Waraana Kaaba Itoophiyaa: Ministirri mummee Abiy Ahimad rakkoo sirna haqaa keessa jiru cimsanii qeeqan

Madda suuraa, Etv
Ministirri mummee Abiy Ahimad guyyoota laman darbanitti marii kaabinee isaanii waliin taasisaniin sirna haqaa biyyattii cimsanii qeeqan.
Ministirri mummee biyyattii miseensota kaabinee isaanii waliin raawwii karoora guyyoota 100 yeroo yeroo gamaaggamanittidha qeeqa dhiheessuun isaanii kan dhagahame.
‘’Dhaabonni haqaa qarshiidhaan yoo hin gowwomfamnellee haaloodhaan gowwomfamu,’’ erga jedhaniin booda, ‘’abbaan seeraa tokko dhiigaan hin yaadu taanaan, wal-beekuudhaan yaada taanaan, qarshii fudhates, fudhachuudhaa baate malaanmalaa dha,’’ jedhan.
MM Abiy mana murtii, abbaa alangee akkasumas poolisii walitti qabanii kan qeeqan yoo tahu, ‘’nuti waa’ee haqaa odeessuu hin dandeenyu,’’ jechuun kan isaan kaabinee isaanitti dubbatan TV biyyaalessaan gabaafameera.
Sirni haqaa fooyya’uu akka qabu kan akeekan waraanni kuni jalqabuu hordofee dhalattoota Tigraay to’annoo jala oolan akka fakkeenyaatti kaasuuni.
''Dhalattoota Tigraay jedhamuun yeroo garaagaraatti namoonni shakkamaniifi to’annoo jala oolan kan umriin isaanii 70,75 fi 80 dha.
''Namoota akkasii dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban fuudhanii mana hidhaa galchuun Itoophiyaaf dhimmamuu fi Itoophiyaatti rakkoon akka hin dhufne yaaduurraa mitii.
''Warreen sooressa tahan jala bu’anii adamsuun hattummaa dha. Kuni nu hin fayyadu,’’ jechuun ibsaniiru.
Adeemsi hojii akkanaa faayidaa hin qabu kan jedhan yoo tahu, ‘’namoonni baayyee akka malee hidhamu. Nun fayyadu. Takka takka poolisii, yeroo kaan abbaa alangee, takka takka immoo mana murtiitu raawwata kana.
''Sirni haqaa guutummaa qarshii yoo hin fudhanne, dhiigaan ykn amantiidhaan gowwomfama,’’ jechuun himan.
Qeeqni MM Abiy Ahimad kuni kan dhagahame Poolisiin Finfinnee, ‘’TPLF waliin hidhata qabu,’’ jedhamuun namoota hidhee ture gadhiiseera jechuun booda dha.
Koomishiniin Poolisii Finfinnee ibsa Kamisa kaleessaa baaseen ‘’Qajeelfama labsiin yeroo muddamaa kennun namoota to’annoo jala oolanii qoratamaa jiran keessaa muraasni wabiidhaan akka gadhiifaman taheera,’’ jechuun ibse.
Koomishinichi kanneen hin hiikamiin hafan, ‘’ulfaatina gochaa isaaniirratti hundaa’uun gara fuulduraatti gadhiifamu,’’ jedheera
Namoonni wabiidhaan gadhiifamaniiru, jedhe immoo gara fuulduraatti hammuma badii isaanii akka gaafatamaniifi qaamota seeraan waamichi gaafa godhamuufi dhiyaachuun akka irra jiraatu beeksiseera.
Koomishinichi namoota hangam akka gadhiise, namooti hangam immoo hidhaa akka jiraniifi meeqarratti immoo himatni baname kan jedhu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.
Poolisiin namoota hidhaarra turan keessaa ‘’gochaa isaaniin gaabbanii kan dhiifama gaafatan, yakka olaanaa kanneen hin raawwanneefi hidhaadha yoo bahanis kanneen yaaddoo tahuu hin dandeenye,’’ of eeggannnoon adda baafamaniiru kan jedhe yoo tahu, kan hiikamanis wabiidhaani jedheera.
'Namoonni hiikaman gadhiifamuun isaanii jajjabeessaadha'
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin guyyoota muraasa darban dubartoonni, maangudoofi namoonni rakkoo fayyaa qabaniifi labsii yeroo muddamaan walqabatee hidhaman hiikamuu isaanii ibseera.
Komishinichi dabalees tarkaanfiin poolisiin fudhate jajjabeessaadha jedhe.
Komishinichi ibsa baasen tarkaanfiin walfakkaataa Finfinneefi bakkeewwan biyyattii birootti akka itti fufu gaafateera.
''Ammallee dhimma gaazexeessitoota hidhaarra jiran dabalatee adeemsi qorannoo saffisaan akka xumuramuufi haalli hidhaa akka fooyya'u dabalees maatiin bakkaafi haalli miseensa maatii isaanii jiru akka itti himamu hubachiisna,'' jechuun dhaame.
Komishinichi kana duras haala qabannaa hidhamtootaafi namoota siyaasaa erga manni murti bilisaan gadhiisee booda hidhaa turanirratti ibsa baasuun isaa ni yaadatama.

















