorsuuf itti fayyadamanidha jedhan.

Olaantummaa argame keessatti hojiin gama siyaasaa fi dippiloomaasii akkasumas sosochii uummataatiin hojjetame, kutannoo hoggantoota mootummaa waliin ida'amuun gumaacha guddaa gochuu himan.

Ammas waraanichi guutummaatti hin goolabamne kan jedhan Fiild Marshaal Birhaanuu Juulaa TPLF ammas dogoggora biraa akka hin hojjenne dhaamaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa loltoonni isaa, finciltoota duuka bu'uun daangaa naannoo Tigraay seenanii akka hin lolle beeksisuu hordofee lolli waan qabbanaa'e fakkaatus, darbee darbee wal waraansi akka jiru gabaasaaleen ni mul'isu.

Haleellaa qilleensarraa mootummaan Tigraay iddoowwan gara garaatti raawwachaa jiruun baqattoota dabalatee namoonni nagaan ajjeefamaa jiraachuu hojjettoonni gargaarsaa ni himu.

Waraana baatilee 14 lakkoofsise kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee irraa buqqa'aniiru.