Biyyoonni sooreyyiin Ijoollee talaaluu tursanii biyyoota hiyyeeyyiif akka qoodan gaafataman

Hoogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dr. Teediroos waggaan lammaaffaa weerara Koronaa bara isa jalqabaarra kan nama fixu ta'uu akka danda'u akeekkachiisan

Biyyoonni dureeyyiin talaallii Koroonaavaayiras da'immaaniifi ijoolleef kennuuf karoora qabatan jijjiiranii bakka isaa biyyoota galii xiqqaa qabaniif akka gumaachaan hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa gaafatan.

Dr. Teediroos Adihaanoom ibsa Jimaata kennaniin biyyoonni sooreyyiin sagantaa raabsa talaallii haqa Covax jedhamuuf akka gumaachan gaafatan.

Raabsi talaallii koronaa hanga ammaatti bifa walfakkaataa qabatee hin jiru.

Ji'a Muddee darbe talaaliin jalqabaa ifa erga godhamee ka'ee hanga ammaatti biyyootni sooreyyiin dhiyeessa talaallichaa harka hedduu fudhataniiru.

Hedduun isaanii ammallee lammiilee isaanii hamma danda'an mara talaaluuf dorgomaa jiru.

Dr. Teediroos Jeneevaarraa ibsa kennan kanaan biyyoonni gariin maaliif daa'immaniifi ijoollee gaheeyyii talaaluu akka barbaadan nan hubadha ''amma garuu osoo yaada isaanii kana keessa deebi'anii ilaalaniin gorsa'' jedhan.

''Biyyoota galii xiqqaafi gidduugaleessaa qaban keessatti talaalliin dhiyaate hojjetoota fayyaafillee hin geenye, hospitaalonni namoota yaala lubbuu bararuun sardamaa jiru'' jedhan.

Torbee darbe pireezidantiin US Joo Baayidan ijoollee umrii 12-15 gidduu jiran atattamaan talaaluuf karoorfamuu ibsaniiru. Ji'a tokkoo booda lammiileen US 70% ta'an talaallicha marsaa jalqabaa kan fudhatan akka ta'aniis abdii qaban himaniiru.

Kaanaadaaniis akkasuma ijoollee umrii 12-15 gidduu jiraniif akka kennamu jechaa jirti.

Waggaan lammaaffaa weerara dhibee Koronaa hamaa akka ta'u haala akkaan yaadessaa Indiyaan keessa jirtu akka fakkeenyaatti kaasuun hubachiisaniiru Dr. Teediroos.

Indiyaatti ogeeyyiin fayyaa dhibee kana yaaluutti jiranillee talaallii kana hin fudhanne. Sababa kanaattis du'aa jiru.