Ameerikaafi Itoophiyaa: MM Abiy Ahimadiifi Pirezidant Joo Baayidan hariiroo cimsachuuf waliigaluu himan

Pirezidant Baayidaniifi MM Abiy Ahimad hariiroo biyyoota lamaanii cimsachuuf waliigaluun isaanii ibsameera

Madda suuraa, Getty Images, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Baayidaniifi MM Abiy Ahimad hariiroo biyyoota lamaanii cimsachuuf waliigaluun isaanii ibsameera

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin mari'achuun biyyoonni lamaan hariiroo isaanii cimsachuuf waliigaluu himan.

''Pirezidant Baayidan waliin haala waqtawaa Itoophiyaa keessa jiru, hariiroo biyyoota lamaaniifi naannawichaa irratti marii bu'aa qabeessa taasisneerra,'' jechuun MM Abiy Tiwiitara gubbaa ibsaniiru.

Masaraan Mootummaa Ameerikaa Waayit Haawus gama isaatiin ibsa baasen Pirezidant Baayidan MM Abiy waliin lola Itophiyaa keessa adeemaa jiruufi carraawwan nagaafi araara buusuuf jiranirratti mari'atuu hime.

''Pirezidant Baayidan hidhamtoonni siyaasaa hedduu dhihoo hiikamuu isaaniin MM Abiy Ahimadiin jajaniiru,'' jedheera ibsi bahe.

Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa gama isaatiin ibsa baasen hoggantoonni lamaan dhimma waloo irratti waliin akka hojjetan waliigaluu isaanii ibse.

Ameerikaan ala Barreessaa Olaanaan UN, Gamtaan Awurooppaafi Gamtaan Afrikaas isa namoonni siyaasaa dhihoo hiikaman jajjabeessaadha jedhaniiru.

Bulchitoonni lamaan kuni mari'achuun isaanii kan dhagahame MM Abiy hoggantoota siyaasaa mormituu hiikaniifi araarri akkasumas mariin biyyaaleessaa biyyattiif akka barbaachisu yeroo ibsanittidha.

Torban darbe gaafa Jimaataa Guyyaa Ayyaana Qillee mootummaan Itoophiyaa himannaa hoggantoota siyaasaa KFO, Baaldaraas akkasumas qondaaltota TPLF adda kutuun gadi lakkiseera.

Haala walfakkaatuun Kamisa darbe Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US Jeefrii Feltimaan imala isaanii xumuraan Finfinneetti imaluun qondaaltota Itoophiyaa waliin marii ''jajjabeessaa'' gochuun isaanii gabaafameera.

Murtee namoonni hiikamuu keessumaa qondaaltonni TPLF hiikamuu isaaniin qaamoleen mufii qaban ibsaniiru. MM Abiyyiis egeree biyyattii jedhamee murtii kanara akka gahame ibsan.

Itoophiyaan dhimma isheerratti hogganoonni US irra deddebbiin bulchitoota biyya kaan waliin mari'achuu isaaniin dhihoo komatteetti.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalateen hariiroon Ameerikaafi Itoophiyaa muddama seeneera.

Bulchitoonni lamaan maal mari'atan?

Qondaaltonni Itoophiyaa Ameerikaan TPLF loogaa jirti jechuun irra deddeebbiin himatti.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegale deeggarsa namoomaa hammeessaafi naannawa Gaanfa Afrikaaf yaaddoo akka uume ibsuun Ameerikaan Itoophiyaa akeekkachiisaa turte.

Yeroo jalqabaafis Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa akka muuddu kan taasise keessaa tokko haala Itoophiyaa keessa turedha.

''Lamaan keenyayyuu kabaja waloorratti hundaa'en hariiroo walii keenya cimsuun barbaachisaa akka ta'ee waliigalleerra,'' jedhan MM Abiy Ahimad.

Bulchitoonni lamaan dhukaasa dhaabuu waliigalteerratti hundaa'etti geessuuf akkasumas haala deeggarsa namoomaa fooyyessuuf mari'achuu isaanii Ibsi mootummaa Ameerikaa agarsiisa.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Akkasumas haala mirga namoomaa lammiilee Itophiyaa biroo kanneen Labsii Yeroo Muddamaa jalatti hidhamanii jiranirratti mari'atuu isaanii ibsan.

MM Abiy dhihoo caasaa haqaafi nageenyaa Itoophiyaa yeroo cimsanii qeeqan dhagahamaniiru. Kanneen isaan eeran keessaa tokko Labsii Yeroo Muddamaan namoota qabamanidha.

Pirezidant Baayidan haleellaan xiyyaaraa dhihoo lammiilee nagaa miidheen yaaddoo qaban ibsuun isaaniis ibsa bahe keessa ibsameera.

Torbee darbe keessa haleellaa qilleensarraa kaampii baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiru Maay Ayinii jedhamurratti raawwatameen baqattoonni Eertiraa sadi ajjeefamuu UN himee ture.

Eegasii haleellaa qilleensarraa biraan kaampii baqattootaa Dadabiit irratti raawwateen namoonni nagaa 56 ajjeefamuu fi namoonni 100 ol madaa'uu maddeen deeggarsa namoomaa keessa dalagan himanii turan.

Sababa haleellaa qilleensarraa kanaan dhaabbileen gargaarsa namoomaa godina Kaaba-Lixa Tigraay keessatti sochii adda kutuu isaanii UN beeksisuun ni yaadatama.

Dhaabbanni UN dhimma daa'immanii irratti hojjetu UNICEF ibsa Dilbata baaseen, haleellaa qilleensarraa kaampii buqqaatotaa irratti tibbana raawwatamaa jiruun dheekkamuu beeksiseera.

Pirezidant Baayidan Gamtaa Afrikaafi qaamolee naannichaa kaan waliin ta'un lammiileen Itoophiyaa rakkoo isaanii karaa nagaan akka furan US akka tumsuu akka itti fuftu ibsi US kuni eereera.

Konkolaataa dhaadannoo harka keessaan Itoophiyaarraa kaasaa jedhu qabatan

Madda suuraa, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Erga waraanni Kaaba Itophiyaatti eegalee hiriirri mormii biyyoota Lixaa keessumaa US mormu Itoophiyaafi biyyoota alaatti gaggeeffameera

Akkasumas biyyoonni lamaan hariiroo isaanii lamaanii cimsuuf akkasumas lolichaaf furmaata barbaaduuf akka waliin dalagan hubannaarra gahuu isaanii ibsi Waayit Haawus ni ibsa.

Hariiroo US fi Itoophiyaa

Itoophiyaa fi US hariiroo waggaa 100 caaluufi murteessaadha jedhame qabu. Hariiroon kuni bara Dargiin alan cimee kan itit fufedha.

Keessumaa bara ADWUI Itoophiyaan sochii shororkeessitoota Somaaliyaa keessaa adamsuun Ameerikaa waliin michummaa ishee cimsatteetti.

Ta'us, waraanni Tigraayitti baatii 14 dura eegale hariiroo cimaa biyyoota lamaanii qoreera.

Ameerikaan waraanni dhaabatee mariin akka xumuramu ibsiti. Itoophiyaan waraanatti dirqamtee akka seenteefi TPLF kan paarlaamaan biyyattii shororkeessummaan labse waliin marii akka hin teenye ibsiti.

Tura keessa waraana kanaan walqabatee Ameerikaan michuu ishee yeroo dheeraa Itoophiyaa irratti tarkaanfii fudhachuuf ajaja dabarsiteetti.

US hoggantoonni Itoophiyaa Ameerikaa akka hin seenne dhorkuun alatti deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu dhaabdeetti.

Booda kanammoo sirna gabaarraa bilisaa AGOA irraa akka haqamtu Joo Baayidan mallatteessaniiru.

Bilbilaan mari'atuun hogganoota lamaanii murteen kuni hojiirra erga ooluu eegalee guyyoota kudhan boodadha.

Waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalate lammiilee hedduu galaafatee miliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqisuun isaa ni beekama.