Covid-19: Talaalliin Chaayinaa 'yaaliirra jiru milkaa'ina gaarii agarsiise'

A Covid-19 vaccine

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaatti talaalliin koronaavaayirasii yaaliirra jiru otoo yaaliin isaa hin goolabamiin bu’a qabeessaa jedhame.

Talaalliin milkaa’aadha jedhame kun sadarkaa yaalii isaa xumuraa irra otoo hin qaqqabin, sadarkaa giddugaleessaarra kan argamudha.

Addunyaarratti qorannoowwan hedduun gaggeeffamaa kan jiran wayita ta’u, talaalliiwwan muraasa qofaatu sadarkaa yaalii xumuraarra qaqqabe.

Qorattoonni muraasni akka mirkaneessanitti, talaalliin Sinovaak Baayooteeknolojiin oomishame, namoota 700 irratti yaalamee, madinummaa qaamaasaanii vaayirasicha qolatu saffisaan dammaqsuu danda’eera.

Oduun kun kan dhaga’ame, Awurooppaa fi Ameerikaatti dhaabbileen talaallii Covid-19 oomishan, kanaan dura haala hin baratamneen talaalliin sadarkaa xumuraa milkaa’aa ta’uun isaanii wayita ibsamettidha.

Talaalliiwwan sadii biyyoota Ameerikaa, Jarmanii fi Raashiyaatti hojjataman, yaaliin isaanii %90 tti dhiyaatu milkaa’aa ta’uusaa namoota kuma kudhanitti lakka’aaman irratti erga yaalanii booda ragaalee barbaachisoo baasaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Talaalliiwwan akkamiin hojjetu

Waa’ee talaallii kanaa maal beekna?

Akkuma biyyoota addunyaa birootti Chaayinaanis talaallii koronaavaayirasii hojjachuuf dorgommiirra jirti.

Kaampanoonni talaallii oomishan talaallicha sadarkaa sadaffaa fi isa xumura irra qaqqabsiisaniiru, kunis kan talaallii Sinovaak Baayoteeknolojiin hojjatu ni dabalata jechuudha.

Haa ta’u malee, akka firiin qorannoo talaalliwwan kanaa barruu dhimma saayinsiirratti maxxanfamu ‘Lancet’ jedhamurratti bahetti, talaalliwwan afur keessaa tokko qofatu firiin yaalii isaanii sadarkaa lammaffaa fi sadaffaan isaanii barame.

Gabaasichi akka eerutti, talaalliin Sinovaak Baayoteeknolojiin oomishu CoronaVac saffisaan humna qaamni dhibee ittiin ofirraa qolatu dammaqsuu danda’eera.

Qorannoon kun garuu ji’oota Eblaa fi Caamsaa bara kana keessa kan gaggeeffame ta’ullee, milka’innisaa hangam akka ta’e hin ibsamne.

Waraqaa qorannoo kana kan ogeeyyii barreessan keessaa ogeessi Zu Fengasayi jedhaman akka jedhanitti, yaali sadarkaa jalqabaarratti namoota 144 hirmaachisuu fi sadarkaa lammaaffaarratti immoo namoota 600 hirmaachisuun talaallichi ''wal’aansa yeroo muddamaaf akka kennuun danda’amu,'' firii talaallichaa ilaalleera jedhan.

Haa ta’u malee ragaan yaalii talaallichaa sadarkaa sadaffaan amma yoonaatti hin maxxanfamne.

Chaayinaatti weerarri vaayirasichaa to’atamuun kan gabaafame yoo ta’u, talaalliiwwan Chaayinaan hojjattu afran isaanii yaaliisaa sadarkaa gara xumuraatti dhiyaatan biyyoota akka Paakistaan, Sa’ud Arabiyaa, Raashiyaa, Biraazil fi Indoonezhiyaa keessatti yaalamaniiru.

Ragaaleen akka agarsiisanitti namoonni 60,000 tti dhiyaatan Sadaasa, bara 2020 irraa qabee talaallicha fudhataniiru.

Yaaliin talaallii Sinoovaak Baayoteeknolojiin biyya Biraazilitti gaggeessaa ture torban darbe keessa yeroo muraasaaf addaan citee garuu deebi’ee eegalameera.

Namni yaalii talaallichaarratti hirmaate tokko du’uun erga gabaafamee booda kan adda cite yoo ta’u, duuti namtichaa talaallicha wajjin hidhata akka hin qabne erga baramee booda eegalame.

Amma yoo xiqqaate talaalliwwan sadii hojjattoota vaayirasichaaf saaxilamuummaa cimaa qabaniif kennamuun eegalameera.

Talaalliwwan kana keessaa tokko ji’a Waxabajjii, bara 2020 keessa miseensota waraana biyyattiif akka kennamu eeyyamameera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa