Jawaar Mohaammad fi Baqqala Garbaafaa hospitaala dhuunfaa Laandimaarkitti geeffaman

Ji'a tokkoo oliif lagannaa nyaataarra kan jiran Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaafaa hospitaala dhuunfaa Laandmaark jedhamutti wal'aansaaf geeffamuu BBCn odeeffateera.
Himatamtoonni kunniin mana hidhaa hidhamanii jiran Qaallittii keessaa onkolaataa poolisiin dabaalamanii ambulaansii fudhatamuun hospitaala kana galuu BBCn namoota dhimmicha quba qaban irraa odeeffateera.
Kanneen hospitaala galan Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaati.
Maatiin himatamtootaa gara hospitaalichaa akka hin gallee dhorkamuu fi ammaaf haala fayyaa isaanii odeeffannoo akka hin qabne maddi BBC'f yaada kenne himeera.
Naannoo hospitaalichattis humnoonni nageenyaa mootummaa eegumsa cimaa gochaa akka jiranis hime.
Abukaatootni himatamtootaa fi maatiin akka jedhanitti, Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa fi Obbo Hamzaa Booranaa erga nyaata lagatanii guyyoota 34 guuteera.
Jalqaba torban dabre keessa Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa tajaajilli yaalaa ogeeyyii hospitaala Laandimaarkiin mana sirreessaa Qaallittii keessatti akka kennamu murteessuun isaa ni yaadatama.
Guyyootaan boodas hospitaalli Landmark dandeettii Obbo Jawaarfaaa Mana Sirreessaa Qaallittiitti yaaluu hin qabnu jechuun abukaatoo isaaniif barreesse.
Abukaatonni ragaa kana qabachuun dhaddacha ijibbaata mana murtii Waliigalaatti kan ol iyyatan yoo ta'u, dhaddachichi Wiixata himatamtoonni hospitaala jedhametti akka yaalaman jala murtee kenne.
Oduun himatamtoonni kunnen hospitaala dhuunfaa Landmarkitti yaaliif geeffamuu kan dhagahame, erga Manni Murtii Olaanaa Federaalaa jecha amantaa fi waakkii namoota 24 galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti himatamanii fudhachuuf guyyaa Wiixataa beellamee ture, guyyaa biraatti erga dabarse guyyaa tokkoon boodadha.
Dhaddacha Wiixata oleen abukaatonni himatamtootaa Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Hamzaa Adaana dabalatee namootni afur haalaan dhukkubsachuu isaanii dubbatanii turan.
Gara hospitaala kanaatti kan geeffaman fayyaan isaanii haala yaaddessaarraa gahee haa tahuu, haaluma manni murtii ajajeen tahuu waanti dhagahame hin jiru.
Rippoortarri BBC dhaddacha guyyaa Wiixataa oole hirmaate akka ilaaletti, Obbo Baqqalaa Garbaa mataa isaanii jilba himatamaa Arafaat Abubakar, miila isaaniimmoo jilba Obbo Jawaar Mahaammad irra kaayyatanii barcuma dagleerra dugdaan ciisanii turan.
Kana malees Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Hamzaa Booranaa qaamni isaanii haala kanaan dura turerraa baay'ee huqqachuus ilaaleera.

Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa, namoota 24
Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.















