Waraana Kaaba Itoophiyaa: Raayyaan Itoophiyaa Maqaleedhaa bahuu 'waan nuti hin eegne ture' - Pirezidant Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, Getty Images
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waggaa darbee xumura baatii Waxabajjii bakkeewwn Tigraay garagaraa keessaa bahuun isaa ''kan hin eegneefi tasa waan ta'edha,'' jedhan Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqiin.
Pirezidanti Isaayyaas murtee raayyaan Tigraayiitii bahu isaa tooftaaf jecha of duubatti deebi'uudha jechuun Guyyaa kaleessaa Sambata Amajjii 08, 2022 turtii Televijinii Ertiraa waliin taasisaniin dubbataniiru.
Bulchaan Ertiraa gaaffiifi deebii kallattiin televijinii gubbaa darbeen lola Tigraay irratti akkamiin akka hirmaatan, dhimma naannawichaa, haala Ertiraan itti jirtuufi siyaasa idil-addunyaarratti dubbataniiru.
Guyyaa Jimaataa Pirezidant Isaayyaas gaaffiifi deebii taasisuu dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Ayyaana Qillee sababeeffachuun qondaaltota TPLF, KFO fi Baaldaraas hiikaniiru.
Pirezidantiin Ertiraas namoota siyaasaa dhiifamaan hiiku jedhamee eegamuus hin raawwanne. Sababa kanaan lammiileen Ertiraa ala jiraatan komii isaanii ibsataa jiru.
Waa'ee lola Tigraay
Waggoota 30 oliif Ertiraa kan bulchan Pirezidant Isaayyaas waraanni isaanii gara Tigraay kan seene misaa'elii TPLF dhukaaseen akka ta'e gaaffiifi deebii kaleessaa irratti dubbataniiru.
TPLF Ertiraa keessatti bakkeewwan 100 irratti xiyyeeffatanii turan kan jedhan bulchaan Ertiraa sababa kanaaf ofirraa ittisuuf jecha akka lolicha irratti hirmaatan ibsaniiru.
Lolli Tigraay ji'oota 14 dura buufatni waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa hidhattoota TPLF'f amanamoo ta'aniin haleellaan irratti raawwatee booda jalqabe.
Yeroos TPLF dursee ofirraa ittisuuf jecha tarkaanfii kana akka fudhate ibseera. Eegasii torban muraasa keessatti waraanni federaalaa Maqaleefi kaan to'achuun bulchiinsa yeroo dhaabe.
Ta'us, ji'oota saddeet booda Waxabajjii keessa Naannoo Tigraay keessaa bahuu beeksise. Kanas, Pirezidant Isaayyaas ''kan hin eegneefi tasa kan raawwatedha,'' erga jedhanii booda tooftaaf of duuba deebi'ani jechuun ibsan.
Waraanni Ertiraa Tigraay keessatti yakkoota mirga namoomaa, haleellaa saalaa, beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu akkasumas kaan raawwachuun dhaabbilee mirga namoomaan himatama.
Biyyoonni Lixaas sababa kanaan Ertiraan waraana ishee Itoophiyaa keessaa akka baaftu waamicha taasisaa turani. Ertiraan gama ishiitin kuni haleellaa qindaa'edha jechuun himannaa irratti dhihaatu ni waakkatti.
Gaaffiifi deebii kanarratti ka'umsa lolichaa kan dubbatan Pirezidant Isaayyaas humnoonni TPLF ALI Onkololeessa 24 Izzii Kaabaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa irratti haleellaa raawwatuu himan.
Isa hordofees miseensonni raayyaa kuma shaniifi jaha gahan gara Ertiraa baqachuu isaanii dubbataniiru.
Biyyi isaanii dhimmi Itoophiyaa kan isaan yaaddessu waraana Itoophiyaatti ka'e qofaaf osoo hin taane seenaa dheeraa kan qabu ta'u himan.
Sirnoonni kana dura Itoophiyaa keessa turan ummata Ertiraa miidhaa turaniiru jechuun komatani.
Bulchiinsa Mootii H/Sillaasee eegalee sirna TPLF/ADWUI keessatti adeemsi ummata Ertiraa miidhu jiraachuu isaa gaaffiifi deebii irratti dubbataniiru.
Haala waggoota 80'f ture kana biyyi isaanii xiyyeeffannoon akka hordoftu gad jabeessanii ibsaniiru.

Madda suuraa, EriTV
''Itoophiyaa keessa tasgabbiin osoo hin jiraatiniifi sirni mootummaa kanaan gahu osoo hin ijaaramiin sirna dhufu waliin waldhiibaa itti fufuu hin dandeenyu.
''Kanaaf gahee keenya gumaachuu waan qabnuuf waan gadi teenyee waan ilaallu miti,'' jechuun dubbataniiru.
Pireezidanti Isaayyaas aangootti dhufuu MM Abiy Ahimadiin booda waldhibdeen biyyoota lamaan gidduu ture ni furama amantaa jedhu qabaataniis jijjiiramicha TPLF fi qaamoleen maqaan hin ibsine biroon fudhachuu dhiisuun isaanii haala nageenyaa irratti yaaddoo itti uumaa akka ture himan.
''Namni tokko tokko abdii qabeessa waan ta'eef nagaa nagaa yeroo jedhamu haalota gadi fageenyaan osoo hin gamaagamiin akka gaariitti ilaaleera'' jedhu Pireezidant Isaayyaas.
MM Abiy Ahamid aangootti dhufuu isaanii fi kanneen waraanaan mootummaa lolaniif waamicha gochuun dura qaamoleen hidhannoon qabsaa'aan hedduun Eertiraa buufatanii turan.
Pireezidantiichi haala Itoophiyaa waggoota 30 darbanii kan ilaalan yeroo ta'u, ''dhibdee Itoophiyaa keessa jiru yoom furmaata akka argatu, eenyu akka isa hiiku gaaffii guddaadha'' jedhaniiru.
''Ta'uus dhimma isaaniiti jennee hin callisnu. Gaheen keenya akka feeteen osoo hin taane beekumsa karooraafi dizaayiniini kan raawwatuudha'' jedhan.
Sirna federaalizimii Itoophpiyaa kan qeeqan Isaayyaas, gaaffiifi deebii isaanii alanaa kana irrattis biyya lammummaarratti hundaa'e ijaaruu caala, sabummaarratti hundaa'uun biyyootaafi dhaabbilee ijaaruuf humnoonni alaa fedha qaban harka keessaa qabuu jedhan.
Walqoodinsi wagggoota soddomman darban Somaaliyaa keessatti mul'atee fi yeroo dhiyoo Sudaanitti muddamni jiru akka isaan yaaddessus dubbataniiru.
Dhimmoota idila addunyaa kan ilaallatu
Gaaffiifi deebii isaanii keessatti naannolee aaddunyaa garaagaraa keessatti jeequmsa ka'an kophaafi olaantummaan furuuf yaalu fedha addaa keessaa eegus jechuun aanga'oota Ameerikaa qeeqaniiru.
''Eertiraan fedha keenya hin tajaajiltu jechuun'' imaammata hordofaniin dhaloota Eertiraa lama aarsaa kaffalchiisaniiru jechuunis komataniiru.
Aanga'oota Ameerikaa fedha addaa barbaadan jedhaniin kun Eertiraan biyyoota ollaan akka waldhabdu gochuun akka fuula duratti hin tarkaanfanne taasisaa, himannaafi maqa balleessiin waggoota sagaliif qoqqobbiin adabuu yaadachiisaniiru.
Ammas waraana Tigraayiin walqabatees qoqqobbiin haqa qabeessa hin taane isaanirraa kaahamuu komataniiru.
Eertiraan birmadummaa ishee erga goonfattee booda biyyoota oollaa lama waliin waraana gaggeessuun komatamti.
Waraana Tigraayiin walqabatees dhaabbileen Eertiraa afuriifi namootni dhuunfaa lama qoqqobbiin kaahameera.
Waajirri qabeenyaa US Eertiraan tasgabbii fi tokkummaa Itoophiyaa rakkoo keessa galchuuf sochooti jechuun qoqqobbii irra kaahe.
Dhaabbileen qoqqobbiin irra kaahame Raayyaa Ittisa Biyyaa Eertiraa dhaaba biyya bulchu keessatti argamu.
Tibba kana daawwannaa hojiif Asmaraa kana turan Ministirri Haajaa Alaa Chaayinaa Wiingi Yuu qoqqobbii Ameerikaan Eertiraarra keesse balaaleffataniiru.
Pireezidant Isaayyaas dhimma kanaa yoo dubbatan hariiroo tarsiimawaa biyyattii waliin qaban gara hojiitti hiikuuf waliigalteerra gahuu ibsaniiru.














