Covid-19: Gamtaan Awurooppaa talaallii koronaavaayirasii doozii miliyoona 300 bitachuufi

Madda suuraa, Getty Images
Talaalliin koronaavaayirasii yaalame milkaa’uu hordofuun Gamtaan Awuurooppaa kaampanoota BioNTech-Pfizer irraa dawaa hanga doozii miliyoona 300 bitachuuf waliigalan.
Dhiyeessiin talaallii kanaas xumura bara 2020tti akka jalqabamu kaampaanonni kunneen ibsaniiru.
Gamtaan Awurooppaa akkamitti akka dhiyaaturratti ibsa bal’aa kennurraa garuu of qusateera. Dhiyeessuu dura tarkaanfiiwwan dursanii fudhatan jiraachuullee ibseera.
Ragaan talaallichaa jalqaba bahe akka agarsiisutti, talaallichi mallattoon vaayirasiichaa akka namarratti hin mul’anne ittisuurratti %90 milkaa’aadha.
Kaampaanoonni talaallicha hojjattan BioNTech-Pfizer namoota 43,500 irratti yaaluudhaan, miidhaa nama yaaddessu akka hin qaqqabsiifne mirkaneessaniiru.
Talaallichi wal’aansa yeroo muddamaafis akka oolu kampaanoonni kan karoorsan wayita ta’u, namoonni muraasni xumura bara kanaatti talaalamuuf jiru.
Komishinarrii fayyaa Awurooppaa Istilla Kiriyakidis, dhimma talaallirratti waliigalteen ‘’baay’ee barbaachisaadha’’ jedhan.
Itti dabaluun, talaalliin kun kan raabsamu yoo nageenyummaan isaa mirkanaa’e qofa jedhaniiru.
Ms Kiriyakidis yeroo akkamiitti biyyoota miseensota gamtichaaf talaallichi akka dhiyeeffamu ibsuurraa of qusatan.
''Talaalliin kun halkan tokkotti vaayirasicha kan dhabamsiisu miti,'' jedhan.
Hogganaan ejensii fayyaa Gamtaa Awurooppaa, talaalliin jalqabaa bara haaraatti akka kennamuu eegalu himaniiru.
Biyyoonni Awuurooppaa weerara vaayirasichaa marroo lammaffaa mudate to’achuuf qabsoorra kan jiran wayita ta’u, biyyoonni akka Ispeenii fi Xaaliyaan immoo lakkkoofsa namoota torban tokko keessatti du’anii olaanaa galmeessaniru.
Kanaafuu, Ispeenii fi Xaaliyaan biyyoota jalqaba bara haaraa irraa qabee talaallichatti fayyadaman ta’uuf jiru.
BioNTech-Pfizer kaampanoota dawaa oomishan keessaa yaalii sadarkaa sadaffaa qaqqabuu ifoomsuun kaampaanii jalqabaati.
Talaallii saayintistoonni Raashiyaa hojjatan Ispuutinik V jedhamuus %92 milka’aa ta’uusaa ragaaleen jajjabina namatti horan ibsamaniiru.
Haata’u malee, qorattoota walaba ta’aniin hin ilaallamne jedhameera.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














