Obbo Jawaar Mohaammad faa lagannaa nyaataa dhaabuuf ‘waliigalan’

Obbo Jawaar Mohaammadii fi Obbo Baqqala Garbaa

Madda suuraa, Jawar Mohammed/FB

Lagannaa nyaataarra kan jiran himatamtoonni Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaanafaa lagannaa nyaataa itti jiran dhaabuuf 'waliigalaniiru' jechuun abukaaton isaanii himan.

Abukaatoo isaanii keessaa tokko kan ta'an Obbo Gammachuu Guutamaa Dilbata waaree booda BBC'tti akka himanitti himatamtoonni kunneen guyyoota 39 nyaata lagataniiru.

Kanneen lagannaa nyaataa dhaabuuf waliigalan himatamoota sadii mana yaalaa Laand Maark jiran yommuu ta'u, borurraa kaasanii lagannaa nyaataa dhaabuuf waliigalaniiru jedhan Obbo Gammachuun.

Hakiimonnisaanii irra deddeebiidhaan yoo dafanii nyaata hin jalqabiin fayyaasaaniif rakkisaa ta'uun lubbuu isaaniif ni sodaachisa jechuun irra deddeebiin akeekkachiisuu, akkasumas qaamoleen hawaasa gara garaa yaaddoo cimaa lubbuu hiimatamtoota kanaaf qaban dhageessisaa jiran hubachuun jaarsoliin biyyaa itti deddeebiyuun kadhachaa turan jedhan.

Akka Obbo Gammachuun jedhanitti, jarsoliin biyyaa kaleessa hospitaala itti wallaanamaa jiran, Laand Maark, deemanii akka hin seenne dhorkamanis har'as osoo abdii hin kutatiin deebiyanii deemuun jaarsolii keessaa namoonni lama akka seenan hayyamameef seenan.

Guyyaa har'aa jaarsolii biyyaa kanneen keessaa namoonni lama, Atileet Daraartuu Tulluufi leenjisaa atileetiksii Suppar Intendant Huseen Shiboo, hospitaala seenanii cimsanii isaan kadhachuu Obbo Gammachuun BBC'tti himaniiru.

Jaarsoliin guyyaa kaleessaafi har'aa itti marmaaruun akka nyaatan kadhachaa turan lakkoofsaan 20 yoo ta'an, yaaddoo hakiimonni himaniifi kan hawaasni dhageessisu qabatanii deemuun amansiisuuf hedduu carraaqan jedhan abokaatoon isaanii kun.

''[Hidhamtoonnis] gaaffii hawaasa bal'aa dhiisnee kanaan itti fufuu hin dandeenyu jechuun fudhataniiru,'' jedhan.

Torban darbe yaalaaf hospitaala Laand Maark kan seenan himatamtoonni kunneen achittis 'nyaata nyaachuu diduu' isaanii abukaatoon isaanii kana dura BBC'tti himanii turan.

Obbo Jawaar Mohaammad fa'i jalqaba torban kanaa mana murtiitti yeroo dhihaatan 'laafanii, huuqqatanii' mul'achuu gaazexeessaan BBC bakkas ture gabaaseera.

Nyaata lagachuurraa kan ka'e rakkoo fayyaa walxaxaa ta'eef saaxilamuu akka danda'an akeekkachiisaa kan turan hakiimonni himatamtoota kanneenii, yeroo nyaata deebiyanii nyaachuu jalqabanillee gorsa ogeessa fayyaatiin hordofamee ta'uu baannaan miidhaa cimaa qaba jechaa turan.

Maaliif lagatan?

Obbo Jawaar Mohaammad fa'i sababa lagannaa eegalaniif yoo ibsan 'mootummaan hoggantoota paartilee mormituu hidhuun waajjiraalee jalaa cufsiisuun sirrii akka hin taane' ibsuuni jedhuabukaatonni.

Akka abukaatonni isaanii BBC'tti himanitti, 'haala qabinsi qondaala ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa sirrachuu qaba kan jedhuufi namootni dhaddacha irratti isaan dubbisuu deeman hidhamuufi dhorkamuun sirrii akka hin taane mormuudha,' kan jedhus sababa biraati.

Dhimma gaaffii himatamtootaa kan gaafataman qondaalli olaanaa dhaaba Paartii biyya bulchu Dr Biqilaa Hurrisaa 'dhimma seeraan qabame keessa hin seenu' jedhanii deebisaniiru.

Gaaffii yaala dhuunfaa argachuu

Himatamtoonni kun erga nyaata lagachuun isaanii himamee booda dhimma ijoo ta'an keessaa tokko gaaffi yaala dhuunfaa argachuudha.

Himatamtoonni 'dhaabbilee fayyaa mootummaa hin amannu' jechuun mana yaalaa dhuunfaa deemanii akka yaalaman karaa abukaatoo isaanii gaafataa turan.

Manni murtii olaanaa federaalaas mana yaalaa filataniin akka yaalaman murteessee ture.

Ta'us, Abbaan Alangee nageenya himatamtootaa mirkaneessuuf himatamtoonni kan isaan yaalamuu qaban dhaabbata fayyaa mootummaatti jechuun mana murtii waliigalaa federaalatti ol iyyannoo gaafatee ture.

Jalqaba torban dabre keessa Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa tajaajilli yaalaa ogeeyyii hospitaala Laandi Maarkiin mana sirreessaa Qaallittii keessatti akka kennamu murteessee ture.

Abukaatoon himatamtootaa kana mormaniiru. Guyyootaan boodas hospitaalli Land Maark dandeettii Obbo Jawaarfaaa Mana Sirreessaa Qaallittiitti yaaluu hin qabnu jechuun abukaatoo isaaniif barreesse.

Jalqaba torban kana ammoo abukaatonni ragaa kana qabachuun dhaddacha ijibbaata mana murtii Waliigalaatti kan ol iyyatan yoo ta'u, dhaddachichi Wiixata himatamtoonni hospitaala jedhametti akka yaalaman murteesse.

Kanaanis, torban kana gaafa Kibxataarraa eegalee hospitaala Laand Maark kan seenan yoo ta'u, qorannoon garaa garaa taasifameeraaf jedhameera.

Ta'us, hospitaalatti ''nyaata hin nyaannu, qoricha hin fudhannu' jedhanii jechuun abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa BBC'tti himanii turan.

Abukaatoon isaanii biraa Obbo Gammachuunis, 'hospitaalatti yaala hin arganne, kan yeroo Qaallittii turanirraa jijjiirama hin qabu,' jechuun dubbatan.

Namoonni kunneen maaliin himataman?

Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Booranaa fi namootni kaan hedduun ajjeechaa artistii Haacaaluu Hundeessaan booda kanneen to'annoo seeraa jala ooluun mana murtiitti dedebi'aa turanidha.

Yakkoota ittiin shakkamuun hidhaman keessaa himatawwan manni murtii beellama darbe irratti adda akka citan murteesse Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namoota 12 irratti labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa 1177/2012 bu'uura godhachuun kan banamanidha.

Himatootni yakka shororkeesummaa fi Telekomii waliin dhahuu jedhu garuu addaan hin citne. Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa garbaa irra deddeebbiin mootummaan filannoo irraa nu hambsiuuf jedheeti malee yakka hojjenne miti jechuun himataa turan.

Mootummaan ammoo namootni yakkaan shakkaman mana murtiitti qulqullaa'uun murtee haqaa argatu ykn bilisa bahu malee nama siyaasaa waanan taheef jedhanii komachuun sirrii miti deebii jedhu kennaa ture.

Paartileen akka ABO fi KFO hoggantootniifi miseensonni isaanii mana hidhaa jiran filannoon dura akka gadhiifamaniif gaafataa turan.

Torban kana paartiin Obbo Baqaalaa Garbaafaa, KFO'n, 'dhiibamne' jechuun filannoo baranaa keessaa bahuuf murteessuun isaa ni yaadatama.

Paartiin biyya bulchummoo himannaan isaanii kun 'bu'uura hin qabu' jechuun deebise.