Naannoo Oromiyaa: Paartiin Badhaadhinaa sochii qondaaltonni isaa miidiyaa hawaasummaarra taasisan qeeqe

Obbo Taayyee Danda'aan Dubbii Himaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaati

Madda suuraa, Nubia Media/Fb

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Taayyee Danda'aan walgahiin dhihoo taasifame ''itti mikoofnee jirra'' jechuun ibsaniiru

Paartiin Oromiyaa bulchaa jiru waldhibdeefi wal himannaa qondaaltonni dhaabichaa mootummaa naannichaarratti dhiheessaniirratti mari'achuun waliigalteerra gahuu ibse.

Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ibsa baaseen tibbana akkaataa miseensonni paartichaafi qondaaltonni olaanoo biyyattii dhimma Oromiyaarratti taasisan qeeqeera.

''Seeraa alummaan (Anarchy) tibbana marsaalee miidiyaa hawaasaarratti mul'ate sirrii akka hin taane ilaalameera,'' jedha ibsi dhaabichi Roobii galgala baase.

''Gaaffiin kamuu akkaataa hojimaataafi adeemsa paartiitiin akka keessummaa'u,'' jechuun ''adeemsi kanaan alaa hundi dogongora ta'uufi hatattamaan akka dhaabbatu kallattiin taa'eera'' jedheera.

Tibbana qondaaltonni dhaaba biyya bulchu muraasni dhimma nageenyaafi malaammaltummaa jira jedhan miidiyaa hawaasummaa, keessumaa Facebook irratti as fiduun himaa turan.

Ajjeechaa miseensota Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwate mootummaan hidhattoota himatus qondaaltonni kunneen garuu caasaa naageenyaa mootummaatti quba qaban.

Kana hordofuun dhihoo hoggansi olaanaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa walgahii taa'uu isaa dhaabichi ibsa baaseen beeksiseera.

Dhaabi filannoo marsaa jahaffaan bakka paartileen mormituu irraa hafanirratti sagalee caalmaa argatee naannicha bulchaa jiru kuni ajjeechaan miseensota abbootii Gadaa Karrayyuu akka qoratamu irratti waliigalamuu ibse.

Walgahii kana irratti bulchaan Itoophiyaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad irratti hirmaachuu isaaniis ta'e walgahiin kuni koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa meeqa akka hirmaachise hin beekamu.

Sababni ijoo qondaaltota kana miidiyaa hawaasummaatti akka bahanii dubbatan dirqe ifatti beekamuu baatus sochiin taasisan dhiibbaa taasisuu isaa mariin ta'ame ni akeeka.

Taateen gidduu kanaa hooggansa gidduu mufiifi waldhibdeen akka jiru akkasumas akkaataa dhaabichi rakkoo keessa isaa furuurratti hanqinni akka jiru akeeka kan jedhan jiru.

Ibsi maal jedhe?

Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggaa tokko caalaaf adeemaa ture xiyyeeffannoo mootummaa federaalaa qofa osoo hin taane ijoo dubbii addunyaallee ture.

Sababa waraana kanaaniifi kaanif immoo dhaabi naannoo Oromiyaa bulchu dhimoota ijoo naannicha ilaallatan marii tolchee taa'e furuurratti akka hanqina itti uume ibseera.

''Waraana keessa turuu keenyaafi sababoota biroof dirreen qabsoo keessoo akka malutti mijachuu hin dandeenye.

''Sababa kanaaf ajandaawwan qabsoo silaa keessootti ilaalamuu qaban miidiyaa hawaasatti bahuun miseensota, hoggansaafi deeggartoota paartii keenyaa gidduutti hanga tokko shakkiifi burjaajii uumee ture,'' jechuun ibse.

Tibbana qondaaltonni mootummaa dhimma naannichaa dura aantummaan miidiyaa hawaasummaa irratti ifa bahanii qeeqaa turan lamadha.

Tokko Ministir Di'eetaa Ministeera Nagaafi miseensa caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa yoo ta'an kan lammataa miseensa paarlaamaa Itoophiyaafi kana dura gorsaa pirezidantii naannoo ta'un kan muudaman Obbo Angaasaa Ibraahiimi.

Lamaanuu yeroo jalqabaaf filannoo biyyaalessaa jahaffaa booda paartii biyya bulchu bakka bu'uun miseesa qaama seera tumu ta'ani.

Obbo Taayyeen ''Karaan sirrii jennee irra hin deemne. Qabsoon keenya galmatti. Garuu gama saniin banaan uumamnaan sun dhufe.'' jechuun miidiyaa hawaasummaati as bahanii dubbataniif himan.

''Amma mari'annee jirra. Kaayyoo guddaan marichaa qabsoo daandii irraa maqe tooratti deebisuu dha. Itti milkoofnee jirra. Sadarkaa hundattuu qabsoo keessoof toorri mijatuu qaba.''

Namoota suura pireziantii duraanii Oromiyaa qabatanii bakka mana gubatee dhaabbatan

Madda suuraa, Waajira Komunikeeshinii Aanaa Noonnoo Beenjaa

Ibsa waa'ee suuraa, Firoonni duraanii pirezidantii Oromiyaa torba hdihattootaan ajjeefamuu maatiifi qondaaltonni BBC'tti himaniiru

Dhaabichis ibsa baaseen 'dogongorri mala qabso jiraatus paarticha jabeessuuf dhimmamuurra' ka'e jechuun sochii qondaaltonni muraasni dhaabichaa as bahanii dubbataniirratti dubbate.

Ta'us, ''Waan mirgaafi faayidaa ummata fi paartii keenyaa miidhuun kamuu raawwatuun sirrii akka hin taane waliigalameera,'' jechuun itti fayyadama miidiyaa hawaasummaa qondaaltotaa qeeqe.

Wanti gidduu kana ture ‚''seera alumaa (anarchy)'' jechuun ibse. Dhaabichi ‚haala tibbana mul'ateen osoo hin taane keessootti waltajjiirratti' mari'ataa furuun akka barbaachisu hime.

Maaltu dubbatame?

Dhimmoota ijoo qondaaltonni as bahanii himan keessaa tokko naannoo Oromiyaatti malaammaltummaan hammaatuudha.

Baatii dhuma kana komishiniin farra malaammaltummaa Oromiyaa naannichatti sochiin malaammaltummaa sadarkaa ‚'hammaataarra' gahuu ibsee ture.

Dhaabichis rakkoon akka jiru himee, ta'us odeeffannoo bu'uura hin qabne jedheen ''diinaaf karra saaquun sirrii miti'' jechuun deebii kenne.

Ibsa bahe keessatti eeramuu baatus Obbo Taayyeen ‚''Dubbiin hannaan akkaan hamaa ta'u'' eeruun ‚''tarkaanfiin seeraa fi siyaasaa akka fudhatamu koreen tolfame,'' jedhan.

Ajjeechaa miseensota Abbootii Gadaa Karrayyuu

Rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessa jiru wal qabsiiseenis hidhattoota WBO kan mootummaan ABO - Shanee jedhee waame irratti tarkaanfii fudhachuun akka itti fufu hime.

''Humna Shanee Oromoo salphise kana maqsuuf, hoggansi paartiifi mootummaa, caasaan nageenyaafi ummata bal'aa qindeessuun kan hojjetamu ta'uun waliigalameera,'' jedha ibsi bahe.

Torbanuma darbe haleellaa hidhattoonni itti himatamaniin maatiin Pirezidantii Oromiyaafi Dura Taa'aa duraanii DHDUO Obbo Alamaayyoo Atoomsaa 7 ajjeefamaniiru.

Torban sadii durammoo miseensonni Abbootii Gadaa Karrayyuu walumaagala 14 ta'an Godina Shawaa Bahaatti ajjeefamaniiru.

Mootummaan Ibsa baaseen hidhattoota himatuus hidhattoonni, hooggansi ABO kan Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu mootummaa himatan.

Qondaaltonni mootummaa miidiyaa hawaasaatti as bahanii himanis faallaa mootummaan ibseen ajjeechaa raawwateef caasaa mootummaa himatan.

Abbootiin Gadaa Oromoos ajjeechaa raawwate balaaleeffachuun akka qoratamu gaafatan.

Jaarrolii Karrayyuu

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Jaarrolii Karrayyuu

Hoogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Shaafi Huseen turtii BBC waliin taasisaniin ‚'garee shororkeessaa shaneetu ajjeechaa raawwate' jechuun himani.

Hidhattoonni kana dura dhaaba TPLF warra gumaati jedhaniin waliin hariiroo tolfachuu isaanii ifatti tolchan kunneen Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat keessa akka sosso'an Obbo Shaafin himaniiru.

Dhaabichi dhimma kana irratti mari'atuu isaa ibseera. Ibsa dhaabichi baaseenis‚ ''badii namootaan ifuu mala malee mootummaa ummanni ofii ijaarrate ibsuu hin danda'u'' jechuun ibse.

''Dubbichi hatattamaan qoratamee dhugaan isaa akka bahuufi yakki hojjatame argamnaan gaafatamummaan seeraa dhugoomuu akka qabu waliigalameera.''

Ajjeechaa raawwateef kan mootummaa himatan Obbo Taayyeen ‚''Dhugaan isaa qulqullaayee akka baramuu fi kan yakke seeraaf akka dhiyaatu hundatu waliigale,'' jechuun Facebook gubbaa barreessan.