Talaalliin Covid akkamitti dilalla cimaa keessatti kuufama?

Talaallii Covid-19 argame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Talaallii Covid-19 argame

Talaalliin koronaavaayirasii yeroo jalqabaaf milka’e argamuu namoonni gammachuun simataniiru.

Haa ta’u malee, dhimmoota of eeggannoo barbaadani fi ijoo ta’an dursa furamuu qabata. Akkamittiin talaallin kun geejjibamee nama talaalamu bira qaqqabaatu ijoodha.

Ministirrii fayyaa UK Maat Hankook, talaalli Pfizer/BioNTech iddoo itti oomishamerra amma irree dhukkubsata bira qaqqabutti geeejjibuuf hojii lojistikiirraatti hojjatamuu akka qabu dubbatan.

Sababni isaammoo dawaan kun iddoo qorraa -70C dachaa afur ta’u keessaatti kuufamuu qaba.

Talaalliwwan biroo haala dilaalla akkasii keessatti kufamuun isaan hin barbaachisu. Kanaafuu talaallicha iddoo qorraa akkasitti kuusuuf bu’uuraleen misooma barbaachisoon babal’ifamuu qabu. Ammatti garuu bu’uuraaleen misoomaa kanaaf barbaachisan hin diriirfamne.

Kaampaniin Pfizer gama isaatiin talaallicha iddoo qorraatti kuusuu, rabsuu fi bulchiinsa isaarratti haalonni rakkisoon ta’an jiraachu ibseera.

Akkamitti geejjibama?

Akkaata geejiba isaarraatti Pfizer yeroo gabaaba kessatti karoora ni qabaata.

Talaallicha kaampanichi giddugaleessa isaa biyyoota US, Jarman fi Beeljiyeem keessaa qaburraa rabsamu.

Dawaan kun lafaa fi qilleensaarraan geejjibamuun giddugaleessa raabsaa qaqqabanii, xumura irratti hospitaalota,faarmaasii fi walumaagalatti iddoo talaalliin kun itti bulfamu qaqqabu.

Akka barruun Wool Istiriit joornaal jedhutti, Pfizer sanduuqa ittiin geejjibamu kan adda ta’e amma shaanxaa gahu fi cabbiin gogaan wajjiin saamsamu, akkasuma GPS’n walquunnamu hojjateera.

Saanduqa kana keessa talaalliin doozii 5,000 guyyoota 10f dilaalla cimaa keessa tursiisuuf gargaara. Saanduuqni kun deebi’ee talaalli keennuufillee kan ooludha.

Dhaabbannii Wiltshiir keessa maadheffate Poolar Termaal jedhamu saanduqaa kanaan wal fakkaatufi taalallii biroof oolan kan hojjatu yoo ta’u, Pfizer saanduqa talaalli biroof oolaan tolchaafi ture.

Kanaan dura garuu saaduqaa kana kaayyoo kanaaf hin oolchine.

Sanduuqni kun gatiin isaas rakasa miti. Saanduqni talaallii idilee hojjattamuu fi dawaa talaallii1,200 ittiin geejjibamuu fi dilaalla -8C keessa tursiisuuf gargaaru gatiin isaa amma yuuroo 5,000 akka qaqqabu hogganaan gartuu gabaa dhaabbatichaa Paawol Haarisan dubbataniiru.

Saanduuqni kun garuu si’a kumatama hedduu irra deebiin itti gargaaramuutu danda’ama.

Talaalliin guyyoota 10 booda akkam ta’a?

Talaallichi qorriisiiftuun banamee guyyoota dabalataa shaniif turuu ni danda’a, garuu yeroo sanaa ol turuu hin qabu jedhe kaampaniin Pfizer.

Biiroon fayyaa Inglaand akka ibsetti, akkaata raabsa fi kuufama talaallicharratti biyyattii keessatti qophii taasisa jiraachu eeruurra kan darbe, odeeffannoo bal’aa hin kennine.

Pirfesera Saam Evirgiton ogeessi jedhaman ‘’firijii ykn kottolleesitu dilaalla ammasi qabaachuu danda’u hin qabnu,garuu nu barbaachisu’’jedhanii BBC tti himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, ogeessii Maayoo kilink Dr Girigorii Poolaand Misootarraa Rooyitarsitti akka himanitti,iddoon talaalli kana itti kuusaan isaan biraas hin jiru.

Kana malees, yunvarsitiitonni, giddugaleessi laabiratorii fa’aan daddeetti dawaa kana kuusuu hin qaban.

Akka addunyaatti wayita ilaalamu maaltu jira?

Biyyoota guddaataa jiran keessatti haala jiru itti rakkisaadha.

AP akka gabaasetti, Burkinafaasoo, Afrikaan giddugaleessaa duraanu haqina kottolleessitu wal’aansaaf oolu 1000 ta’u qabu.

Dhaabbanni fayyaa addunyaa fi UNICEF walta’insaan akka kuusaa qoricha dilalla’aa talaalli Covid-19’f barbaachisurratti itti fufiinsaan hojjachuuf saganteeffataniiru.

Hanqinni kottoleessituukuni garuu biyyoota Eeshiyaa fi Afrikaa keessatti akka rakkoo gudda ta’u akka malu himameera.

Faayineeshaal Taayimsi akka gabaasetti, UNICEF kottoleessitu 65,000 annisaa soolariin hojjatan biyyoota guddata jiranitti hanga xumura 2021tti mijeessuuf hojjachaa jiraachuu gabaasera.