Waraana Kaaba Itoophiyaa: Obasaanjoon Maqaleetti imaluun Duraa Taa'aa TPLF waliin mari'atan

Madda suuraa, UNICEF
Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegoon Obasaanjoo waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa oliif adeemaa jiruuf xumura soquuf Kibxata Maqalee gahanii deebi'uun gabaafame.
Pireezidantiin Naayijeeriyaa duraanii Obasaanjoon waraana Kaaba Itoophiyaatti gama tokkoon humnoota mootummaa federaalaa fi deeggartoota isaanii gama biraan ammoo hidhattoota Tigraay gidduutti waggaa oliif adeemee gaaga'ama guddaa uume karaa nagaa xumura akka argatu yaalii godhan itti fufaniiru.
Dubbii himaan TPLF Obbo Getaachaw Raddaa tiwiitara isaanii gubbaatti ergaa maxxansaniin Oluseegoon Obasaanjoo rakkoo naannicha jiru furuuf Kibxata Maqalee akka turan ibsaniiru.
''Obasaanjoon jeeqama Gaanfa Afrikaa jiruuf furmaata karaa nagaa soquuf ergama qabuuf jecha Maqalee ture'' jedhan.
Obbo Getaachew Obaasaanjoon, Dura Taa'aa TPLF waliin dhimmicharratti mari'achuu malee odeeffannoo dabalataa kamuu hin kennine.
- MM Abiy Ahimadiifi Pirezidant Joo Baayidan hariiroo cimsachuuf waliigaluu himan
- Raayyaan Itoophiyaa Maqaleedhaa bahuu 'waan nuti hin eegne ture' - Pirezidant Isaayyaas
- Jeefrii Feeltimaan anga'oota olaanoo dubbisuuf Kamisa Itoophiyaatti imaluufi
- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa meeshaalee wal'aansa fayyaa Tigraayiin ga'uuf iyyama dhabe jedhe
Obasaanjoon Maqaleetti amma dura yeroo dhumaaf kan imalan humnoonni Tigraay gara daangaa Tigraay waraana duraatti deebi'uu isaaniin dura naannolee Amaaraa hedduu wayita to'atanii turanitti ture.
Daawwannaa Obasaanjoo alanaa kana irratti mootummaan Itoophiyaas ta'e miidiyaaleen biyya keessaa wanti jedhan hin jiru.
Dhimmicha irratti Ministeera Haajaa Alaarraa yaada adabalataa argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.
Gaanfaa Afrikaatti ergamaan addaa US, Jefrii Feltimaan, Kamisa torbee darbee Itoophiyaatti imaluun waa'ee waraana wal-waliinii adeema jiru irratti aanga'oota olaanoo waliin akka mari'atan gabaasamee ture.
Ta'us Feeltiman kan imala isaanii kana booda Ambaasaaddar duraanii US kan biyya Tarkiin bakka buufaman eenyu waliin akka wal-arganiifi mariin isaanii maal akka ta'e hin dubbatamne.
Kana gidduutti garuu Amajjii 10, yeroo dheera booda Pireezidantiin US Joo Baayidanii fi MM Abiy Ahimad bilbilaan mari'achuun isaanii waraana kana karaa nagaa xumuruuf wanti abdii horu jiraachuu akeekeera.
Obbo Getaachew Raddaa mariin hogganaa Tigraay fi Obaasaanjoo gidduutti godhame gaarii akka ta'e kan amanan ta'uu ibsaniiru.

Madda suuraa, Getachew Redda
''Haata'u malee xiyyaarri Obasaanjoo ka'ee daqiiqaa muraasa keessatti'' Maqaleetti haleellaan Diroonii raawwaachuu komatan.
Ta'iin kun walirra bu'uufi ta'e jedhamee raawwachuu irraa gaaffii qabaachuus ibsan.
''Namootni kiiloo afurii(masaraa) mootummaa keessa jiran tapha hamaa lubbuu miiliyoonotaatti taphachaa jiruu'' jechuun komataniiru.
Daawwannaa ifaa Obasaanjoon yeroo lammaffaaf ji'oota dura Maqaleetti taasisanii turan guyyaadhuma walfakkaataatti haleellaan qilleensaa magaala Maqaleetti raawwatamee ture.
Mootummaan Itoophiyaa tibba kana naannolee Tigraay keessatti haleellaawwan qilleensaa cimsee akka itti fufe hojjettootni dhaabbilee gargaarsaa himaa jiru.
Torban darbe keessa haleellaa qilleensaa raawwateen namootni nagaan 56 du'uu gabaasaniiru. Wiixata darbes akkasuma haleellaa biraa raawwatameen namoota du'an 17 keessaa garri caalu dubartoota ta'uun himameera.
Haleellaa Diroonii naannoo Tigraay keessatti tibba kana cimee gaggeefamaa jiruufi lubbuu namoota nagaa hedduu balleessaa jira jedhamu ilaalchisees mootummaan Itoophiyaa ifatti wanti dubbate hin jiru
Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adihaanoom haleellaa Wiixata darbee hordofee yaada tiwiitara gubbaatti maxxansaniin ''haleellaa Diroonii kan biroo Tigraay irratti raawwate kan namoota hedduu madeessee namoota nagaa hedduu ajjeeseen hedduu yaaddaheera'' jedhan.
Itti dabaluunis waamichi barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutarees waraanni Itoophiyaa dhaabatee, deeggarsi namoomaa atattamaan akka dhiyaatu gaafatan irra deebi'een dhiyeessa jedhan.
Haleellaawwan qilleensaa tibba kanaa kana hammaachaa jiran, mootummaa Itoophiyaa aanga'oota olaanoo TPLF duraanii ji'oota jalqabaa waraannii Tigraay eegaletti qabamanii turan muraasa Jimaata darbe ''dhiifamaan'' hiikuun waliigalteen dhukaasa dhaabuuf wayita abdi horettidha.














