Waraana Kaaba Itoophiyaa: Eertiraan akka haaraatti Tigraay irratti lola banuu TPLF hime

Taankii Waraanaa

Madda suuraa, AFP

Finciltoonni naannoo Kaaba Itoophiyaa, Tigraay, biyyi ollaa naannichaan daangaa qooddattu Eertiraan akka haaraatti haleellaa eegaluu himan.

Dubbi himaa TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa fuula tiwiitarii isaaniirratti akka barreessanitti haleellaan haaraan Eertiraan eegalte kun gama Kaaba-Lixa naannichaatiin iddoowwan Sigam Kofoloo fi Addii Tsatsar jedhamanitti.

Iddoowwan kunneen dhiyeenya magaalaa Shiraarotti argamu jedhu aanga'aan kun.

Haleellaan humnooti Eertiraa akka haaraatti eegalan kun pireezidantiin biyyatti 'seerota idil-addunyaaf dhimma akka hin qabne' agarsiisa jedhan Obbo Geetaachoo Raddaa.

Pireezidantiin Eertiraa Isaayyaas Afa-warqii turtii Sanbata Amajii 08 TV biyyattii waliin taasisaniin, loltoonni isaanii haleellaa Eertiraa irratti akkasumas tokkummaa Itoophiyaa diiguuf raawwatamu ni qolatu jedhanii turan.

Oduun kun haleellaa qilleensarraa tibbana mootummaan Itoophiyaa Tigraay iddoowwan gara garaatti raawwataa jiru booda dhagaahame.

Torbee darbe keessa haleellaa qilleensarraa kaampii baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiru Maay Ayinii jedhamurratti raawwatameen baqattoonni Eertiraa sadi ajjeefamuu UN himee ture.

Haleellaa qilleensarraa biraa Sanbata kaampii baqattootaa Dadabiit irratti raawwateen namoonni nagaa 56 ajjeefamuu fi namoonni 100 ol madaa'uu TPLF ibsa baaseen beeksisee jira.

Sababa haleellaa qilleensarraa kanaan dhaabbileen gargaarsa namoomaa godina Kaaba-Lixa Tigraay keessatti sochii adda kutuu isaanii UN beeksiseera.

"Haleellaawwan diroonii raawwatamaa jiru irraan kan ka'e sochii dhaabuu malee filannoo biraa hin arganne" jedhe dhaabbanni qindeessaa deeggarsa namoomaa UN OCHAn.

UNICEF haleellaa qilleensaan 'dheekkame'

Dhaabbanni UN dhimma daa'immanii irratti hojjetu UNICEF ibsa Dilbata baaseen, haleellaa qilleensarraa kaampii buqqaatotaa irratti tibbana raawwatamaa jiruun dheekkamuu beeksiseera.

Haleellaa Amajjii 5 fi 7 raawwatameen daa'imman dabalatee namoonni hedduun yoo ajjeefaman, hedduun madaa'aniiru jedhe.

Kaampiiwwan daa'imman dabalatee buqqaatoni biyya keessaa akkasumas baqattoonni biyyoota biroo keessa buufatan "kabajuu fi haleellaa irraa ittisuu dhabuun yakka seera namoomaa idil-addunyaa cabsuudha" jedhe UNICEF.

Haleellaawwan qilleensaa Tigraayitti itti fufaniin namootani nagaa miidhamuun fudhatama kan hin qabne ta'uu Ameerikaan beeksifteetti.

''Dhukaasni akka hatattamaan dhaabatu, mariin biyyaalessaa hunda hammatu hatattamaan akka eegaluu fi deeggarsi namoomaa lammiilee isaan barbaachisu hunda akka qaqqabu waamicha goonu ni cimsina'' jedhe Ministeera Haajaa Alaa UStti waajjirri dhimmoota Afrikaa.

Mootummaan Itoophiyaas ta'e kan Eertiraa waa'ee haleellaa qilleensarraa kanaa fi haleellaa akka haaraatti loltoonni Eertiraa Tigraay irratti banan jedhame waanti jedhan hin jiru.

Finciltoonni Tigraay naannolee Amaaraa fi Affaar qabatanii turan gadi dhiisuun gara daangaa Tigraayitti deebi'uu yoo himan, mootummaan garuu injifannoo waraanaa argateen naannolee kanneen gadi dhiisisuu hima.

Mootummaan Itoophiyaa loltoonni isaa, finciltoota duuka bu'uun daangaa naannoo Tigraay seenanii akka hin lolle beeksiseera.

Kana hordofee lolli waan qabbanaa'e fakkaatus, darbee darbee wal waraansi akka jiru gabaasaaleen ni mul'isu.

Waraana baatilee 14 lakkoofsise kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee irraa buqqa'aniiru.