Baqattootni Eertiraa 'hidhattoota TPLF fi humnoota mootummaan' miidhamaa jiru

Baqattoota Eertiraa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoota Eertiraa

Baqattootni Eertiraa 'hidhattoota TPLF fi humnoota mootummaan' miidhamuu ragaa amansiisaan jira jedhan ogeessi Dhaabbata Biyyoota Gamatoomanii.

Waraanni naannoo Tigraay dhalachuu dura Itoophiyaan baqattoota Eertiraa 100,000 ol dahachiiftee kan turte ta'us waraana humnoota mootummaafi hidhattoota TPLF gidduutti dhalateen baqattootni kun danuu miidhamuu gabasameera.

UN'tti qorataan Mirgoota namoomaa Eertiraa Dr. Mohamed Abdelsalam Babiker, baqattootni Eertiraa lola keessatti danqaman qaamolee waraanatti jiran lamaaniin miidhamaniiru jedhan.

Ogeessi kun qaamoleen waraana keessa jiran hunduu baqattootni kun akka hin miidhamne seera mirga namaa fi namoomaa idila addunyaa akka kabajan waamicha godhaniiru.

'' Erga waraanni kun eegalee Baqattoota Eertiraarratti sarbamni mirga namaa fi seera namoomaa jabaan mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi humnoota Eertiraa mootummaan michooman, akkasumas humnoota TPLF'n hidhata qabaniin raawwatamuu himannaa amanamaan nagaa ture'' jedhan ogeessi kun.

Akka ogeessi kun jedhanitti baqattootni Eertiraa kun ''qaamolee lamaaniinu adda baafamanii, irratti xiyyeefatamuun miidhamaa turan.''

Sababni ammoo qaamoleen wal waraanan lamaanuu faallaa koo dhaabattan ilaalcha jedhuun ta'uu dubbatan.

Mootummaan Itoophiyaa torban darbe keessa baqattootni Eertiraa jaha humnoota TPLF'n ajjeefamaniiru jechuun ibsee ture. TPLF himannaan kun dhugaa miti jechuun haaleera.

Baqattootni Eertiraa magaalaa Finfinnee jiraatanis torban darbe keessa baqattoota bakka waraanni keessa jiraniif eegumsi akka godhamu gaafatanii turan.

Dr. Baabikeer haleellaawwan haaloo bahuufi ajjeechaa baqattootarratti raawwatamu kanaan ''akkaan yaaddahuu'' isaanii ibsa waajirri komishinii Olaanaa Mirgoota Namoomaa UN baase keessatti himaniiru.

''Haleellaan Baqattootarratti qiyyaafate dhaabachuutu irra jira'' jedhaniiru.

Seerri fi waliigalteewwan idila addunyaa baqattoota waraana keessatti danqamaniif eegumsi akka godhamu keessumaa '1951 Refugee Convention' akka kabajamu gaafataniiru.

Hireen baqattoota Eertiraa kaampiiwwan Maayi Aatiniifi Addi Haruush keessa turan 24,000 ta'an kan ammaan tana deeggarsa namoomaarra adda citaniiru ittiin jedhe akka isa yaaddessu Komishiniin baqattootaa kun ibseera.

Ji'oota dura kaampiiwwan biroon lama Hitseetsiifi Shimeelbaa jedhaman haleelamanii baqattootni 20,000 ta'an buqqa'anii dhibbaan kan lakkaawaman achi buuteen dhibuu dhaabbatichi yaadachiiseera.

Amma baqattootni bakka waraanni jirutti danqaman ''lafa nagaa qabu akka geeffaman namoota nagaa dabalatee baqattootni xiyyeeffannoo haleellaa akka hin godhamneefi hammeenyi kun atattamaan akka dhaabatus'' gaafateera.

Baqattoota Eertiraa dabalatee naannoo Tigraayiifi erga torbanoota muraasaa asa ammoo naannoolee Amaaraafi Affaar keessattis sababa waraanaan lakkoofsi namoota deeggarsa namoomaa fedhanii dabaleera.

Guyyoota jahaaf Itoophiyaa daawwatanii kan deebi'an dhiyeessa deeggarsa namoomaa UN kan qindeessan Maartiin Giriifits Naannoo Tigraay keessatti namoota beelarraa baraaruuf deeggarsi namoomaa guyyaa guyyaan konkolaatan 100 naannicha galuu qaba jedhan.

Naannoolee waraanaan miidhamanitti deeggarsa dhiyeessuuf waraana dhaabuun akkaan barbaachisaadha jedhan.