'Obbo Baqqalaa gara hospitaala Xoor Haayiloch dirqiin geeffamuun seeran ala' Abukaatoo

Obbo Baqqalaa Garbaa

Madda suuraa, CHRIS STEIN

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Baqqalaa Garbaa

Ittaanaa dura taa’aan KFO Obbo Baqqalaa Garbaa, kan lagannaa nyaataarra jiran dirqamaan gara hospitaala waraanaa mootummaa, Xoor Hayiloochitti geeffamuu abukaatoo fi hakimasaaniirra BBC’n hubateera.

Abukaatota Obboo Baqqalaa keessaa tokko kan ta’e Obbo Mohaammad Jimaa, ajaja mana murtii darbuun Obbo Baqqalaa gara hoospitaala Xoor Hayiloochitti humnaan geeffamuun ''seeraan ala'' jedhan.

Mana murtii olaanaa federaalaa ramaddii tokkoffaa Lidataa, Wixata darbe Obbo Baqqalaa Garbaa fa’aa dhaabbata fayyaa dhuunfaa kutaa bulchiinsa Qirqoos keessatti argamu hospitaala Laand Maarkitti akka wal’aanaman murtee dabarsee ture.

Manni murtii murtoo dabarse guyyuma sana (Wixata)abukaatonni isaanii mana hidhaa Qaallittiitti akka kennanii fi xalayichas manni hidhaa akka harkaa fudhan Obbo Mohaammad hubachiisaniiru.

A.L.I Amajjii 19, bara 2013 irraa jalqabee nyaata homaayyuu otoo hin nyaatiin bishaan qofaa dhuganii lubbuun turuufi, kunis fayyaasaanii haala lubbuuf yaaddessaa ta’eerraan gahu hakiimni isaanii Dr Ilillii Jamaal dubbataniiru.

Dr Ililliin akka himtetti, Obbo Baqqalaa Garbaa haalli fayyasaanii gadi bu’aa adeemu hordofuun ciisanii akka yaalaman murteessuu hubachiifte.

A.L.I Guraandhala 9, bara 2013 guyyaa kaleeessaa Dr Ililliin Obbo Baqqalaa Garbaa mana hidhaati gara hoospitaala Laand Maarkitti geessuuf ganama naannoo sa’aatii 4tti achi qaqqabuu himan.

Manni hidhaa waan hojjachuu qabu xumuruun naaannoo sa’aatii laaqanaatti gara hospitaala Laand Maark geessuuf imala jalqaban.

Gara hospitaaala Laand Maarkititti kan Obbo Baqqalaa wajjin imalaa turanimmoo Dr Ilillii, abukaatoota isaanii, maatiisaanii fi namoota mana hidhaa biratti beekaman turan.

Ambulaansiidhaan gara hospitaala Laand Maarkitti imalaa wayita turan naannoo galma Gamtaa Afrikaatti konkolaataan adiin duubaan banaa taate tokkoo karaa itti cufuun, waldhabbiin uumamee akka ture naannicha kan turan Dr Ililliin himaniiru.

Hoggantoonni mana hidhaa ajaja gubbaarraa dhufedha jechuun gara hospitaala Laand Maarkitti otoo hin taane gara hospitaala Xoora Haayiloochi geeffamuu akka qaban dubbatan.

Kunis Obbo Baqqalaatti wayita himamu ‘gara mana hidhaa Qaallittiitti na deebisaa’’jechuun gaafachuusaanii Dr Ililliin kan dubbatte.

Deebiin kenname garuu’’humnaan’’gara hospitaala Xoor Haayilochi akka geessan dubbatte.

''Gara Laand Maarkii geessuu geessuu yoo dadhabdan gara mana hidhaatti nu geessaa jennee otoo gaafannuu lakki jedhanii, fedha keenyaan alatti gara hosptaala Xoor Haayilooch nu geessan''jetti.

Hospitaalicha akkuma qaqqabaniin, Obbo Baqqalaan ‘hin wal’aanamu’ jennaan, Namoonni mana hidhaarraa dhufanimmoo deebisuu diduudhaan sa’aatii afuriif hosptaalicha keessa turan jette Dr Ililliin.

Obboo Baqqalaan, ''ani iddoo manni murtii naaf eeeyyametti malee hin yaalamu, mana murtiin ol taatanii gara sanatti na geessu yoo barbaaddanis mirga keessani, yoo xiqqaate iddoon boqodhutti na geessaa'' jedhani kadhachuusaanii Dr Ililliin dabaltee himteetti.

Wayita sanatti namoonni mana hidhaarraa dhufan dhimmicharratti waliigalchiisuuf yaalanii akka turanii fi ajaja xalayaa olirra ergame, kan Abbaa alangaa waliigalaa Geedi’oon Ximootiwoos irratti mallatteessan itti agarsiisuu dubbatu.

Xalayichi kan barreffame mana hidhaaf yoo ta’u, ajajni mana murtii akka geeddaramu abbaan alangaa ol iyyannoo gaafachuu fi kunis amma ta’utti dhaabbilee mootummaa keessatti yaalamu qabu xalayaa jedhu arguusanii dubbatte.

Abukaatoon Obbo Baqqalaa Obbo Mohaammad itti gaafatamtoota mana hidhaa wayita dubbisanitti, abbaan alangaa waliigalaa Dr Geediyoon xalayaa karaa Telegiraamii akka erganiif akksumaas’’ajaja jijjirsiisuuf mana murtiitti iyyata galchineerra, nagayee mana murtii hanga baafnutti hospitaala dhuunfaa akka hin geeffamne fi gara Xoor Haayiloochitti akka geeffaman’’kan jedhudha.

Manni hidhaa itti waamamni isaa abbaa alangaaf ta’us, dhimmicha kan hubatan karaarrati ta’usaa Obbo Mohaammad itti gaafamtoota mana hidhaarra hubataniiru.

Obbo Mohaammad akka jedhanitti, abbaan alangaa xalaayaa mana hidhaatiif dursee barreessuun otoo irra jiruu,’’haala karaan itti cufame’’hubachuu dadhabuusaanii ibsaniiru.

’’Ani iddoo manni murtii naaf eeeyyametti malee hin yaalamu, mana murtiin ol taatanii gara sanatti na geessu yoo barbaaddanis mirga keessani''

Kanatti dabaluun, maamillisaanii Obbo Baqqalaan ''humnaan dirqisiifamanii fudhatamuun seeran ala’ sirumayyuu'' qaamoleen nageenyaatiin karaa cufuun'' gochi raawwatame seeran ala jedhan.

''Abban alangaa ajaja mana murtii ittisuu hin danda’u, sirumaa lamaanu qaama mootummaa ta’anii, qaama biraatti karaa cufuun humnaan hojitti hiikuuf yaaluun'' sirrii akka hin taane eeraniiru.

BBC’n abbaa alangaa dhimma kanarratti yaada akka kenna gaafachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Manni murtii har’a iyyata abba alangaa kuffisuun, mana yaalaa dhuunfaatti yaalamuu akka danda’an murteessuu Obbo Mohaammad BBCtti himaniiru.

Kanaan duras manni murtii hakiima dhuunfaatiin akka yaalaman kan murteesse wayita ta’u, bulchiinsi mana hidhaa Qaallittii gamasaatiin nageenyaa fi tasgabbii ilaalchisuun haal ture dhiyeessuun kan iyyate yoo ta’u, manni murtii Guraandhala 2, bara 2013 dhaddacha ooleen gara hoospitaala Xoor Haayiloochitti akka geeffaman murteessee ture.

Yeroo sanatti manni hidhaa hidhamtoonni lagannaa nyaatarra wan jiraniif ''dhukkubsatanii yoo kufan callifne ilaaluu waan hin dandeenyeef, dursaniis waan hin himanneef sa’aatii muraasa keessatti hospitaala isaan barbaadanitti humna jabeeffannee, qaamolee nageenyaasaanii eeguuf waan rakkannuuf, akka tasaa yoo kufan hospitaala Xoor Haayiloochitti akka yaalchifnu nuuf haa eeyyamamu'' jechuun mana murtiitti iyyaachuun, yeroof manni murtii eeyyameefi akka ture Obbo Jamaal himaniiru.

Abukaatonni isaanii garuu gamasaanitiin, hospitaalicha sa’aatii 8 dursanii akka gaafatanii fi maamiltoonnisaanii waamamusaanitiin hospitaalatti akka wal’aanaman manni murtii ajaja akka dabarsuu fi murtoo kanaan dura dabarfamee ture akka jabeessuu gaafataniiru.

Manni murtii murtoo kenname deebisuun Obbo Baqqalaa Garbaa fa’aan hospitaala Laand Maarkitti akka wala’anaman murteessera.

Kanarraa ka’uun, Dr Ililliin wajjiin ta’uun Obbo Baqqalaa Garbaa hospitaala Laand Maark geeffamaniiru.

Kanaan duras torban darban keessa wal'aanamuu didaa kan turan Obbo Baqqalaan, bulchiinsa mana hidhaa wajjin ta'uun hospitaala dhuunfaatti wal'aanuurratti waliigalamee ture.

Gartuun hakiimootaa mana hidhaa federaalaa Qaallittii Amajjii 5 erga qaqqabani booda, mana yaalaa mootummaatti geeffamtu jedhamee itti himame.

Halli fayyaasaanii gadi bu'aa adeemaa kan jiru Obbo Baqqaalaan, gara hospitaala dhuunfaa geeffamuuf wayita yaalamutti garuu bulchiinsi manni hidhaa dhorku hordofuun Dr Ililliin hojii hiikuu dubbate.

Abukaatoon isaanii Obbo Mohaammad gaafa Jimaataa 5, bara 2013 hospitaala seenuu dhabuusaanii komachuun, Wixata iyyannoo barreeffaman mana murtiitti galchuu dubbataniiru.'

''Nuti waan dirqamsiifamneef wal'aanuu dhiifneerra, wal'aanuuf hospitaala geessuu hin dandeenye, yeroo kanatti wala'aanu danda'uu keenya hin beeknu, wal'aanu irraa deebinee eegaluu nu barbaachisa''jechuun Wixata dhaddacharratti Dr Ililliin hubachiiste.

Abbootiin murtii murtoon kenname jabeessuun, hospitaala dhuunfaatti akka wal'aanamanii fi ogeeyyiin hojiisaanii deebi'anii akka eegalanii fi akka fayyasaanii hordofan gaafachuusaanii Dr Ililliin dubbattetti.

Kaleessa Obboo Baqqalaan wal'aansa homaa otoo hin argatiin''karaarraa deebifamuu''hordofuun haalli fayyaasaaniif yaaddoo uumuu Dr Ililliin kaasteetti.

''Kaleessa waanti uumame caalatti akka sodaannu fi shakkinu nu taasiseera, haala amma jiruun deebisnee fayyaasaanii horodofuuf yaadas hin qabnu,ofii keenyaafuu sodaanneerra''jette Dr Ililliin.

Obbo Baqqalaan fa'aan lagannaa nyaataarra kan jiraniif hidhamtoota siyaasarra hidhaafi dararaa gahu, namoota isaan gaafachuu fi adeemsa dhaddacha murtiisaanii hordofuuf dhaqaniirrattis hidhaa fi doorsisni gahu akka dhaabbatu gaafachuuf akka ta'e abukaatoonnisaanii BBCtti himaniiru.

Obbo Jawaar Mohaammad fi Obbo Baqqalaa dabalatee namootni siyaasa hedduun ajjeechaa Hachaaluu Hundeessaa hordofee jeequmsa umame keessaa qooda qabaachuun shakkamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama.