Ertiraa: Sababni waggoota 30f filannoon Ertiraa keessatti hin gaggeefamneef maali?

Pireezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii
Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii

Ummanni Ertiraa bara 1983 bilisummaa isaa erga argatee booda mootummaa dimookiraasiifi bu'uura heeraan bulu dhaabuuf waggoota 30'f carraaqus hanga yoonaa heerri hojiirra osoo hin oolin, filannoon dimookiraatawaas osoo hin taasifamiin tureera.

Yeroo dhihootti filannoo taasifamuu isaafis ragaan hin jiru.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii filannoon biyyaalessaa sababni hin eeyyamneef maali?

Qabsoo Ertiraa

Shaabiyaafi Qabsoon Bilisummaa Ertiraa (Tahaa'e) kaayyoo bittaa maqsuun ''Ertiraa dimokiraatofteefi bu'uura heeraan bultu'' ijaaruuf jedhu qabatanii qabsaa'uu isaanii kanneen itti dhiheenyaan hordofan himu.

Yaa'iin Tokkummaa Lammaffaa Saahelitti bara 1987 taasifame akkasumas chaartariin bara 1994 yaa'ii sadaffaa taasifameen ragga'e kaayyoon isaa ''mootummaa dimookiraatawaafi bu'uura heeraa qabu uumuu'' kan jedhu akka ta'e hayyuun seeraa Daawwit Fissahayyee himu.

Akka hayyuu kanaatti sagantaan bara 1987 taasifame mootummaa dimookiraatawaa ''heera bocu, waliigalteewwan haaraa kan raggaasisu, mirga lammiilee kan kabachiisuufi mana maree ummata tajaajilu hundeessuu'' akka ture himu.

Chaartariin bara 1994 ragga'e immoo ''sirna siyaasaafi dimookiraasii tokkummaa biyyaa mirkaneessu hundeessuuf'' kan kaayyeffate ture jedhu.

Bara 1990 Pirezidant Afawarqiin yeroo Dura Taa'aa paartii isaanii turan hunduu biyya ijaaruu irratti gahee ofii akka gumaachu, sirni hunda baka bu'u akka dhufu, paartiileen hedduu akka keessa qooda fudhataniifi siyaasni paartii tokkoon tasgabbiifi wabii akka hin mirkaneessine himuu isaanii ni yaadatu.

Akkamiin jijjiirameree?

Ummanni Ertiraa rifarandamii bara 1993 taasifameen 99.8% bilisummaa filachuun isaa ni yaadatama.

Labsii 37/1993 Caamsaa 19, bara 1993 baheen mootummaa yeroo turtii aangoo waggoota afur qabuufi heeraafi seera pireesii kan raggaasisu akkasumas seera filannoon biyyaa itti gaggeeffamu qopheessu akka hundeessan miseensi abbootii seeraa lammiilee Ertiraa Eliyaas H/Sillaasee dubbatu.

Mootummaan haaraa kuni Mootummaa Yeroo Ertiraa jedhamee akka beekamuufi qaamolee seera tuman, raawwachiisan akkasumas hiikan akka of keessaa qabatu labsichi ibsa.

Komishiniin heera raggaasisu bara 1997 mana maree Ertiraa keessatti ragga'eera. Bara 1996 immoo wixineen seeraa pireesii qophaa'ee miidiyaaleen dhuunfaa baay'atanii turani.

Magaalaa Asmaraa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Asmaraa

Adeemsi mootummaa dimookiraatawaa ijaaruu garuu lola Itiyoo - Ertiraan danqame.

''Lammiin Ertiraa hundi dhimma biyyaarratti hirmaachu qaba'' jechaa kan turan Pirezidant Isaayyaas bilisummaa booda miseensota Tahaa'e dhimma biyyaa irratti hirmaachuuf gaaffi kaasan dhuunfaan malee sadarkaa paartiitti hirmaachuu akka hin dandeenye dhorkani jedhan.

''Namni amala Isaayyaas sirriitti hubatu sirna sab - daneessaa ijaaruun fedhii namoonni itti dhihaatan qaban malee kan isaa hin fakkaatu,'' jedhu Obbo Eliyaas.

Miseensota mana mareefi mootummaa Ertiraan waldhibdeen daangaa Itiyoo - Ertiraa gamaaggamamu qaba jechuun Pirezidant Isaayyaas waliin waldhibdee guddaa uumanii akka turan yaadatu.

Yeroos walgahiiwwan cufaan taasifamaa turanii Mudde 2001 filannoon biyyaalessaa akka taasifamuuf murteessuun gareewwan lama seera filannoofi siyaasaa raggaasisan filaman.

Ergasii booda dhimmi filannoo akka yaadaatti osoo hin kaafamiin hanga har'aa dheeratee jira.

Obbo Daawwit Fissahaayyen ''Pirezidant Isaayyaas mana maree diiguun kanneen mootummaa heeraan utubame ijaaruuf gaafatan hidhuufi balleessuun mootummaa poolisii kan hundeesse filannoon akka hin taasifamneefi,'' jedhu.

Pirezidantichi yaada isaanii maaliif jijjiiran?

Biyyattiin yeroo qabsoo hidhannoo gaggeessite ''bilisummaan Ertiraa turee waan dhufeef dongongora hoggantoonni Afrikaa uuman irra hin deebitu'' barumsi jedhu turuu himu Obbo Mogos Birhaana.

''Ummanni keenya garuu hoggantoota Afrikaa badii hundaaf isaan himataa turre gadi ta'u keenya hubatee ture,'' jedhan.

Waldhibdeen daangaa Itiyoo - Ertiraa hanga uumametti haalonni ni jijjiiramu abdiin jedhu ture. Haa ta'u malee, hunduu akka yaadame hin taane.

Yeroo tokko gaazexaan Ameerikaatti maxxanfamu ''aangoo gadhiisuuf karoora qabdumoo akka hoggantoota Afrikaa hanga du'aatti turta?'' jedhamanii Pirezidant Isaayyaas gaafatamanii turan.

Pirezidantichis ''Ani ummanni Ertiraa gaafa na gaafate aangoo kiyya dhiisuuf qophiidha. Filannoon kan ummataati,'' jechuu isaanii barruun torban torbaniin bahu Tsiggeredaan bara 2000 maxxansa 3ffaa isaarratti qabatee bahee ture.

Dabalataan, Pirezidant Isaayyaas guyyaan walabummaa 17ffaa yeroo kabajametti turtii al - Jaziiraa waliin taasisaniin Ertiraatti filannoon yoom taasifama gaaffii jedhu dhihaateefi ture.

Isaaniis ''filannoo Ameerikaan taasiftu, bu'aan argamuufi filannoo dhugaa hanga agarrutti waggoota 30 yookiin 40'f ni eegna,'' jechuun dubbiin dubbatan filanoo gaggeessuuf fedhii akka hin qabne akeeka kanneen jedhan jiru.

Dabalataan, guyyaa walabummaa 23ffaa irratti ''heera haaraa haalotaaf mijataa ta'e raggaasisuu ni eegalla'' jedhanii dubbatanii turan.

Haata'u malee, kuni Ertiraatti filannoon akka hin eegamne mirkanadha kan jedhan Obbo Eliyaas ''Obbo Isaayyaas aangoorra osoo jiruu filannoo kanan ilaalu natti hin fakkaatu,'' jedhu.