Lola Oromiya: Godina Gujii Aanaa hidhattoonni to'atan keessatti jiraattonni rakkoo himatu

'Ta Waraanaa namni nun jiru, ta hongee sa'i nun jirtu, bannee jirra' jedhan jiraataan aanaa Gumii Eeldalloo hidhattootaan to'atamte keessaa baqatan.
Godina Gujiitti aanaan Gumii Eeldalloo aanaa gammoojjii kan daangaa naannoo Somaaleetti argamtu yoo taatu, erga caasaan mootummaa gadhiisee bahee hidhattoota harkatti kufee baatii sadi ta'e.
Jiraataan aanichaa erga aanichi harka hidhattootaatti kufteen booda baqatanii jiraan, nageenya isaaniif jechaa maqaa hin dhoofne, aanichi ammaan dura hidhattoota naannoo Somaalee irraa haleellaan kan irratti taasifamu akka ture himu.
"Waggoota sadan afran darban rakkoo jajjabduu keessa turre. Duraan waraana Somaaleetu numiidha. Amma ammoo waraana Shanee kanatu rakkoodhaaf nu saaxile. Kana biratti ammoo lafti hongeen jabaatte" jedhan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan shororkeessaa jechuun labsee fi 'Shanee' jedhee waamuu komii jiraattotaa kanarratti deebii hin kennine.
Yeroo dhihoodhaa asitti waraanni hidhattootaa naannoo sana qubachuu hordofee dararaan hawaasaarra gahu waan hammaateef qe'ee itti guddanne dhiisnee godaanne jedhu maanguddoon kun."Warri waraana hidhattoota kuni nama ajjeesa, ni hidha. Harkaa fi miila hidhanii dararu. Biyyarraa fuudhanii dhabamsiisu. Adamsee barbaadee jaarsa biyyaa, beekaa mara, bulchaa biyyaa xiyyitiidhaan ajjeesa. Kanatu naannoo sanaa nukaase" jedhan.
Ammaan dura raayyaan ittisa biyyaa aanicha keessa iddoowwan akka Malkaa Gubaa fi Bulbul jedhaman buufatee akka ture kan himan maanguddoon kun, ergii raayyaan ittisaa naannicha dhiisee bahee hidhattoonni guutumatti aanicha akka too'atan dubbatu.
"Duraan waraana mootummaatu aanaa keenya ture. Nutis isaan wajjin taanee hidhattoota kana ofirraa dhoowwaa turre. Waraanni suni nika'e, amma eegasii ji'a sadii" jedhan.
'Maatiin gargar badee jira'
Battala waraanni naannicha gadhiise jiraattonnis guyyicharraa kaasuun aanicha gadhiisanii gara aanaalee ollaa fi magaala Negelleetti godaanuus dubbatan.
Ta'ulleen hidhattoonni aanicha erga too'atanii uummatni akka hin baane waan dhorkaniif jecha maatiin isaanii walakkaa wajjin adda cituu isaaniis dubbatu.
"Gaafa achii baanu maatiin keenya kan waliin baqachuutti jirru hidhattoonni karaatti dhaabsisanii 'garam deemtu' jedhanii deebisan.
"Geejjiba isaan ittiin deemaa turan waliin qabanii duubatti deebisan. Amma isaanuma harka jiru. Isaan nubira dhufuu hin dandeenye, nulleen achi deebi'uu hin dandeenyu" jedhan.
Waa'ee maatii isaanii aanaa hidhattootaan too'atamte kana keessa jiranii hubachuuf rakkoon tajaajila bilbilaa fi ibsaa waan jiruuf yaaddoo cimaa keessa jiraachuulleen himan.
Jiraataan aanichaa biraan BBC'n dubbisee fi ilmi isaanii tokko hidhattootaan erga jalaa ajjeefameen booda baqatan gama isaaniin, "waggoota hedduuf humna keenyaan weerartoota Somaalee irraa dhufan ofirraa ittisaa turrulleen amma hidhaattoota Shaneetiin qe'ee keenyarraa baqanne" jedhu."Ammaan dura waraana mootummaatu nugargaara ture, isaan waan tahan hin beeknu dhiisanii bahaan. Amma waraana Shaneetu lafa qabate. Amma maatiin gargar badee jira. Ilmii fi abbaan dhirsaa fi niitiin gargar badeera. Obooleessa kiyya kan Liiban jedhamu warri shanee 'nyaapha' jedhanii najalaa ajjeesani" jedhan.

Haaleellaan hidhattootaa kuni erga aanaa isaanii gadhiisanii bahanii Magaala Negellee qubataniilleen akka hin dhaabbannee fi bakka amma qubatanii jiranittis darbee darbee hidhattoonni haleellaa akka irratti bananis dubbatu.
"Eegi Negellee qubanneelleen nujala dhufanii nama keenya ajjeesu. Waan nu ajjeesuu barbaadaniifilleen hin beeknu. Eegi kaampii kana qubannee baatii lama darbineerra. Garuu guyyaan dhukaasni nutti hin banamne guyyaa sadii callaadha, numa barbaadani" jedhu.
Bakka amma qubatanii jiran kanatti eegumsi mootummaa jiraatulleen gahaa waan hin taaneef miidhaan nurra gahu guutuuttii nurraa ittisuu hin daandeenye jedhu maanguddoon kuni.
"Dur waraana Somaaleetu nulola. Yeroo sana xiyyitii fi qawwee ofumaan bitannee ofirraa dhoowwaa jiraanne. Qawwee amma shaneen uummata keenya harkaa guurtee jirti. Uummati keenya amma namni tokko qawwee harkaa hin qabu. Seera mangistii kanaa jalatti hin bultan jettee akkanaan gargar numancaaste" jedhan.
Manguddoon biraa dubbisnes hawaasni Gumii Eeldalloo kan daangaa kibba Oromiyaa wareegama isaatiin kabachiisaa ture amma humna dhabee qe'eesaa gadhiisee godaane jedhu.
'Erga tajaaajilli mootummaa dhaabbatee ji'a sadii gaheera'
Sababa hidhattoonni 'ABO Shanee' aanicha to'ataniif caasaan mootummaa erga aanicha guutumatti gadhiisee bahee baatiiwwan sadii lakkaahamuu itti gaafatamaan waajjira dhimmoota Kominikeeshinii aanaa Gumii Eeldalloo Obbo Saara Jibichaa BBC'tti himaniiru.
"Uummanni aanaa kanaa waggaa hedduu waraana Somaalee wajjin wallola keessa ture miidhaa hedduu keessa darbaa dhufe. Waggaa sadan darban kanammoo hidhattoota ABO Shaneetu itti darbe" jedhu Obbo Saaran."Waraanni Mootummaa sababa lola kaabaa kanaan bakkicha gadhiisee jennaan hidhattoonni Shanee dhawaata dhaawaatan hanga aanaa guutumaatti buqqisuutti gahan.
"Aanichi amma erga tajaaajilli mootummaa dhaabbatee ji'a sadii gaheera" jedhan.
Yeroo ammaa kanas aanichi guutumatti too'annoo hidhattootaa harka akka jiruu fi mootummaan xiyyeeffannaa itti kennee hidhattoota kana gadhiisisuu akka qabus himu.
"Manneen baarnootaa hundi cufamanii barattoonni hammi ta'e Negelleetti godaananii akka baratan tahaa jira. Dhaabbileen fayyaas taajajila dhaabaniiru. Uummanni gara gara faffaca'ee jira. Uummanni baayyeen amma magaalaa Negellee qubatee jira" jedhan.
Abbootiin warraa kuma sadii caalan sababa aanaan isaanii hidhattootaan too'atameef baqatanii magaala Negellee qubatanii akka jiranis himu.
Waa'ee jiraattoota hin baqatiin ammallee aanicha keessa jiranii yoo dubbatan, "uummanni kuni uummata mootummaadhaan wal hanqatee jirudha. Loon uummata kanaa hongeedhaan dhumaataa jira. Horii wayyaa qabu Shaneetu qalatee nyaachuu jira. Uummanni rakkoo hammaataa keessa jira" jedhu.
Dhimma aanaa Gumii Eldalloo, kan hidhattootaan too'atamtee jirtu kana irratti odeeffannoo dabalataa gaafachuuf Bulchaa Godinichaa, bulchaa itti aanaa fi Itti gaafatamaa waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaaf bilbillus odeeffannoo kennuuf hayyamamoo hin taane.
Oromiyaa keessa iddoowwan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo socho'an gara garaa keessatti rakkoon adda addaa isaanirra gahaa akka jiru jiraattonni ni komatu.
Meeshaa irraa hiikuu, humnaan ukkaamsanii maallaqa gaafachuu, horii jalaa qalachuu, hidhuu fi dararuu akkasumas ajjeesuun iddoowwan adda addaatti hidhattootaan raawwatamaa jiraachuu himu jiraattonni.
Dhiyeenya Godina Jimmaa Aanaa Noonnoo Beenjaa ganda Konchiitti obbolaa sadii dabalatee firoonni Pirezidantii duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Atoomsaa namoonni torba qe'eetti hidhattootaan ajjeefamuu maatiin BBCtti himanii turan.
Komii jiraattota Aanaa Gumii Eeldalloo irratti Waraanni Bilisummaa Oromoo deebii hin kennine, haata'u malee amma dura himannaawwan yakkoota uummata nagaa irratti raawwatamanii waakkataa ture.














