Ertiraa: 'Waggaa 30 qabsoofnee walaboomnus, bilisummaa dharraane garuu waggaa 30tti hin argine'

Madda suuraa, Getty Images
Ertiraan erga walabummaa ishee labsattee har'a waggoota 30 guuteera. Gulaalaa BBC Tigrinyaa kan ture Saamu'el Gabrahiyot kanneen qobsoo bilisummaa Ertiraa keessatti hirmaatan keessaa tokko. Qabsaa'oonni durii kunis waa'ee qabsoofi abdii dimokraasiifi bilisummaa Ertiraanootaa osoo hin dhugomiin hafeefi biyyattiin attamiin harka bulchitoota abbaa hirreetti akka hafte akkasiin hima.

Waggoota 30 hidhannoon lolaa turre. Tokkoon tokkoo guyyaas lolaan darbaa ture.
Tokkoon tokkoon keenya yeroo lamaa sadii madoofneerra. Kun waan addaa hin turre. Hanga tokko erga wallaanamnee booda ammoo lola biraatiif duulla ture.
Kaabaa Ertiraa adda waraanaa Qaaroraatti attamiin akka lolleefi Kibba Ertiraa Dumeeraaniitti attamiin akka ofirraa qollanne baayyee na dhiba. Dahoorraa dahootti lafarra lo'aa, garreeniifi bu'aa bahii keessaa bulaa turre.
Garuu ani warra carrooman keessattan ramadama. Loltoonni hiriyyoota keenyaa kuma 65 ta'an du'aniiru. Ani adda waraanaatti kanan makame bara 1982 wayita mucaa waggaa 16 ture.
Waa'ee qabsaa'oota Ertiraa baayyeen dhagahan ture. Qumxaansaanii, rifeensii isaanii dheeraafi qawween AK 47 qabatan ...seenaan isaanii kun hundi na harkiisa ture.
Suluula Araag keessatti leenjiin ji'oota muraasaaf nuuf kenname. Attamiin akka haleellaa raawwanuufi akka itti booddee deebii'uu dndeenyu, attamiin akka ofii keenya dhoksinu, akka itti naanicha waliin of fakkeessinu, akka itti boombii hiikuun suphamufi itti darbatamu irratti leenjiine.
Leenjiin argannee dadhabaa kan jedhamu hin turre. Isaan alatti barnoota siyaasaa fudhataa turre. Akkamiin mootummaan dimokiraatawaa ta'e akka itti hundaa'ulleen barannee jirra.
Leenjii kanaan boodas waraana heedduu keessatti hirmaadheera. Dhuma kan ture bara 1990tti 'duula Fanqili' kan Mitsiwaatti gaggeeffame ture.

Madda suuraa, Samuel Ghebhrehiwet
Injifannoon sun baayyee murteessaa ture. Inni injifannoo guddaa waraanni Itoophiyaa rukutamuun dadhabee akka Ertiraa keessaa bahuu kan dirqisiise ture.
Yeroo sanattis osoo addaan hin citiin sa'aatii 72f lolleera. Mitsiwaa to'achuuf kan hin taanee hin turre jechuun danda'a.
Isaan boodas ofiirraa ittisuuf jecha dahoo qotannee waggaa tokkoo oliif turree jira.
Lola sanaanis mataafi harka kiyya irraa madaa'een ture. Ergan hospitaala galuun wallaanameen booda battalumatti gara lolaattiin deebii'ee ture.
Dhuma bara 1980tti gara kutaa artiifi aadaattin darbe.
Kaayyoon kutaa sanaa inni guddaaan haamilee loltootaa muuziiqaafi diraamaan kakaasuu ture.
Bara 1991tti dhiyeenya Eritaatti odoola Daahilaak irra turre. Wayita Daahilaak jirruutti ture jireenya keenyatti muuziiqaa baayyee namatti tolu kan dhageenye.
Ertiraan walabummaashee labsachuun nutti himame.
Guyyoota gammachuu
Nutis gammachuun machoofnee bidiiruun gara Mitsiwaatti qajeelle. Erga achi geenyeen booda ammoo konkolaataan sa'aatii sadiif gara Asimaraatti imalle.
Daandiirrattis looltoonni Itoophiyaa dhiisanii waan bahaniif namni hin turre. Asmaraa keessaa gammachuu addaatu ture.
Jiraattoonnis qabsaa'oota bilisummaa simachuuf addabaabaayiitti bahaniiru.
Sirbaafii shubbisaan of walaalanii ture. Daandiiwwan hundi namootaan kan guutame ture. Inni Asmaraa abalatee magaalootaafi mandaroota hunda keessatti waan ta'e ture.
Guyyaa kanaan dura Asmaraan muddama keessa turte. Buufanni qiilleensaa walitti fufiinsaan dhukaasaan reebamaa ture. Ugguurrii sa'aatii cimaan labsamee ture. Garuu Caamsaa 24tti waanti hundinuu geedarame.
Haadhooliin waan abiddarra kaa'anii turan hunda dhiisuun ture gara addabaabaayiitti kan bahanii ture. Kunis qabsaa'oota simachuuf ture.
Lammiileen Ertiraa hedduunis harkasaaniitti abaaboo qabatanii mul'atu ture. Dargaggoonnis gammachuun nu simataa turan.
Gammachuun kunis guyyootaaf itti fufee ture haala ho'aadhaan.
Dhugaatti miira sana keessa dhiphiinnisi ture. Maatiin suuraa ijoollee isaanii qabatanii bahuun lubbuun jiraachusaanii gaafataa turan.

Madda suuraa, AFP
Gaaffiileen ''mucaan koo du'eemoo lubbuun jira?'' jedhu yeroo dheeraaf ture.
Ramaddii keenya keessatti jaalleewwan Gadilaafi Abaayayyii jedhamaniitu turan. Isaanis fuldurratti konkolaataarra ta'anii maatiisaanii wayita arganiitti miira ture yoomu hindagadhu. Iyyaa, bo'aa gammachuun imiimaan facaasaa turan.
Abaan Gadilaas ''mucaakoo argadhee! Mucaakoo argadheera!'' jechaa gara konkolaataatti yoo fiigan nan yaadadha.
Abaayayyii ammoo qabsooftu dubartii turte. Gaabbiinaa taa'aa turte. Amaatii ishee agartee konkolaataa deemaa ture irraa utaaltee bahuun balaaf osoo of saaxiluuf jirtu akka baatee nan yaadadha.
Booda keessa ajajjaawwan keenyaan hayyamni nuuf kennamee maatii keenya akka agarru ta'e.
Maatii waggoota dheeraaf addaan bahamee yeroo gabaabduu sana keessatti hayyama argachuun arguun waan laayyoo hin turre.
Abdii isaan booda ture
Taatee sana keessaatti ergaa hundi keenyaa Ertiraan badhaatee, rakkinni biyyattii keessaa badee lammiin biyyattii hundi gammachuufi qoofaan akka jiraataan abdii jedhuu qabana turre.
Haata'u malee, abdiin keenya sun akka urriitti baduuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.
Bilisummaaf jecha kan qabnu hunda kenninee ture, dargagummaafi jireenya keenya hunda.
Bilisumaan boodas hedduun keenya loltummaa keessaa baafamnee gara maatiitti makamne.
Achiin barnoota keenya itti fufne. Kanneen gara jireenya dhunfaafi daldalaatti deebi'uuf karoora qabanis turan.
Garuu ammoo loltummaa gadhiisuu akka hindandeenyee yoo baru baayyee dinqisiifanne.
Ajajaawwan waraanaa aanga'oota siyaasaa ta'an. Biyyi haaraanis qabeenyaa omaa akka hinqabne nutti himan. Qabeenyaan Ertiraan qabdu tokkichi meeshaa waraanaa harkaa qabnu qofaa ta'un nutti himan.
Rakkina lolaa sana hunda boodas qabsaa'onni duraanii hundi akka saqqii keenya jabeeffanuuf irra deebiin nutti himame.
Hojii kamiyyuu kanfaltii malee akka hojjannuf nutti himan. Nyaata nuuf kennuu nuti ammoo bilisaan tajaajilla.
Haalli kunis waggaa lamaaf itti fufe. Isaan booda ture maallaqa xiqqoo argachuu kan eegale.
Dureewwan qabsaa'ootaa tibba qabsootti akka maatii tokkootti wal ilaalaa tures dhugaa jiruu wayita hubatanitti gadduu eegalan.
Aangaa'oonni olaanoo hedduunis manneen dhugaatii keessatti mulachuu eegalan. Dhuganii machaa'aa turan.
Yeroo kanatti ammoo jireenyi qabsaa'aatti baayyee cimee ture. Haalli waliitti dhufeenyaa laafa walgahiiwwan idilees dagatamaa deeman.
Qabsaa'oonni idilee haalli har'a, boru ni fooyya'a jechuun abdataa turan. Eeganii boodas gaafatan. Wanti haaraan garuu hin turre.

Madda suuraa, Getty Images
Biyya ollaa waliin waraana
Bara 1993tti wayita waggaa lammaaffan walabummaa Eritraa kabajamuuf jiruutti qabsaa'oonni duraanii fincilan.
Aanga'oonni isaanii rakkoosaanii akka dhaggeeffataniif kadhatan. Aanga'oonni walgahii olaanaa istaadiyoomii Asmaraatti akka waamaniif dirqisiisaniin.
Deebiin isaaniif kenname garuu, ''rakkoon keessan nuuf gala, kanuma baramedha. Wanti hundinuu yeroo dhiyootti ni furra,'' kan jedhu ture.
Ananga'oonni garuu akkuma walgaiichi xumurameen namoota adda durumaan fincilicha qindeessan jedhaman ukkaamsuun tokko tokkoon fudhatan.
Yeroo gabaabaa keessattis hidhaan waggaa tokkoo hanga 15 itti murtaa'uu dhageenye. Isaanis rakkina qabsaa'aa ifatti dubbachusaaniitti gatii olaanaa kanfalan.
Hedduunis ''dureewwan keenya gara abbaa hirruummaatti geedaramaniiru'' jechuu eegalan.
Kaan ammoo takka obsuun irratti ilaaluu akka qabnu gorsan. Heerri Mootummaa Ertiraan wixineessaa turte gara dimokraasiitti akka geessuu nutti himame.
Kun hundi garuu abjuu ta'ee hafe.
Ertiraan biyya paartii tokkichaan bultuufi kan filannoon keessatti gageeffamee hin beekneedha.
Osoo kanarratti argamnuu Ertiraan biyyoota ollaashee hunda waliin lola keessa seente.
Yaman waliin bara 1995tti, Sudaan waliin bara 1996tti, Itoophiyaa waliin bara 1998tti fi Jabuutii waliin ammoo bara 2008tti wal dhabde. Kanaanis lubbuun dargaggoota kuma 10 dabalataan bade.
Ammas loltoonni Ertiraa bilisummaan booda lola marsaa 5ffaa keessatti argamu. Ammaan kanas loltoonni Ertiraa Itoophiyaatti naannoo Tigraay keessatti argamu. TPLF waliin wal waraanaa jiru.
TPLF yeroo Ertiraan walabummaa ishee labsitee kaasee aangoorra kan ture. Yeroo lola bara 1998-200tti Itoophiyaa waliin taasifame sanas ture.
Ani garuu bilisummaan booda garee kutaa aadaa paartii biyya bulchu keessan galee ture. Hojii aadaan wal qabatan hedduu hojjataa turre.
Diraamaafi muziqaawwan hedduu barreessuu keessattis hirmaadheen ture.
Artistii jaallatamtuun Heelan Mallasaa muuziqaa 'Mitsiwaa' jedhu kan kiyya sirbitee jirti. Muziqichis, ''Mitsiwaa ijoollee jaalatamoon kee eessa lixan?'' kan jedhu ture.
Jijjirama hin oollee
Dirreen siyaasaa hanga tokko mul'ataa turees lola Itiyoo-Ertiratiin booda waluma faana bade.
Mootummaan yaada weeraramuuf jedhu uummata biratti akka fudhatamu taasise. Lolli suni mariin akka hafu taasifamuu ni danda'ama ture jechuun amanu baayyeen.
Fuulbana 2001 garuu mootummaan tarkaanfiin hin yaadamne akka fudhatamuuf ajaje.
Qondaaltoonni olaanaa tokkoofi dabballeewan jidduu-galaa akkuma tasaatti hidhaa bufaman. Kunis waan fooyya'inis akka taasifamuuf gaafataniif ture.
Guyyaa sanaa kaasees namoonni kunneen eessa akka jiran kan dhagahame hin jiru.
Gaazexeessitoonni waa'ee namoota hidhamanii kanneenii barreessaniifi namoota kanneen dubbisan 11s ni hidhaman. Isaan keessaa hiriyyaan koo Siyyum ni argama. Siyyum wayita nuti injifannoon gallu suuraa kaasaa kan tureedha.
Hidhamtoonni kunneen hundi mana hidhaatti hin dhiyaanne. Essaa akka jiraniis hin beekamu. Ertiraan ammalleen biyya paartii tokkichaati.
Walabummaan booda waggoota 30 filannoo gaggeessitee hin beektu. Pireesiin walabaa hin jiru. Ijaarsi walabaas hin jiru. Dhaabbileen idil-addunyaafi dhaabbileen siviilii biyya keessaas dhorkamaniiru.
Ragaaleen ifa taasifaman akka mulisaniitti walabummaan booda tajaajjilli fayyaafi barnootaa fooyya'insa agarsisieera.
Kana amanuun garuu rakkisaa ta'a.
Dargaggoonni hedduunis carraa hojiii baayyee gadaanaa, akkasumas tajaajila loltummaa biyyaaleessaafi kafaltii maleen walqabatee biyyattiidhaa baqataniiru.
Darggagoonni hedduunis biyyoota Awuroppaafi Afriikaa hedduu keessatti dahatanii argamu.
Akkasis ta'ee ammalleen hedduun abdii hin kutanne. Jijjiramni waan hin oolle ta'uu cimsanii amanu.
Ertiraan guyyaa tokko waadaa abjuu dimokraasii wareegamtoota isheetiin galameef sana ni jiraatti.













