Manni murtii falmii yaala Obbo Jawaar fa'a irratti murteessuuf beellame

Madda suuraa, MAHEDER HAILESELASSIE TADESE
Ol iyyannoo Abbaan Alangaa Waliigalaa dhimma yaala Obbo Jawaar Mahaammad fa'aa ilaalchisee Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyeesse irratti falmiin adeemsifame.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha damee Lidataa Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namootni shan hospitaala dhuunfaa Laandmaark jedhamutti akka yaalamanif ajajee ture.
Abbaan Alangaa Waliigalaa ajaja kana mormuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo dhiyeeffatee kan ture yemmuu ta’u manni murtichaas dhimmicha ilaaluuf har’atti beellamee ture.
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana/Boranaa/, Obbo Shamsaddin Xahaa fi Obbo Dajanee Xaafaa har'a [Jimaata] dhaddacharratti akka argamaniif ajajus manni sirreessaa osoo hin dhiyeessiin hafuusaa abukaatoon himatamtootaa Obbo Milkiyaas Bulchaa BBCtti himaniiru.
Bakka bu’ootni mana sirreessaa Qaallittii mana murtichaatti qaamaan kan hin dhiyaanne yemmuu ta’u gama viidiyoon mana murtiif deebii kennaniiru jedhu Obbo Milkiyaas.
Manni murtii himatamtoota akka dhiyeessuuf mana amala sirreessaa ajajullee bulchiinsi mana sirreessichaa himatamtoota qaamaan mana murtiitti osoo hin dhiyeessin manuma sirreessaa keessaa gama viidiyootin akka hirmaatan ajajuu isaa bakka buutonni mana sirreessichaa mana murtiif ibsaniiru.
Itti aansunis iddoo himatamtoonni hin argamnetti dhimmichi ilaallamuu qabamoo hin qabu kan jedhu irratti abukaatoowwan fi abbootii alangaa gidduutti falmiin taasifamuusaa Obbo Milkiyaas himan.
Abbaan Alangaa dhimmichi bakka isaan hin jirretti akka ilaalamu yoo gaafatu abukaatonni himatamtootaa dhimmichi bakka himatamtoonni jiranitti ilaalamuu qaba jechuun falmaniiru.
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaas falmii garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda iddoo Obbo Jawaar Mahaammad fa'aa hin argamnetti dhimmichi akka ilaallamu ajaja kennuu himu Obbo Milkiyaas.
Falmii dhimma yaalaa
Abbaan Alangaa Waliigalaa Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana/Boranaa/, Obbo Shamsaddin Xahaa fi Obbo Dajanee Xaafaa hospitaala dhuunfaa Laandmaarkitti akka yaalamanif Manni Murtii Olaanaa Federaalaa damee Lidataa murteessuun isaa sirrii akka hin taane iyyate.
Abbaan Alangaa “murteen Manni Murtii Olaanaa Federaalaa kenne adeemsa seera falmii kan hin hordofnedha, mirga walqixxummaa kan faallessudha, heera mootummaa kan faallessudha, labsii manni sirreessaa federaalaa ittin hundaa’e kan faallessudha jechuun falme” jedhan Obbo Milkiyaas Bulchaa.
Abukaatootni gama isaaniitin “ajajni mana murtii Olaanaa kenne sirriidha, yeroon waan irra darbeef abbaan alangaa dhimma kana irratti oliyyannoo dhiyeeffachuu hin danda’u" jechuun falmuu himu.
Dabalataan "maamiltootni keenya hakiima dhuunfaa fi mana yaalaa ofiif filatanitti akka yaalamanif ajajni ji’a Fulbaanaa bara 2013 kenname. Kanaaf abbaan alangaa yeroo seeraan kennamef keessatti oliyyannoo hin gaafanne” jechuun oliyyannoon abbaa alangaa akka kufuuf falmuu isaanis himan.
Abbaan alangaas ta’e namni dhuunfaa mana murtiitin ajajni erga kennamee booda oliyyannoo yoo qabaatan yookin immoo oliyannoo dhiyeessuuf fedhii qabaachuu guyyoota 15 keessatti beeksisuu akka qaban seerri akka ajaju himu Obbo Milkiyaas.
Kana malees maamiltootni isaanii dhaabbilee fayyaa dhuunfaa garaagaraatti yaalamaa akka turan kan himan Obbo Milkiyaas, heera biyyattii keewwata 21 lakkoofsa 2 kan namootni to’annaa seeraa jala jiran hakiima dhuunfaa isaaniitiin yaalamuf mirga akka qaban himu eerunis falmuu isaanii dubbatan.
Manni murtichaas falmii garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda himatamtoonni mana yaalaa dhunfaatti yaalamuu qabumoo hin qaban dhimma jedhurratti murtii kennuuf Gurraandhala 16 bara 2013ti beellama qabateera.
Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartilee siyaasaa biroo mana hidhaa Qaallittii jiran mormii lagannaa nyaataa erga eegalanii guyyoota 20 ol darbuu maatii fi abukaatonni isaanii ni himu.
Hakimoonni dhuunfaa himatamtoota kanneenii haalli fayyaa isaanii sadarkaa yaaddessaarra jiraachuu eeruun ture mana yaalaa dhunfaatti akka yaalaman mana murtiitti kan iyyatan.
Manni murtii Olaanaa Federaalaa himatamtoonni hospitaala Laandimaark jedhamutti akka yaalaman ajajullee Kibxata Guraandhala 9 Obbo Baqqalaa Garbaa humnaan gara hospitaala mootummaa Xoor-haayilooch geeffamuu maatiin komataa turan.
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa ol iyyannoo himatamtoonni mana yaalaa dhunfaatti yaalamuu hin qaban jechuun Abbaan alangaa gaafaterratti Guraandhala 16 bara 2013 deebii kenna.















