'Namoonni hiikaman carrichatti sirnaan yoo hin fayyadamne himati itti fufuu danda'a' MM Abiy

MM Abiy Ahmad

Madda suuraa, PM OFFICE

Mootummaan Itoophiyaa namoota dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa jiru himatasaanii adda kutee mana hidhaatii gadi dhiisuun namoota hedduu kan mufachiisee fi garuummoo tarkaanfii fudhatamuu qabu akka ta'e MM Abiy Ahimad dubbatan.

Dhuma torbee darbeetti walta'iinsa biyyaalessummaa uumuuf haala mijeessuuf jedhamee, miseensonni fi hooggantoonni paartilee Kongireesii Federaalawaa Oromoo fi Baaldaraas Le Iwunetanya Dimokiraasii akkasumas hooggantoonni olaanoo TPLF himati isaanii adda citee mana hidhaatii gadi dhiifaman.

Kana hordofuun mana hidhaatii gadi dhiifamuu namoota tokko tokkoorratti qaamolee garaagaraa irraa mufii fi gaaffiin wayita dhiyaatu dhagahamaa ture.

Qaamolee murtee kana morman keessaa tokko kan ta'e paartiin IZEMA, namoonni himati isaanii adda citee mana hidhaatii gadi dhiifaman tokko tokko osoo lubbuun isaan gaaga'an godaannisi isaa hin badin, osoo badiisaaniirra lammiileen hin dandamatiin dhiifama argachuun isaanii haqaan qoosuudha jedhe.

Dilbata kaleessaa sirna eebba gamoo waajjira muummicha Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti argamuun haasaa kan taasisan MM Abiy Ahimad, mormii ka'erratti wayita dubbatan, ''nutis jalqaba wayita dhageenyu miirri naasuu nutti dhagahameera,'' jedhan.

''Garuu waan gaariisaa wayita ilaallu hedduudha. Dantaa waarawaa Itoophiyaaf murteessaadha. Diinota Itoophiyaa kan hir'isuudha. Injifannoo waraanaan arganne mariidhaanis akka daballuuf kan haala mijeessuudha,'' jedhan.

Ministirri Muummee Abiy, qaamoleen mo'aman ittiin jedhan kunneen wayita mana hidhaatii gadi dhiifaman mormiin bifa lamaan ka'e jedhan.

Gareen inni tokko isa Itoophiyaatti nagaan yoo bu'e hin gammadne, ''eessa akka jiran kan hin beekamne, haxxummaan siyaasa kan oofanii fi kanneen nuti bakka hin kennineefidha,'' jedhan.

Gareen lammaffaan ammoo oduu kanaan kan rifate,''biyyaaf waan hunda kan gumaache, diina kana akkaan kan jibbuu fi mariin diina kana waliin godhamu kamiyyuu Itoophiyaa kan miidhuudha jedhee kan amanudha, jedhan.

''Garee kana mootummaan guutummaatti ni hubata, ni dhageeffata, mufii ka'eef bakka kennuufis ni yaala.''

Mootummaansaanii tarkaanfii kana dantaa biyyaaf jedhee akka fudhate kan himan Ministirri Muummee Abiy, ''dhugaa osoo nutti hadhaawuu liqimsinedha, ''jedhan.

Gareen dhugaan biyyaaf yaaddanii tarkaanfii kanatti mufattan, injifannoo waarawaa biyya keessaniif jedhaatii murtee kana simadhaa! Kabajaa fi boojuu biyyi keessan argatte itti fufsiisuuf jecha irra deddeebisaa yaadaa!'' jedhan.

Namoota himatisaanii adda citee mana hidhaatii gadi dhiifaman ilaalchisee wayita dubbatan, namoonni kunneen aangoo mootummaarra kan hin jirree fi dhimma biyyaarratti kallattiin kanneen murteessa miti jedhan.

''Jaarsoliin yoo danda'ame gara gadaamii yookiin ammoo gara manasaanii malee mana hidhaa turuu akka hin qabne murteessineerra.''

Mootummaan namoota kunneeniif dhiifama kan godheef uummata isaan booda jiru kabajee akka ta'ee fi namoonni kunneenis carraa argame kanatti sirnaan akka fayyadaman, ta'uu baannaan ''himata adda kutuu jechuun yakkarraa baraarsuu waan hin taaneef deebi'anii himatamuu danda'u,'' jechuun akeekkachiisan.