Covid: Ameerikaatti talaalliin Covid Mudde dhufuurraa ‘kennamuu jalqabuu danda’a’

An undated handout picture made available by the German pharmaceutical company Biontec shows a person receiving a vaccine

Madda suuraa, EPA/BIONTECH

Lammiileen Ameerikaa jalqabaa talaallii Covid-19 Mudde 11 qabee argachuu danda’u jedhan hogganaan sagantaa talaallii koronaavaatiras Ameerikaa.

Dr Moonseef Silaawuu miidiyaa CNNtti ''takkaa talaallichi mirkanoofnaan karoorri keenyi gara wiirtuulee talaallii sa’aatii 24 keessatti raabsuu dha,'' jechuun himan.

Yeroo isaan kana himaa jiran kanatti Ameerikaatti koronaavaayirasiin akkuma dabalaa jirutti jira.

Ameerikaan hanga yoonaa namoota dhukkubichaan qabaman miiliyoona 12 yoo galmeessiftu, namoonni 255,000 lubbuu dhabaniiru jedha odeeffannoon Joon Hoopkiins Yunivarsiitii.

Lakkoofsi kun akka addunyaattillee isa guddaa dha.

Dhaabonni qorichaa Faayizar (Pfizer fi BioNTech) talaalliin isaan oomishan atattamaan akka isaaniif ragga’uu iyyataniiru.

Talaalliin doozii lama qabu harka 95 akka hojjetu mirkanaa’era. Faayizar dhuma waggaa kanaarratti doozii miiliyoona 50 nan oomisha jedheera.

Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaatti koreen dhimma talaallii, Mudde kudhan walgahuun talaallicha raggaasuufi dhiisuurratti mari’ata jedhameera.

Dr Silaawuun qorichi kun ragga’ee guyyaa tokko yookiin lama booda kennamuu danda’a jedhaniiru.

Talaalliin kun hanga baay’ina uummataa naannoleetiin raabsama jedhameera. Dr Silaawuun kutaaleen biyyaa eenyu talaallicha dursee argachuu akka qabu ofii murteessu jedhan.

Haa tahu malee namoonni irra caalaa saaxilamoo kan tahan, manguddootaafi hojjettoonni fayyaa dursa argachuu qabu jedhan.

Dhaabbanni qorichaa Modernaa jedhamus talaalliin isaa harka 95 akka hojjetu mirkaneesse raggaasifachuuf, torbee dhufu keessa gaaffii dhiyeessa jedhameera.

Dr Silaawuun sadarkaa talaallichi amma irra jiruun Ameerikaan ‘madiinummaa hoomaa’ baatii Caamsaa keessatti qabaachuu dandeessi, yeroos namoonni harka 70 tahan talaallii ni argatu jedhan.

Kana malees, ''waa’ee talaallii kanaa yaadni namootaa sirrii hin taane hir’isaa adeemuun namoonni fudhachuu jalqabu. Kuni baayyee nu gargaara. Jireenya isa duriitti osoo hin deebi’iin dura talaallii argachuu qaban,’’ jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Dr Antoonii Faawuchiin ogeessa gameessa qorannoo dhukkuboota daddarboo yoo tahan, namni gahaan yoo talaallii fudhate Ameerikaan waggaa dhufu keessa saffisaan ‘madiinummaa garee’ horachuu dandeessi jedhan.

Dhimma yaalii talaallii kanaarratti odeeffannoon gahaa gad lakkifamuu baatus, dhaaboti oomishan garuu waan nama yaadessu badaa hin jiru jedhaniiru.

Talaallii takkaa fudhannaan hanga yeroo meeqaatti akka hojjetuufi yoo hojjechuu dhaabe, namoonni dhukkubicha ni daddabarsuu kan jedhu ammallee hin baramne.