Waraana Kaaba Itoophiyaa: ‘Haleellaan diroonii Tigiraayitti namoota 17 ajjeese’ - Hojjattoota gargaarsaa

Itoophiyaatti waraanni baatiiwwan 14 dura eegale

Madda suuraa, Getty Images

Naannoo Tigiraay, bakka waraanaan burkutoofte keessatti haleellaan diroonii haaraan gaafa Wiixataa raawwatame lubbuu namoota 17 dabarsuu hojjattoonnii gargaarsaa himan.

Haleellaan kanaan walfakkaatu si’a lama torban darbe keessa dawoo baqattootarratti kan raawwatame yoo ta’u, baqattoota fi namoonnii qe’eerra buqqa’an kanneen lakkoofsaan 60 dhiyaatan ajjeefamaniiru.

Wiixatammoo haleellaan haaraan mana baaburaa tokkorra qaqqabe. Namoota haleellaa xiyyaaratiin Maayitsabiriitti ajjeefaman keessaa harki caalaan isaanii dubartoota ta’uu isaanitu gabaafame.

BBC’n gabaasa haaraa kana qaama walabaarraa hin mirkaneeffanne.

Humnoonni Tigiraay naannoolee ollaa; Amaaraa fi Affaar keessaa erga bahanii as lolli hanga tokkoo qabbanaa'eera.

Taatullee, haleellaan xiyyaaraa itti fufuu isaatiin Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii kutaalee Tigiraayi muraasa keessa akka hin sochoone murteessuu hime.

"Haleellaawwan diroonii raawwatamaa jiran irraan kan ka'e sochii dhaabuu malee filannoo biraa hin arganne" jedhe dhaabbanni qindeessaa deeggarsa namoomaa UN OCHAn.

Dhaabbatni ‘UNICEF’ gama isaatiin akka ibsetti haleellaan dawoo baqattootarratti raawwate yakka waraanaa ta’uu mala jedheera.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fi Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideen gama isaanitiin, haleellaan xiyyaaraa raawwatamuun itti fufe, namoota nagaa ajjeesuurratti yaaaddoo qaban kaasuun ni yaadatama.

Haleellaan torban darbe raawwatees lammiilee nagaa galaafachuu Rooyitars dhaabbilee deeggarsa namoomaa wabeeffachuun gabaaseera.

Torbee darbe keessa haleellaa qilleensarraa kaampii baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiru Maay Ayinii jedhamurratti raawwatameen baqattoonni Eertiraa sadi ajjeefamuu UN himee ture.

Haleellaa qilleensarraa biraa Sanbata kaampii baqattootaa Dadabiit irratti raawwateen immoo namoonni nagaa 56 ajjeefamuu fi namoonni 100 ol madaa'uu TPLF ibsa baaseen beeksisee jira.

Dhaabbanni UN dhimma daa'immanii irratti hojjetu UNICEF ibsa Dilbata baaseen, haleellaa qilleensarraa kaampii buqqaatotaa irratti tibbana raawwatamaa jiruun dheekkamuu beeksiseera.

Haleellaa Amajjii 5 fi 7 raawwatameen daa'imman dabalatee namoonni hedduun yoo ajjeefaman, hedduun madaa'aniiru jedhe.

UN, Gamtaan Awurooppaa akkasumas Ameerikaan haleellaa qilleensaa lammiilee nagaa miidheen walqabatee yaaddoo isaanii ibsaniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti baatii 14 dura eegaleen lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'uun ni beekama.