Waraana Tigraay: Haleellaa qilleensaan namoonni 56 ajjeefamuu hojjattoonni gargaarsaa himan

Daa'ima haleellaa qilleensaan miidhamte Tigraay hospitaala Daddabiitiitti wallaansa argataa jirtu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'ima haleellaa qilleensaan miidhamte Tigraay hospitaala Daddabiitiitti wallaansa argataa jirtu

Haleellaan qilleensaa Tigraayitti itti fufee namoota nagaa miidhaa jiraachuun isaa fudhatama hin qabuu jette Ameerikaan.

Haleellaa qilleensaa naannoo Tigraay keessatti buufata baqattootaa irratti raawwatameen namoonni 56 ajjeefamuufi 30 kan ta'an madaahuu hojjattoonni gargaarsaa himaniiru.

Waajirri dhimmoota Afrikaa waajira Haajaa Alaa US yaada twiitara gubbaatti maxxanseen haleellaawwan qilleensaa Tigraayitti itti fufaniin namootani nagaa miidhamuu fudhatama kan hin qabne jechuun waliigalteen dhukaasni akka dhaabatu irra deebiin waamicha godheera.

''Dhukaasni akka atattamaan dhaabatu, mariin biyyaalessaa hunda hammatu atattamaan akka eegaluufi deeggarsi namoomaa lammiilee isaan barbaachisu hunda akka qaqqabu waamicha goonu ni cimsina'' jedheera.

Haleellaa kana ilaalchisee odeeffannoo hojjattoota gargaarsaatiin alatti BBCn madda walabaa irra hin mirkanneeffanne. Gama mootumamatiin haleellaa kana ilaalchisee hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

Suraaleen miidiyaalee hawaasummaa irratti mul'atanis erga haleellaan jedhame kun mana barnootaa magaalaa Daddabiit kan naannoo Tigraay irratti raawwatameen booda namoonni yoo wallaansa argatan agarsiisa.

Humnootiin motummaa waggaa tokkoof oliif filciltoota Tigraay keessaa waliin kan wal waraanaa turan yoo ta'u, kanaanis kumaatamni lubbusaanii dhabaniiru.

Waraanni humnoota lafoo Itoophiyaafi finciltoota Tigraay jidduutti gaggeeffamaa ture yeroof kan dhaabbate fakkaatulleen, haleellaan qilleensaa eddoowwan humnootii Tigraayiin qabaman irratti gaggeeffamu itti fufeera.

Hojjattoonni gargaarsaa madda oduu Rooyitarsiitti akka himaniitti, haleellaa Sambata kaleessaa Amajjii 8, 2022 raawwatameen namooni hedduun ajjeeffamusaanii aanga'oonni naannichaa mirkaneessaniiru.

Hojjattoonni gargaarsaa maqaansaanii hin eergamne daa'imman baayyee dabalate, suuraawwan namoota haleellaa kanaan miidhamuun hospitaala keessatti argaman kennaniiru.

Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa gamasaatiin haleellaa guyyaa Sambataa kaampii baqattootaa irratti raawwatamee kanaan lubbuun namoota 56 darbuu toora tiwiitara isaa irratti himeera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Haleellaan kun maaliif mana barnootaa irratti akka raawwata ilaalchise wanti ifa ta'e hin jiru. Mootummaan Itoophiyaa kanaan dura namoota nagaa irratti xiyyeeffachu haalee ture.

Guyyaa Jimaataa ammoo, mootummaan qondaaltoota Adda Waraana Bilisa Baasaa Tigraay duraaniifi Obbo Jawaara Mohaammad fa'i dabalatee, qondaaltoota siyaasaa ijjoo hedduu hidhaarraa hiikuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad gama isaanitiin tarkaanfiin kunis araaraa biyyaaleessaa gaggeessuufi ''tokkummaa'' jajjabeessuuf jedhanii ture.

Waraanni naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 kan eegalame erga MM Abiy raayyaan ittisa biyyaa humnooti Tigraay irratti tarkaanfii akka fudhataniif ajajaniin booda ture.

Innis deebii tarkaanfii hunmootii finciltootaatiin raayyaa biyyaa kaaba biyyatiitti buufate ture irratti raawwatameeti jedhanii ture.

Muddamni kunis erga wal dhabdee mootummaa MM Abiyiifi aanga'oota TPLF jidduuttii baatiiwwaniif gaggeeffamaa tureen booda gara waraanaa guutuutti ce'e.

Sababii waranaa kanaatinis namoonni miliyoonotaan lakkaa'aman kan bakka jireenyaa isaaniirra buqqa'an yoo ta'u, naannichatti dhiyeessitii wallaansaa dabalatee deeggarsi namoommaa hatatamaa kan barbachisu ta'u dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii (UN) akeekkachiiseere.