Aanga'oonni mootummaa ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuurratti 'wal saaxilan'

Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas Boruu

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa

Aanga'oonni mootummaa lama ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu torban sadii dura raawwateef ajajni kan kenname hooggantoota mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiraniin ta'uu akeekan.

Deetaa Ministiraa Ministeera Nagaa Itoophiyaa fi miseensi caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aa fi miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa kabajamoo Angaasaa Ibraahiim ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwatame garee hooggansa mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiruun ta'uu himan.

Hooggansa Federaalaatti dhufuun dura qondaala olaanaa dhaaba Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa kan turan Obbo Taayyee danda'aa, tibba kana miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti hooggansa naannoo Oromiyaa keessa caasaan dantaa uummataa faallaa adeemuufi malaammaltummaa dabalatee yakkoota adda addaa hojjetu jiraachuu irra deddeebiin himaa jiru.

Gama kaaniin hooggansi naannichaa biroon adeemsaa fi qeeqa Obbo Taayyeen dhiyeessan kana busheessa. Haalli kun hooggansa dhaaba Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa keessa gareen ijaaramee walqoodinsi uumameera yaada jedhu kaaseera.

Obbo Taayyeen maxxansaalee isaanii keessatti garee qeeqa jajjabaa irratti dhiyeessan kana maqaa hin dhoofne.

BBC'n dhibdee hooggantoota naannichaa gidduu adeemaa jiraachuu fakkaatu kana irratti Obbo Taayyee, Pireezidantii naannicha Obbo Shimallis Abdiisaa, Itti aanaa pireezidantii kan ta'an Obbo Awwaluu Abdii fi Dubbii Himaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Gizaachoo Gabbisaa bilbilaan dubbisuuf yaalee argachuu hin dandeenye.

Waayee ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu

Obbo Taayyee Danda'aa maxxansaalee isaanii garee hooggansa naannoo Oromiyaa qeequu fi himatu keessaa kan guyyaa Mudde 26/2021 maxxansan keessatti '' yakka jaraarraa xinnoo himnaan waatu duuba jira'' jedhamuu himan.

''...kan isin shiftaa itti ergitanii ficcisiiftan, kan abbootii Gadaa irraa ajjeeftaniifi kan isin bittaa qawweef jecha qarshii 600,000,000 irraa guurtanii dhowwattan martuu nu duuba jiraa'' jechuun ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuu duuba hooggansi mootummaa jiraachuu akeekaniiru.

Miseensi Paarlamaa Itoophiyaa kan Hangaasaa Ibraahiim yaadota Obbo Taayyee deeggaran kaasuun, odeeffannoo bal'aa rakkoo hooggansa sadarkaa naannootti jiru miidiyaa hawaasaa gubbaatti yoo himan akkaataa Abbootiin Gadaa Karrayyuu itti ajjeefamanis ibsaniiru.

''Sadaasa 22 ganama Poolisiin dhaqee isaan marsee nama 39 qabe. Nama 16 bosona basaqqee jedhamu geessanii jilbeeffachiisanii naasuu malee ajjeesanii'' jedhan Dr Hangaasaan.

Odeeffannoo kana kan argatan namoota lama ajjeechaa kana jalaa lubbuun oolan irraa ta'uufi nageenya isaaniif jecha eenyumma isaanii akka hin ibsine dubbatan.

Itti dabalaniis ''Abbaan wan kana gaggeesse namoota qabdanii turtan 39 bakka tokkotti fixxanii jiraattanii oduun mootummaatu abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeese jettu nutti hin kaatu turte, hambisuu keessanitu sirrii mitii jechuun ijoollee poolisaa komatan,'' jedhu.

Qaama ajjeechaa kana ajajaniiru jedhanis maqaa dhahanii himaniiru.

Odeeffannoon namoota lamaan kanaan ifa godhame jedhan kunis odeeffannoo BBC'n amma dura yeroo ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuurratti gabaasa hojjetu argateen wal-sima.

Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosati fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamu qubatanii kan turan Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee, namoonni 14 humnoota mootummaa Oromiyaatiin ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himanii ture.

''Gochichi kan raawwatan poolisii humna addaa naannoo Oromiyaati. Wayita gochicha raawwatanittis uffannaa dambii humna addaa Oromiyaa uffatanii akka turan odeeffanneera'' jechuun jiraattonni BBC'tti himanii turan.

Haata'u malee mootummaan ajjeechaa kana kan raawwate garee ''ABO Shanee'' ittiin jedhu ta'uu beeksisuunsaa ni yaadatama.

Odeeffannoon qaama mootummaa keessaa waayee ajjeechaa abbootii Gadaa kanaa haaraan bahuu hordofees BBC'n irra deebiin hogganaa Biroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Obboo Shaafii Huseen gaafatee ajjeechaan sun qaamolee shorkeessoo ABO-Shaneen raawwatamuu dubbatan.

Gama biraatiin ammoo ''Ajjeechaan kun ta'e jedhamee itti qophaa'amee humnootii nageenyaafi hidhattoota motummaa Paartii Badhaadhiinaatiin namoota nagaa callisiisuuf gara jabinaan kan raawwatamedha,'' jechuun ture ABO ibsa wayita sanitti baasee tureen gochicha kan balaaleffate.

Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu ALI Sadaasa 22 kan raawwate naannoo uummanni Karrayyuu sirna Gadaa itti gaggeeffatu bakka warri aangoo Gadaa harkaa qabu qubatanii jiranitti ta'uu jiraataan Aanaa Fantaallee obboleessi isaa namoota ajjeefaman keessaa tokko ta'u dubbate BBC'tti himeera.

Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee tuutni abbootii Gadaa ajjeefaman miseensota Gadaa Michillee, kan Dullachaa yoo ta'an, waggaa afur dura Gadaaf godaananii bakka Kaarra jedhamu qubatanii turan.