Talaallii Covid-19: Maanguddoon talaallii Pfizer Covid-19 fudhachuun addunyaarraa nama jalqabaa ta'an

Maargaaret yeroo talaallii fudhatan

Madda suuraa, PA Media

Maanguddoon ganna 90 Ayarilaand Kaabaarraa tahan talaallii Covid kan Pfizer/BioNTech'n qophaa'e fudhachuun, addunyaarraa nama jalqabaa talaallicha argatan tahaniiru.

Kanaan dura namoonni garagaraa talaallichi sadarkaa yaalii keessa wayita jirutti kan fudhatan tahus, dubartiin kun garuu nama jalqabaa yaaliin alatti fudhatanidha.

Talaalliin isaanii kunis sagantaa talaallii UK hawaasaaf yoo oolu kan jalqabaati.

Margaret Keenan, torban dhufu umurii 91 kan guutan yogguu tahu, ''kennaa guyyaa dhalootaakoo dursee dhufe dassaadha'' jedhaniiru.

UKtti wiirtuuleen kanaaf qophaa'an, kanneen umuriin isaanii 80 ol taheefi ogeeyyii fayyaafi kunuunsaaf talaallicha kennu.

Sagantaan talaallii hawaasaa kun kanneen daran saaxilamoodha jedhamaniif eegumsa gochuufi gara jireenya idileetti deebi'uuf kan kaayyeeffatedha.

Ogeettiin fayyaa May Parsons jedhaman, talaallicha maanguddoo kanaaf Hospitaala Koventiritti argamutti ganama Kibxataa 12:30tti kennan.

Aadde Keenan waan jedhan: ''Nama jalqabaa talaallii Covid-19 fudhate tahuu kootti carra-qabeessummaan natti dhagahama. Kennaa guyyaa dhalootaa dure isa dansaati.

Kana jechuunis amma maatiifi hiriyootakoo wajjin walitti makamuuf abdii naa ta'a jechuudha. Bara kana gara caalu kophaa koon dabarse.''

''May fi hojjettoota NHS kaan kan kunuunsa na barbaachisu naaf godhan hundaaf galata dhiyeessuun barbaada.

Gorsi ani namoota biroof qabu - yoo carraa talaallicha fudhachuu argattan fudhadhaa, yoon ani umurii 90tti fudhadhe, isinis fudhachuu dandeessu.''

UKn addunyaarra biyya jalqabaa talaallii Pfizer hojiirra oolchite taatee jirti. Torban dabre keessa ture kan to'attoonni fayyadama talaallichaa kan raggaasisan.

Talaalliin dirqama miti.

Mootummaan UK doozii talaallii Pfizer/BioNTech 800,000 tahu harkatti kan galfate oggaa tahu, torbanoota dhufan keessatti faayidaarra oola jedhameera.

Kana malees mootummaan qaruuraa miiliyoona 40 ajajeera - kunis namoota miiliyoona 20 talaaluuf oola. Nama tokkoof doozii lamatu barbaachisa.

Tahus garuu, kanneen keessaa hedduun isaa hanga bara faranjootaa dhufutti qophii hin tahu.

Maddeen mootummaa garuu dooziiwwan miiliyoona afur tahan, dhuma bara kanaatti biyyattii galu jechuun himu.