Mootummaan Itoophiyaa Dr. Tediroos Adihaanoom naamuusa cabsuutiin akka gaafatamuuf iyyata galfate

Daarektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Dr. Tediroos Adihaanom

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan Itoophiyaa Daarektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) kan ta'an Dr. Tediroos Adihaanoom safuu, seeraafi naamusa ogummaa cabsaniiru jechuun akka gaafatamaniif iyyata galfate.

Xalayaa Boordii Hojii Raawwachiiftuu WHO'f ergeera jedheen, Ministirri Hajaa Alaa Itoophiyaa hogganaa olaanaa dhaabbatichaa Dr Tedroos irratti komii qabu dhageessiseera.

Boordichis hogganaa olaanoo dhaabbata kanaarratti qorannoo taasisuun gochaa isaanii sirrii hin taaneefi itti gaafatamummaa ogummaafi seeraa cabsu akka adda baasu gaafateera.

"Ejjennoon naamusaa, seeraa fi ogummaa hogganichaa amanamummaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa rakkoo keessa galchaa jira," jedhe ibsi kun.

Ministeerri Haajaa Alaa ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, Itoophiyaan Dr Teedroosiin qaama fayyaa addunyaa isa olaanaaf kaadhimamaa taasiftus, ‘’isaan garuu amanamummaa akkasumas waan ogummmaan isaanirraa eegu hin raawwanne,’’ jedhe.

Ministira Fayyaa fi boodarras Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa kan turan Dr Teedroos Adhaanoom, miseensa koree hoji raawwachiiftuu TPLF turan.

Waraana Itoophiyaa waggaa tokkoo ol lakkoofsise keessatti finciltoota Tigraay deeggaraa jira jedhamuun irra deddeebiin aanga'oota Itoophiyaatiin komatamaas tureera.

Dr Teedros gama isaaniin dhaabbanni isaanii WHOn meeshaalee wal'aansa fayyaa naannoo Tigraay akkaan waraanaan miidhame biraan ga'uuf hayyama akka dhowwatame himanii turan.

Rakkoo Tigraay keessa jiru yoo ibsanis "akka Jaannama Tigraay keessa jiruu, addunyaarra eessattuu hin agarre, rakkoon achi jiru hammaataadha" jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Itti dabaluunis "mootummaan waggaa tokkoo oliif uummata isaa nyaataa fi qoricha dhorke ... kun dhaabbachuu qaba" jedhan.

Xalayaan Itoophiyaa maal jedha?

Xalayaa ergame jedhamerratti Dr Teedroos dhimma keessoo Itoophiyaa keessa akka seenan, kunis hariiroo Itoophiyaan Eeritiraa waliin qabdu fa’i akka dabalatu hima.

Kana malees, ‘’ammallee [Dr Teedroos] miseensaa fi deeggaraa garee TPLF, mootummaan Itoophiyaa shororkeessaa jechuun labseeti,’’ jedha.

Dr Teedroos, "aangoo isaanii fedhii siyaasaa isaaniif fayyadamu. Kunis immoo haala Itoophiyaa gatii kaffalchiisuun tahus, dhumarratti gochaa sirrii hin taane kana ni dhaabu" abdii jedhu akka qabus xalayaa erge irratti ministeerichi ibseera.

Torbee kana keessa Dr Teedroos dhaabbanni gargaarsa namoomaa Naannoo Tigraay gahuuf eeyyama akka argataa hin jirre himanii turan.

Biyyoota waraana waliiniitti jiran akkasumas kanneen walitti bu'iinsa hamaatti jiran kanneen akka Siiriyaa Sudaan Kibbaa fi Yaman keessattillee dhaabbati fayyaa addunyaa fi waahillan isaa gargaarsa fayyaa gochuuf hayyama dhabee hin beeku, jedhaniiru.

"Garuu uggurri gargaarsa namoomaa Tigraay irra kaa'ame lubbuu lammiilee gaaga'aa jira,'' jechuun haala kanatti akka gaddan ibsaniiru.

Ibsi Ministeerri Hajaa Alaa baase, Dr Teedroos miidiyaa irratti yeroo bahan, ‘’gareen TPLF waraanatti akka milkaa’etti leellisaniiru,’’ jedha. Kan qofa osoo hin taane, ‘’rakkoolee namoomaa Itoophiyaa keessa jiraniif addatti qooduun xiyyeefannoo kennu’’ jedha.

Mootummaan Itoophiyaa, hogganaan kuni, "odeeffannoo sirrii hin taanee fi balaa qabu kan maqaa, walabummaa fi amanamummaa Dhaabata Fayyaa Addunyaa rakkoorra buusuu malu tamsaasu,’’ jedha.

Kanas waan miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin, "garee shororkeessaa TPLF ifatti deeggaraniiru,’’ jedha xalayichi.

Dr Teedroosis ta'an dhaabbanni isaanii WHOn amma dura himannaa mootummaa Itoophiyaa kanarratti deebii hin kennine.

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota deeggarsa hatattamaa barbaadanii miiliyoona 1.8 tahee osoo jiru, waajjira WHO Itoophiyaa jirutti, hojjetaa ramaduun lakkoofsi kun miliyoona 3.8 jedhamee akka gabaafamu aangoo isaanii akka malee fayyadamaniiru jedha ibsichi.

Dhugaa jiru jallisuun kunis, ‘’Mana Maree Nageenyaa UN dogoggorsuufi’’ jedha.

"Garee TPLF gama qarshii fi teeknikaan deeggaruun dabalata, haala amanamummaa UN gad-buusuun Dr Teedroos iddoo qabatanii jiran fayyadamuun hawaasa UN Itoophiyaa irratti kaasaa jiru,’’ jedha xalayaan ergame.