Obbo Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaafaa qaamni laafee mana murtiitti dhiyaatan

Obbo Jawaar Mohaammadii fi Obbo Baqqala Garbaa

Madda suuraa, Jawar Mohammed/FB

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa jecha amantaa fi waakkii namoota 24 galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti himatamanii fudhachuuf har'atti [Wiixata] beellamee turus guyyaa biraatti dabarseera.

Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namootni galmee himataa isaanii keessatti himataman 20 guyyaa har'aa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa dhaddacha Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaatti dhiyaataniiru.

Manni murtichaa jecha amantaa fi waakkii himatamtootaa fudhachuuf har'atti beellama qabatee turus, haala himatamtootni irratti argaman ka'umsa gochuun jecha isaanii osoo hin fudhatin hafeera.

Abukaatootni himatamtootaa maamiltootni isaanii Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa fi Obbo Hamzaa Adaana erga nyaata lagatanii guyyoota 33 ta'uufi jecha kennuu akka hin dandeenye mana murtiitti himan.

Abukaatonni maal jedhan?

"Biyya mootummaa fi seerri jirutti nuti xalayaa osoo deddeebisnuu maamiltootni keenya nu harkatti du'aa jiru" jechuun mirgi lubbuun jiraachuu maamiltoota isaanii haala rakkisaa keessa akka jiru abukaatoon Obbo Jawaarfaa mana murtiitti himatan.

Keessattuu Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Hamzaa Adaana dabalatee namootni afur haalaan dhukkubsachuu isaanii abukaatootni dubbatan.

Waan hunda kan dursu lubbuu namaa akka ta'e himuunis, himatamtootni gara fayyaa isaanitti deebi'anii falmuu hanga danda'anitti beellamni biraan akka qabamuf gaafatan.

Kana malees maatiin himatamtootaa dhiphina keessa akka jiran, xinsammuun abukaatotaas jeeqamaa akka jiru abukaatootni mana murtiitti himatan.

Abbaan alangaa gama isaatiin beellamni biraan yoo kenname kan hin mormine ta'uu mana murtiitti hime.

Abbootin seeraas yaada garee lamaanii erga dhaggeeffatanii booda jecha amantaa fi waakkii himatamtootaa fudhachuuf Bitootessa 06 bara 2013ti beellama qabatan.

Haala hidhamtootni irratti argaman…

Ganama har'aa [Wiixata] wayita gaazexeesitootni gara galma dhaddachaa ol seenan, Obbo Baqqalaa Garbaa mataa isaanii jilba himatamaa Arafaat Abubakar, miila isaaniimmoo jilba Obbo Jawaar Mahaammad irra kaayyatanii barcuma dagleerra dugdaan ciisanii turan.

Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Hamzaa Adaana qaamni isaanii haala kanaan dura turerraa baay'ee huqqateera.

Sadan isaanii akka yeroo kaanii uuffata keelloo mana sirreessaa hin uffanne. Rifeensa mataas haaddataniiru.

Dhaddachi eegalamuusaan dura Obbo Hamzaa Adaana al tokko gara alaa bahanii kan turan yemmuu ta'u, namoota isaan waliin himataman irratti hirkachuun isaaniin deeggaramanii gadi bahanii turtii daqiiqaa muraasa booda ol deebi'an.

Wayita dhaddachi eegalamutti Obbo Baqqalaa Garbaa deeggarsa namootaan iddoo ciisanii ol ka'anii taa'an.

Erga taa'anii boodas harka tokkoon mataa qabataniis lafa ilaalaa turan.

Maatii himatamtootaa keessaa namootni tokko tokko dhaddacha keessatti yeroo boo'anis taajjabuu dandeenyee jirra.

Dhimmi yaala argachuu Obbo Jawaar fi kaan mana murtiin addatti ilaalamaa jira.

Manni murtii waliigalaa Federaalaa ogeeyyiin fayyaa hospitaala dhunfaa Laandimaark jedhamuu mana hidhaatti dhaqanii akka himatamtoota wal'aanan ajaja kennee ture.

Haa ta'u malee hospitaalichi mana hidhaatti yaala barbaachisu kennuu hin danda'u jechuu hordofee, abukaatonni dhaddacha ijibbaataa mana murtichaatti ol iyyanno galchanii dhimmi isaanii beellamaan qabameera.

Presentational grey line

Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa, namoota 24

Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.

Presentational grey line

Dhimma yaalaa

Abbootin seeraa haala yaalii fayyaa himatamtootaa akka ibsaniif abukaatota kan gaafatan yemmuu ta'u, himatamtootni akka yaalamanif Amajjii 05 bara 2013 mana murtichaan ajajni kennamullee hanga ammaatti tajaajila yaalaa osoo hin argatin akka jiran abukaatoon isaanii himaniiru.

Dhaddacha Wiixataa irrattis Mana Sirreessaa Qaalittiitti Daayirektara Giddugala Sirreessaa Eegumsa Olaanaa kan ta'an Gargaaraa Komishinaraa Girmaa Adaree fi namootni Obbo Baqalaa Garbaa Hospitaala Laandmaarkitti geessuun akka yaalchisan ajajni kennamef lama mana murtiitti dhiyaataniiru.

Torbee darbe mana murtiitti dhiyaatanii kan turan fi Obbo Baqqalaan hospitaala dhuunfaatti akka yaalamanif ajaja kennuu isaanii mana murtichaa kan hubachiisan gargaaraa Komishinaraa Girmaa Adaree rakkoon waan irratti hin argamnef mana murtichaan gaggeeffamaniiru.

Obbo Baqqalaa Garbaa Hospitaala Laandmaarkitti geessuun akka yaalchisan ajajni kan kennamef sadi keessaa Inspeektar Dirribaa Sanbatuufi Antanah Gabayyahu kan jedhamantu mana murtiitti dhiyaate.

Namootni lamaan Obbo Baqqalaa Garbaa Hospitaala Laandmaarkitti akka yaalchisanif mana murtiin ajajamanii maalif Hospitaala mootummaa Xorhaayloch jedhamutti akka geessan abbootii seeraan kan gaafataman yemmuu ta'u, lachuu gubbaadhaa ajajamanii akka ta'e himan.

Inspeektar Dirribaan Obbo Baqqalaa Garbaa Hospitaala dhuunfaa Laandmaarkitti geessuuf garas imalaa osoo jiranuu dhimma nageenyaan walqabatee yaaddoon akka jiru fi oliyyannoonis gara mana murtii olaanaatti galuuf waan ta'ef gara Hospitaala Xorhaayiloch akka isaan geessan ajajamuu isaanii himan.

Antanah Gabayyahu kan jedhamanis naannoo Meeksikoo jedhamuun beekkamu yeroo gahan ajajni akka kennameef himaniiru.

Ajajni kunis Komishinii Manneen Sirreessaa Federaalaa irraa nama Obbo Jamaal Abbaasoo jedhamun bilbilaan akka itti himame himan. Kana malees xalayaanis gama moosaajii Telegram'n akka ergameef dubbataniiru.

Xalayaa gama Telegram'n ergameefis abbootii seeraatti agarsiisaniiru.

Kana malees itti waamamni mana sirreessichaa Abbaa Alangaa Waliigalaaf waan ta'ef ajaja gama Telegram laatameef raawwachuu isaaniifi ajaja mana murtii cinaatti gochuun ajaja "qaama olii" jedhame raawwachuun isaanii dogongora akka ta'es abbootii seeraatti himan.

Manni Murtichaa raawwatamuu dhabuu ajaja dhimma yaalaa kana ilaaluf Bitootessa 06 bara 2013ti beellameera.

'Hammeenyi nurra gahe salphaa miti'

Baqqala Garbaa

Madda suuraa, Getty Images

Osoo ol hin ka'in barcumarra taa'anii akka dubbatan kan taasifaman Obbo Baqqalaa Garbaa, mana murtichaaf kabaja guddaa akka qaban dubbatan.

Haa ta'u malee gara Hospitaala Laandmaark geeffamuu osoo qabanuu "garee maafiyaan" daandiin itti cufamee butamanii gara Hospitaala Xorhaayloch akka geeffaman dubbatan.

"Gareen kun garee ajaja mana murtii hin kabajnedha" kan jedhan Obbo Baqqalaa Garbaa "sirna garaa jabaatu kana irratti qabsaa'uu barbaadna. Hammeenyi nurra gahe salphaa miti" jechuunis dubbatan.

Kana malees haala amma irra jiran ka'umsa gochuun deebi'anii dhaddacharratti argamuu akka hin malle kan himan Obbo Baqqala Garbaa, yoo fayyummaa isaaniitti deebi'an garuu qaama akkana isaan godherraa beenyaa akka gaafatan himan.

Kana malees namni xalayaa barreessuun Hospitaala dhuunfaa Landmaark jedhamutti akka hin yaalamne isaan taasise Abbaa Alangaa Waliigalaa kan ta'an Dr Geediyon Ximotiyos ta'uu Obbo Baqqalaa Garbaa dhaddacha irratti dubbataniiru.