Dubartoonni ulfaa talaallii Covid-19 fudhachuu danda'uu?

Dubartii ulfaa bakka hojii jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Talaalliin koronaavaayirasii yeroo dheeraaf eegamaa ture amma eegalamus, garuu namni hundi akka hin arganne ammumaan waan beekameedha.

Dubartoonni ulfii fi haadholiin daa’imman hoosisan argachuun isaanii iddoo isaan jiraatanirratti hundaa’a.

Yaaliin kilinikaa Pfizer-BioNTech gaggeese garuu dubartoota ulfa ykn haadholii daa’immaan hoosisan hin hirmaachisne,.

Kaampaniin talaallicha dhiyeesse akka ibsetti, miidhaaf akka saaaxiluu danda’u adda baasuuf ragaan ammatti jiru‘quubsaa miti’.

UK keessatti ragaan quubsaa dhabamuusaatiin, qaamni dhimma qorichaa to’atu sagantaa talaalli keessatti dubartoota ulfaa fi haadholii daa’imman hoosisan hin hammachiisne.

Dhimma talaallii dubartoota ulfaa fi daa’imman hoosisaniirratti Ameerikaa fi UK gidduutti gargaarte muraasni umameera.

Ragaaleen maal argasiisu?

Ragaaleen amma yoonaatti jiran quubsaa miti.

Ispeeshalistiin fayyaa dubartoota ulfaa yunvarsiitii Joon Hoopkiins Dr Ruut Fediin,talaallichi dubartoota ulfaa miidhaaf saaxilu akka danda’u ragaan agarsiisu hin jiru, odeeffannoon quubsaanis hin argamne jedhan.

Kaampaaniin talaalli qopheesse Pfizer, qajeelfama Bulchiinsa Dawaa fi Soorataa Ameerikaa hordofuun wayita yaalii kilinikaa gaggeessaa turetti dubartoota ulfaa fi kanneen daa’imman hoosisan keessatti hin hirmaachisiin hafuu ibseera.

Hakiimni Dr Fediin, yaaliin kilinikaa jalqabarra eegalee wayita gaggeeffamutti dubartoota ulfaa fi daa’imman hoosisan hirmaachisuun hirmaachisuun ‘sirrii miti’ jedhan.

Itti dabaluun, waa’ee fayyummaa daa’ima isheetiif haadha caala kan dhimmamullee hin jiru jedhan.

Weerara dhibee gidduutti dubartii ulfa yaalii talaallitti hirmaachisuun murtoo walxaxaa ta’e akka gaafatu himan.

Hakiimni yunvarsiitii Noorz western Dr Imiliyi Istiniit Miilar, murtoo akkasii dabarsuuf ‘’odeeffannoo quubsaa ta’e nu barbaachisaa’’ jedhan.

Ameerikaa fi UK tti maaliif gargaarummaan umame?

Yeroo ragaa quubsaan hin argamnetti ,deebii imammata biyyoonni lamaan kennan irratti garaaagarteen uumame ni jira.

Dr Fediin akka himanitti ,UK’n karaa ofeeggannoo cimaa barbaachisu hordofaa jirti.

Yaalii kilinikaa talaalli Covid-19 keessatti dubartii ulfaa hin hirmaanne ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yaalii kilinikaa talaalli Covid-19 keessatti dubartii ulfaa hin hirmaanne ture

Biiroon dhimma fayyaa hawaasaa Inglaand talaallichi dubartoota miidhu danda’uusaan yaaddoon uume hin jiru, gorsaa dubartoota ulfaaf kennuun dura garuu, ragaalee ilaaluun barbaachisaadha jedhe.

Pirezedantiin kolleejjii Royaal fi ispeeshalistiin hordofii ulfaa Dr Eduwaard Mooris,

Raga yaalii quubsaan talaalliin Covid-19 dubartoota ulfaa fi daa’immaan hoosisaniif akka kennamu eeyyamu hin jiru jedhaniiru.

Ogeeyyiin Ameerikaa immoo murtoo talaallicha dubartoota ulfaa fi daa’imman kennuurratti yaada dhiyeessan qabu.

Dr Fedin akkas jedhus ‘’ogeeyyiin waanti irratti waliif miidhaa qaqqabsiise hin qabu,garuu miidhaa homaatu guutummaatti hinqabuu’’ jechuun hin danda’amu jechuun ofeggannoon haasa’an.

Talaallin koronaavaayirasii saffisaan kan yaalamaa ture ta’us, sadarkaa keessa darbu qabu garuu irra hin utaalle, jedhan to’attoonni dawaa Ameerikaa fi UK.

Talaallichis dubartoota ulfaa fi daa’imman hoosisaniif kan kennamu yoo miidhaa akka hin geessifne fi bu’a qabeessummaan isaa mirkanaa’uun eeyyamame qofa ta’uun ibsameera.