Tediroos Adihaanoom biyyoota 28'n kaadhimamuun marroo lammataaf WHO hoogganuuf

Dr Teedroos

Madda suuraa, Reuters

Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adihaanoom marroo lammataaf dhaabbaticha akka hoogganaan filatamuuf fiixeerra gahaniiru.

Biyyi isaanii Itoophiyaan waraana Tigraayiin walqabatee humnoota TPLF'f deeggarsa godhu jechuun himattee kaadhimaa gootee dhiyeessuu baattus, biyyootni alaa biroon 28 kaadhimaa gochuun dhiyeessaniiru.

Yeroon kaadhimamaa dhiyeessuu kan xumurame yeroo ta'u, Dr. Teediroos malee namni hooggansa kanaaf dhiyaate akka hin jirre dhaabbatichi beeksiseera.

Dr. Teediroos Firaansiifi Jarman dabalatee biyyoota Gamtaa Awurooppaa irraa deeggarsa kan argatan yoo ta'u Afrikaa keessaa ammoo Bootsiwaanaa, Keeniyaa fi Ruwaandaan kaadhimamuu isaanii deeggaraniiru.

Bara 2017 nama jalqabaa Afrikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hoogganan ta'uuf hiree kan argatan Dr. Teediroos, torbanoota keessatti filatamuun isaanii erga ifa godhamee bood waggoota shanan dhufaniif dhaabbata fayyaa addunyaa to'atu hoogganuu itti fufu.

Waggootni shanan darban WHO'f yeroo qormaataa jabaa akka ta'e himama. Keessumaa weerarri Koronaavaayiras lubbuu namoota miiliyoonan lakkaawwamu darbuun qormaata itti ta'eera.

Dhunfaan ammoo waraanni naannoo Tigraay keessatti eegale qoramaata dabalataa itti ta'uu maxxansaalee tiwiitaraa isaanii keessatti Dr. Teediroos ibsaa turan.

Hoogganaan waraana Itoophiyaa Janaraal Birhaanuu Juulaa Dr. Teediroos warra TPLF'f deeggarsa biyya alaa sassaabuuf dhagaan hin garagalchine hin jiru jechuun himatanii turan.

''WHO kaadhimamaan tokko qofti biyyoota miseensa ta'an 28'n guyyaa isa dhumaa jechuunis Fulbaana 23 bara 2021 dhiyaataniiru. Dr. Teediroos Adihaanoom Gabrayyasuus, kan hoogganaa olaanaaamma hojiirra jiranii ta'aniidha'' jedhe dhaabbatichi ibsa baaseen.

Hanga ammaatti kaadhimamtootni icciitiin qabamanii turan.

Duula weerara Koronaa kan dursan Dr. Teediroos ka'uumsa weerarichaan walqabatee pireezidantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin rakkoo keessa galanii US deeggarsa dhaabbatichaa gootu akka adda kuttu sababa ta'ee ture.

Dr. Teediroos Chaayinaaf looguun weerara kana hammeessaniiru jedhamuun Tiraampiin qeeqaamaa turan.

Joo Baayidan pireezidantii haarawa ta'uu isaanii hordofee haalli gara duraatti jijjiirameera.