Siyaasa Itoophiyaa: Jawaar Mohaammad dabalatee qondaalonni KFO, Baaldaraas fi TPLF hidhaarraa hiikaman

Madda suuraa, Reuters
Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartii mormituu Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi namoonni isaan waliin himatamanii mana hidhaa sirreessaa Qaallitti turan gadi dhiifamuu maatiin hidhamtootaa mirkaneessan.
Kanneen galmee Obbo Jawaar jalatti himataman keessaa Obbo Dajanee Xaafaa, Shamsaddiin Xahaa fi gaazexeessaa Mallasaa Dirribsaa dabalatee eegdonni Jawaar Jimaata galgala dursanii gadi dhiifaman.
Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Adaanee dabalatee kanneen hafan ammoo halkan naannoo sa'aatii 5 mana hidhaatii bahuu intalli Obbo Baqqalaa garbaa fuula feesbuukii isheerratti beeksifte.
Gama kaaniin Paartiin Baaldaraas Dura Taa'aan dhaabichaa Iskindir Naggaafi hoggantoonni dhaabichaa galmee isaa jalatti himataman kaan hiikamuu isaa gama fuula Facebook isaarratti barreessuun mirkanesseera.
Mootummaan Itoophiyaa "dirree siyaasaa bal'isuu fi marii biyyaalessaa hirmaachisaa ta'eef jecha" hidhamtoota kana "dhiifamaan" hiikuuf murteessuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa Jimaata galgala baaseen beeksiseera.
Abbaan Alangaa Federaalaa ammoo ibsa gama feesbuukiin baaseen hidhamtoonni kun marii biyyaalessaa karoorfame bu'a qabeessa gochuuf "bu'uura labsii 943/2008tiin himatni isaanii akka kaafamu murtaa'e" jedheera.
Kanneen akka gadi dhiifaman murtaa'e keessaa hogganoonni gameeyyii TPLF Sibhaat Naggaa, Qiddusaan Naggaa, Abbaay Walduu, Abbaadii Zammuu, Muluu Gabragzaabeer fi Kiroos Haagoos jiraachuu ibsichi himeera.
Jimaata galgala oduun akka gadi dhiifaman murtaa'uu akkuma dhagaahameen abukaatoon Obbo Jawaar fa'i Obbo Tuulii Baay'isaa, Obbo Jawaar akka bahan itti himamuu fi har'a waan dukkanaa'ef hin baanu jedhaniiru jechuun BBC'tti himanii turan.
Dhimmi isaanii mana murtiin qabamee ture akkam akka ta'e hin beekamu. ''Hanga yoonaa yakkamaadha hin jedhamne. Kanaaf, kan ta'u danda'u himannaan isaanii akka adda citu ta'eeti,'' jechuun Obbo Tuuliin himan.
''Qaamaan argamuun akka bahan itti himame, xalayaa isaanitti kennuun isaanii hin hafu,'' jechuun akkamiin hiikamuu isaanii hidhamtoonni akka dhagahan isa gaafatamaniif Obbo Tuuliin deebisan.
''Abbaan koo bilbilee ture. Ni hiikamtu jedhanii nutti himaniiru. Waraqaan mallatteeffamee garana ergameera jedhanii nutti himaniiru,'' jechuun intalli Obbo Baqqala Garbaa BBC'tti himte.
Galmee Obbo Jawaar jalatti namoonni 20 ol kan himataman yoo ta'u Qallittiitti Jawaar Mohaammad, Baqqala Garbaa, Hamzaa Adaana (Booranaa), Mallasa Dirribsaa fa'i ni jiru.
Akkamiin akka hiikaman murtaa'e?
Mootummaan hidhamtoonni kun "dhiifamaan" akka gadi dhiise himus, akka Obbo Tuuliin jedhanitti himatamaan tokko dhiifamni kan taasifamuuf yakkamaa ta'un isaa mirkanaa'ee yoo itti murtaa'e qofaadha.
Haa ta'u malee, nama adeemsa himannaa irratti argamu faayidaa ummataaf jecha himannaa adda kutuun akka danda'amu seerri akka eeyyamu ibsaniiru.
Sababa kanaan yoo ilaalame dhimmi hidhaarraa hiikamuu Obbo Jawaar fa'i himannaan adda cituun walqabata jechuun himan.
Obbo Jawaar fa'i akka hiikaman haalli itti murtaa'e ifa akka hin taane kan ibsan Obbo Tuuliin, ''mootummaan dambiifi sirna hordofuun hiikuu qaba.
''Hiikamuun isaanii nu gammachiisuus adeemsa hordofee hiikamuu dhabuun isaanii nu yaaddessa,'' jechuun himan.
Amma abbootiin seeraa galmee himannaa isaanii akkamiin akka cufan bitaa nama gala jechuun BBC'tti himan.
Obbo Jawaar fa'i durumaa eegalee hidhaan isaanii gama mana murtiin furmaata akka hin arganne himaa turani.
''Mana murtiin ala xumuramuun isaa nutis Jawaar fa'is dhimma irratti falmaa turredha. Mana murtii hin deemnu jedhanii inni himaa turan kunoo dhufe,'' jechuun himan Obbo Tuuliin.
Hoggantoonni siyaasaa kunneen ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee kan hidhaman yoo ta'u waggaa tokko oliif hidhaarra turan.
Poolisiin hookkara uumuuniifi badiiwwan garagaraan shakkuun hidhee himata shororkeessummaa irratti banus isaan himannaa irratti dhihaatu hin fudhatani.
Himatamtoonni kunneen hidhaan irratti raawwate filannoo biyyaalessaa jahaffaa akka hin hirmaanneefi jechuun irra deddebbiin mana murtiitti himataa turan.
Dhimmi isaanii erga mana murtii gahee hanga ammatti murtee hin arganne ture.
Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee himatamtoonni 20 ta'an mana murtiitti dhiyaachuun dhimma isaanii hordofuu akka hin barbaadne beeksiisuun mana murtiitti argamuu erga dhiisanii bubbulaniiru.
Ajajni mana murtii kabajamaa hin jiru, kanneen mana murtii bilisa jedheen gadi dhiifamaa hin jiran jechuun ture mana murtiirraa kan hafan.
Waggaa sadii dura mormii uummataan aangoo biyya bulchuu kan argatan Ministirri Muummee Abiy Ahimad hidhamtoota siyaasaa hiikuun, kanneen biyya akka hin seenne dhorkaman akka biyya seenan eeyyamaniiru.
Ta'us, qeeqxonni Ministirri Muummee Abiy Ahimad boodarra morkattoota isaanii hidhaa buusuun dirree dimookiraasiifi siyaasaa dhiphisaniiru jechuun himatu.
Itoophiyaan waggaa tokko oliif waraana Kaaba biyyattiitti dhalateen ijoo dubbii addunyaa taateetti.
Waraana kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) jedhutti lammiileen Tigraay, Amaaraafi Afaar keessa argamaniifi miiliyoona sagal ta'an deeggarsa nyaataa barbaadu.
Lolli kuni xumura argatee mariin akka furmaatni tolfamu dhaabbileefi biyyoonni garagaraa yaalaniis ammatti ija hin godhanne.















