Antooniyoo Gutereez hidhaarraa hiikamuu namoota siyaasaa Itoophiyaa 'gammachuun simatan'

Antonio Guterres

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan Itoophiyaa hogganoota siyaasaa KFO, Baaldaraasiifi hoggantoota TPLF dhiifamaan hiikuu beeksisuu hordofee barreessaan olaanaa UN murtee kana gammachuun akka simatan himan.

Antooniyoo Guteereez ergaa guyyaa Jimaataa dabarsaniin: ''Itoophiyaatti mormitoota siyaasaa olaanoo dabalatee kaan, manneen hidhaa keessaa gadhiifamuu isaanii [gamachuun] simadha,'' jedhan.

Aabba Guteereez dabaluun ''qaamoleen tarkaanfii kana bu'uura godhachuun dhukaasa akka dhaaban, akkasumas adeemsa marii biyyaalessaa qaamolee hunda hammateefi araaraa jalqabsiisuuf akka oolchan waamicha koon dhiyeessa,'' jedhan.

Hoogganaa olaanaa UN kun waraana Itoophiyaatti xumura gochuufi nageenyaafi tasagabbii biyyattiitti fiduu keessatti kanneen dhimmi ilaallatu wajjin akka hojjetaniis himan.

Guyyaa Jimaataa Jawaar Mohaammad dabalatee hogganoonni paartii mormituu Kongirasii Federaalawaa Oromoo fi namoonni isaan waliin himatamanii mana hidhaa Qaallittii turan gadhiifamaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa "dirree siyaasaa bal'isuu fi marii biyyaalessaa hirmaachisaa ta'eef jecha" hidhamtoota kana "dhiifamaan" hiikuuf murteessuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa Jimaata galgala baaseen beeksiseera.

Gama kaaniin Paartiin Baaldaraas Dura Taa'aan dhaabichaa Iskindir Naggaafi hoggantoonni dhaabichaa galmee isaa jalatti himataman kaan hiikamuu mirkanesseera.

Iskindir mana hidhaatii gadhiifamuu hordofee mana jireenyaa isaatti haasawa taasiseen: ''Kabajaan kan malu nuyi kanneen mana hidhaatii baaneef osoo hin taane, kanneen Itoophiyaaf jedhanii wareegamaniifi qaamni isaanii hir'ateef haa tahu,'' jechuun dubbachuusaa paartiin isaa ibseera.

Abbaan Alangaa Federaalaa ammoo ibsa gama Feesbuukiin baaseen hidhamtoonni kun marii biyyaalessaa karoorfame bu'a qabeessa gochuuf "bu'uura labsii 943/2008tiin himatni isaanii akka kaafamu murtaa'e," jedheera.

Kanneen akka gadi dhiifaman murtaa'e keessaa hogganoonni gameeyyii TPLF Sibhaat Naggaa, Qiddusaan Naggaa, Abbaay Walduu, Abbaadii Zammuu, Muluu Gabragzaabeer fi Kiroos Hagoos jiraachuu ibsichi himeera.

Presentational grey line

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee Adoolessa 1, 2020 to'annoo jala kan oolan Obbo Jawaar Mohaammad, hidhaa guyyoota 530 ol booda gadhiifamaniiru.

Adeemsi himataa isaanii waggaa tokkoo ol lakkoofsisees dhimmoota hedduun kan dabaalame ture.

Jawaar Mahaammad fi eegdota isaanii dabalatee namootni 35 sirna gaggeessaa reeffa Artiist Haacaaluu Hundeessaa irratti reeffa humnaan gara magaalaa Finfinneetti fedha maatii malee deebisan jedhamuun ture to'annoo jala kan oolan.