Covid-19: UK'n talaallii Covid-19 raggaasiste torban dhufu kennuu eegaluuf

Nama wal'aansa fudhataa jiru

Madda suuraa, PA Media

UK'n biyya addunyaa jalqabaan talaallii koroonaavaayirasii 'Pfizer/BioNTech' jedhamu namoonni hunduu akka itti fayyadaman eeyyamte taate.

Dhaabbanni to'annoo qorichaa UK MHRA akka jedhetti, qorichichi vaayirasicha %95n namarraa ittisa. Torban dhufu eegalees ni gurgurama jedhameera.

Talaallii kana argannaanis keessumaa maanguddoofi kaan haalaan dafee qaama isaaniirraa ittisa jedhame.

UK'n qorichicha doozii miiliyoona 40 kan ajajje yoo ta'u, kunis ummata miiliyoona 20 wal'aanuu dandeessisa.

Kanneen ajajaman keessaa miiliyoonni 10 dhihootti kan biyyattiif kennamu yoo ta'u, kanuma keessaa ammoo 800,000 torban dhufu UK gaha jedhameera.

Talaallii kun talaallii jalqabaa dafee ummataaf dhihaatedha. Yeroo ji'a 10 qofa kan fudhate yoo ta'u silaa adeemsi akkanaa hanga waggaa 10 fudhachuu mala.

Ministirri Fayyaa UK Maat Haankok yeroo dabareen isaanii gahu lammiileen biyyattii waamamanii dhaabbata fayyaa biyyattii NHS'dhaan talaalliin kennamaaf jedhan.

Hogganaan NHS Sar Saayiman Siteevans, damee fayyaa ''duula talaallii seenaa biyya keenyaatti bal'aa ta'e'' jechuun eegaluuf qophaa'aa jiraachuu himan.

Yeroo ammaa hospitaalonni 50 qophaa'oodha. Buufataaleen talaalli fakkeenyaaf galmawwan walgahiitti qophaa'aa jiru.

Talaalliin reefu eegaluuf ta'us namoonni ofirraa fagaachuufi dirqamawwan biroo dhukkubicha ofirraa ittisuuf dandeessisu akka hordofan ekispartoonni dhaamaniru.

Talaalliiwwan koroonaavaayirasii biroo abdatamaniifi dhhootti raggaasifamu jedhamanii eegaman jiru.

Eenyuf kennama?

Kanneen dursi kennamuuf kanneen dhukkubichaaf caalaatti saaxilaman ta'u ekispartoonni himaniiru.

Kunis, namoota manneen kunuunsi taasifamu keessa jiraataniifi kan isaan kunuunsan, namoota umriin isaanii 80 ol ta'e, hojjettoota fayyaafi kaan ta'u ibsan.

Bara 2021 keessa akkuma talaalliin hedduu argameen namoonni umriin isaanii 50 ol ta'e akkasumas dargaggoonni dhukkuba fayyaa biroo qaban akka talaalaman ta'a.

Talaalliin kuni garaagartee guyyaa 21 gidduutti si'a lama kennama.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa