Obbo Taayyee Danda'aa: 'Gaafan hidhameefi har'a gidduu ejjennoon jijjiire hin qabu'

Taayyee Danda'aa

Madda suuraa, Oromia Media Network

Haala siyaasaafi dhimmoota dhuunfaarratti BBC waliin turtii kan taasise Obbo Taayyee danda'aa, Obbo Jawaar waliinis ta'e nama dhuunfaa kam waliinuu waldhabdee dhuunfaa hin qabu jedha.

Miseensi ABO jedhamun waggoota dheeraa mana hidhaa kan tureefi barnoota isaa digirii jalqabaa xumuruuf waggoota 16 kan itti fudhate Taayyee Danda'aa, waggoota muraasa dura miseensummaan gara dhaaba biyya bulchaa jiruutti makame.

Yeroo gabaabaa keessattis namoota siyaasaa maqaan isaanii siyaasa Itoophiyaa keessatti irra deddeebiin ka'u keessaa tokko ta'uu danda'eera.

Dhiyeenya kana yaada miidiyaa hawaasummaa keessumaa 'Facebook' irratti barreessuun ijoo dubbii ta'aa jira; namoota hedduu irraas mormiin isa mudataa jira.

Duulli miidiyaa hawaasummaatiin anarratti banamu mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu koo kan sarbudha jedha.

"Namni silaa gaafa mormu yaadan morma. Warrimmoo yaadan dubbii mormuu hin barbaanne, warri arrabsoo waggaa tokkoon dura qopheeffatee, gaafa namni waa dubbate isuma irra deddeebi'ee namatti maxxansuutu jira."

"Kuni kan agarsiisu har'a 'ana malee ati hin dubbatin' kan jedhe osoo mootummaa ta'eemmoo 'ana malee ati hin jiraatin' akka jedhu ibsa jedhu.

Duulli kuni gabaa yaadaafi gabaa falmii keessaa afaan qabachiisanii nama baasuu kan akeekedhas jedha.

"Namni qalbii qabu maaltu deemaa jira jedhee xiinxalee ilaala jedheen yaada. Wanti naraaju tokkos hin jiru."

"Kanarraa kanin hubadhe namni hammana gadi bu'ee yaaduufi xiqqaatu akka jiru argeetuman bira darba malee homaa waan raajii qabu miti," jedha.

Rakkoon uummata kanaa furamuu qaba jedheen amanee dhaaba kanatti makame kan jedhu Obbo Taayyeen, dantaa Oromoo irratti wantin ani dubbadhuu fi godhu ejjennoon kaleessa qaburraa jijjiirama kan qabu miti jedha.

"Gaafan wagga torba hidhamee bahee fi amma gidduu Ejjennoon jijjiiree haaraa qabadhe hin jiru."

"Gaaffii Oromoo ammoo 'Oromoo,Oromoo' jechuu qofaan hin hiiknu. Gaaffiin Oromoo Oromiyaa keessatti daangeffamee kan hafus miti, kanaaf sabaa fi sablammoota biyya kanaa fi idil addunyaa waliinis hojjechuu kan nugaafatudha."

Ibsa waa'ee viidiyoo, Diigirii tokko xumuruuf waggota 16

Dhimma paartii Badhaadhinaa irratti garaagarummaa yaadaa ministira muummee Dr. Abiyyii fi Obbo Lammaa Magarsaa gidduu jiru irratti yaada haaraan akka hin jiraannee fi garaagarummaan kunis waan ulfaatee sadarkaa guddaarra gahu miti jedha.

'Girrisa'

Gareen safuu hin beeknee fi arrabsoof facebook irra oolu 'Girrisa' kan jedhan Obbo Taayyeen, namoonni hojii akkanaa irratti bobba'an olaantummaa argachuu hin qabani jedhu.

"Girrisni nijira. Warri kuni safuu hin qaban. Kanaafuu hammi inni gahu itti himamee, safuun Oromoo kabajamee marii fi marabbaadhaan deemuu qabna" jedhu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Waa hunda hin dubbatan,'' jetti boolli qayyaa- Taayyee Danda'aa

Mariin tibbana paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa gidduu ture kan ilaaleenis, mariin kuni siyaasa biyya kanaa fooyyeessuu fi waliin hojjechuuf bu'aa guddaa qaba jedhan.

"Marii jalqabuun mataasaatiin waan guddaadha. Rakkoon har'umatti hiikamee dhumu jiraachuu baatus siyaasa jibbiinsaa fi hololaa keessaa bahee gara ammayyummaatti cehuuf qooda guddaa qaba" jedhan.

Gaaffiiwwan sabni Oromoo qabuu fi sabni Amaaraa qabu adda baasanii beekuun tumsa waloo taasisuuf waliigaluus himan.

Tokkummaa paartilee siyaasa Oromoo osoo hin xumuriin paartilee naannoolee biraa waliin tokkummaa uumuun dhiibbaa hin qabaatuu jennee gaafanneerra.

"Paartilee Oromoo waliin waan waloodhaan irratti waliigallutu jira malee sagantaa hundaan waliigaluu hin dandeenyu. Osoo paartii Oromoo tokko hin godhin wanti jedhamu burjaajjiidha."

"Kan irratti waliigallu taphni siyaasaa ganda keenyaa karaa nagaa qofaan haa ta'uudha" jedhe.