Taayyee Danda'aa magaalaa Bishooftuutti birrii mil. 2 'saamame' jedhe

Qondaalli Paartii Badhaadhinaa Obbo Taayyee Danda'aa magaalaa Bishooftuutti Saamamuu BBC'tti hima.
Obbo Taayyeen magaalaa Bishooftuu akka turan himanii konkolaataa isaanii keessaa maallaqa dabalatee meeshaaleen biroos jalaa saamamuu dubbata.
"Konkolaataa koo keessaa birrii miiliyoona lamaa fi qabeenya biroon saamame" jedha.
Jimaata darbe Leenjiidhaaf magaala Bishooftuu Hoteela Biin jedhamutti saamichi irra gahuu kan himan angaa'aan kun akkaataa itti saamaman ni dubbata.
"Sa'aatii laaqanaa irratti yeroo namni hundi gara nyaataa deeme konkolaataa kiyya furtuu walfakkii (master key) dhaan bananii waan keessa ture hunda fudhatani" jedha.
Saamicha kanaanis maallaqni durgoo leenjifamtoofaaf kanfalamuuf ture birrii miiliyoonni 2, laptop fi yaadannoon dhuunfaa isaanii lama akka jalaa fudhatame BBC'tti hima.
Yaadannoo isaanii kana keessaas tokko dhimmoota hojii fi dhuunfaa kan irratti barreeffachaa turan ta'uu hima.
Akkuma saamichi kuni irra gaheen nama fuula facebook isaa irratti 'Yaadannoon Taayyee nu harka galeera' jechuun gadhiise jiraachuu fi itti gaafatamaa gochuuf adeemsa seeraa eegaleeras jedhe obbo Taayyeen.
Dhimma Obbo Taayyee Waajjirri Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu quba qabaachuu kan gaafanne ajajaan waajjira poolisii magaalichaa Komaandar Darajjee Mul'ataa dhimmichi qoratamaa akka jiruufi gaafa xumurame ummataaf akka ifa ta'u hima.
Namni Obbo Taayyeen maqaa dhahe kun dhimmoota siyaasaan wal qabatan irratti yaada kennuun kan beekamu injinar Darajjee Beegii "waanuma karaa keessaa Feesbuukiidhaan naaf ergamen maxxanse malee waa'ee saamicha Taayyee waanan beeku hin qabu" jechuun BBC'tti himeera.
''Karaa keessaatiin waan dhufe jedheen barreesse. 'Inbox' jedha isinis ilaaltan yoo tahe. Saamamuu isaatiis waa'ee Taayyees ani quba hin qabu.''














