Waraana Kaaba Itoophiyaa: Baqattoonni Eertiraa Tigraay keessatti haleellaa qilleensaan ajjeefaman - UN

Madda suuraa, Getty Images
Baqattoonni Eertiraa sadii kaampii baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiru keessa jiraatan haleellaa qilleensaan ajjeefamuu UN hime.
Haleellaa qilleensaa kaampii baqattootaa Maay Ayinii jedhamurratti raawwateen kanneen du'an keessa lama ijoolleedha.
Namoonni biroo hedduun ammoo madaa'aniiru.
Komiishinarri baqattootaa UN Filiippoo Giraandee baqattootni haleelamuu akka hin qabne himuun, mootummaan Itoophiyaa fi humnooti TPLF mirgoota namoota nagaa akka kabajan gaafataniiru.
Waa'ee haleellaa kanaa gama mootummaa Itoophiyaatiin amma dura wanti jedhame hin jiru.
Haleellaa qilleensaa humnooti mootummaa raawwataniin Tigraay iddoowwan gara garaatti lammileen nagaa hedduu ajjeefamu aanga'oonni TPLF ni komatu.
Roobii darbe haleellaa Aksuum, Shiree fi iddoowwan kaanitti raawwatameen namoonni hedduun ajjeefamu Obbo Geetaachoo Raddaa tiwiitarii irratti himee ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ji'a darbe keessa haleellaa diroonii fi xiyyaara waraanaan magaalaa Kibba Tigraay Allaamaaxaa keessatti mootummaan raawwateen namoonni 28 yoo ajjeefaman, hedduun madaa'uu finciltoonni Tigiray himanii turan.
Suuraalee namoota haleellaa kanaan ajjeefamaniiti jechuun reeffa namoota daandiirratti kukkufee mul'atu hedduus TVn naannichaa agarsiiseera.
Mootummaan Itoophiyaa haleellaan qilleensarraa raawwatu lammilee nagaa irratti kan qiyyaafate osoo hin taane, hidhattootaa fi buufata leenjii fi loojistikii isaaniirratti ta'uu hima.
Finciltoonni Tigraay naannolee Amaaraa fi Affaar qabatanii turan gadi dhiisuun gara daangaa Tigraayitti deebi'uu yoo himan, mootummaan garuu injifannoo waraanaa argateen naannolee kanneen gadi dhiisisuu hima.
Mootummaan Itoophiyaa loltoonni isaa, finciltoota duuka bu'uun daangaa naannoo Tigraay seenanii akka hin lolle beeksiseera.
Kana hordofee lolli waan qabbanaa'e fakkaatus, darbee darbee wal waraansi akka jiru gabaasaaleen ni mul'isu.
Waraana baatilee 14 lakkoofsise kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee irraa buqqa'aniiru.
Namootni miliyoona 9.4 ta'an ammoo sababa waraana kanaatiin gargaarsa eeggachuuf dirqamuu UN beeksisee ture.













