Obbo Jawaar Mohaammadfaa jecha amantaa yookiin waakkii laatan

Obbo Baqqalaa Garbaa, Jawaar Mahaammad fi Hamzaa Adaanaa (Booranaa)

Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee namootni shan jecha amantaa yookin waakkii laataniiru.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddachi Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaa galmee himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irratti torbee darbe jecha amantaa yookin waakkii himatamtoota 16 kan fudhate yemmuu ta'u, guyyaa har'aa [Wiixata] immoo jecha namoota shanii fudhateera.

Dhaddacha Wiixata ooleen Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana- Booranaa, Obbo Shamsaddin Xahaafi Obbo Alamaayyoo Galataatu jecha amantaafi waakkii kenne.

Hundi isaaniitis gochaalee himata keessatti eeraman kan hin raawwanne fi balleessaa kan hin qabne ta'uu jecha isaanii mana murtiif laataniiru.

Yaada himatamtootaa

Himatamtootni jecha amantaafi waakkii erga laatanii booda yaada qaban kan dubbatan yemmuu ta'u; Obbo Jawaar Mahaammad "eenyummaa gochaalee jedhaman raawwachuu na dandeessisu hin qabu" jechuun gochaalee ittin himataman akka hin raawwanne mana murtichaatti himuu isaanii abukaatoon isaanii Obbo Ibsaa Gammadaa BBCtti himaniiru.

Himannaawwan Obbo Jawaar Mahaammad irratti dhiyaatan keessaa inni tokko abbootin amantaa Ortodoksii Phaaphaasiiwwan shaniifi tajaajiltootni lama akka ajjeefamanif qindeessuu kan jedhudha.

Dhimma kana irratti Obbo Jawaar Mahaammad maatiinsaanii hordoftoota amantaa garaagaraa akka ta'an himuun "haleellaa abbootii amantaa irratti gaggeeffamu raawwachuuf haalli isa dandeessisu kan hin jirre ta'uu hime," jedhan.

Kana malees "abbootii amantaa Ortodoksii irratti haleellaan akka raawwatamu gootee jirta jedhamee himatamuunkoo qaamakoo walakkaa akka ofirraa muree gatuutti lakka'ama waan ta'eef waan akkasii nama gochuu danda'uu miti jedhaniiru" jechuun abukaatoon isaanii Obbo Ibsaa Gammadaa himaniiru.

Obbo Jawaar Mahaammad dhimma saboota walitti buusuu ilaalchisees himatni irratti dhiyaate sirrii akka hin taanefi sabootni akka walitti dhiyaatanif hojjechaa turuu isaanii mana murtiif akka himan abukaatoon isaanii Obbo Ibsaan himaniiru.

Gama biraatin Obbo Shamsaddin Xahaa "maalif akka himatame ji'a sagalii ol hidhaarra akka jiru akka hin beekne. Gochi ittin himatame tokkollee akka isa hin ibsine fi balleessaa kan hin qabne ta'uu ibseera" jedhan Obbo Ibsaa Gammadaa.

Guyyoota beellamaa…

Manni murtii jecha amantaa yookin waakkii himatamtootaa erga dhaggeeffatee booda ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuuf beellama qabateera.

Haaluma kanaan manni murtichaa ragaaleen dhaddacha keessatti ifattimoo golgaa duuba ta'uun dhoksaatti jecha yaa kennan kan jedhu irratti jala murtii kennuuf Bitootessa 28 bara 2013ti beellame.

Kana malees ragaalee abbaa alangaa dhaggeeffachuf Bitootessa 29 fi 30 akkasumas Ebla 05, 06, 07, 12, 13 fi 14 bara 2013 beellameera.

Presentational grey line

Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa - namoota 24

Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kanneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.