Koroonaavaayiras: Addunyaarra lakkoofsi Covid-19 miiliyoona 50 dabre

Madda suuraa, Reuters
Biyyoota addunyaa garagaraatti namoonni hedduun koroonaavaayirasiin qabamuu hordofee, lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miiliyoona 50 dabre.
Akka ragaa Yunivarsiitii Johns Hopkins'tti namoonni miiliyoona 1.25 vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.
Haa tahu malee, lakkoofsi namoota qabamanii kan jedhame kanaa ol ni taha jedhama. Sababni isaas biyyoota hedduu keessatti qorannoon gahaan waan hin godhamneef.
Akka gabaasa Reuters'tti, lakkoofsa kana keessaa ruubiin yookaan kurmaanni, vaayirasichi yeroo lammaffaaf irra deebiin ka'uu isaatiin (second wave) kanneen qabamanidha.
Namoota miiliyoona 12.5 qabamaniifi 305,700 kan galmeessite Awurooppaan ammallee iddoo vaayirasichi itti hammaate taatee jirti. Wayita vaayirasichi eegalus daran itti hammaatee ture.
Ameerikaatti haga ammaa namoonni miiliyoona 10tti siqan vaayirasichaan qabamaniiru. Guyyoota sadiif walitti fufiinsaan biyyattiitti namoonni 125,000 ol guyyaatti vaayirasichaan qabamaniiru.
Lakkoofsa uummataa qabaniin walbira qabamee yoo ilaalamu, kutaaleen biyyaa Daakotaa Kaabaafi Kibbaa, duuti olaanaa kan itti galmaa'edha.
Pireezidantii tahuun kan filataman Joo Baayidan, weerara kana to'achuuf ciminaan akka hojjetan waadaa seenaniiru. Pireezidant Tiraamp hammeenya vaayirasichaa laaffisanii ilaaluun, akkasumas tarkaanfiiwwan vaayirasicha to'achuuf bahan didaa turan.
Awurooppaatti ammoo Firaans guyyaa Dilbataa qofa namoota haaraa 38,619 vaayirasichaan qabaman galmeessite. Guyyaa Sambataa garuu lakkoofsi kun 86,852 ture.
Kana malees biyyattiitti namoonni 271 wayita lubbuu dhaban, waliigalattis 40,439 kan tahan lubbuu dhabaniiru.
Biyyattii tatamsa'ina vaayirasichaa qolachuuf uggurri marroo lammaffaa labsameera.
UKtti ammoo namoonni haaraa 20,572 yoo qabaman, duuti haaraa 156 galmaa'eera. Kanaanis lakkoofsa namoota lubbuu dhabanii 49,044 gaheera - Awurooppaatti isa olaanaadha.
Indiyaafi Biraazilis haala hamaa keessa jiru.
Itoophiyaattis lakkoofsi namoota qabamanii waliigalatti 100,000tti kan siqe yogguu tahu, guyyaatti lakkoofsi namoota qabamanii kan duraaniiraa gadi jira. Kunis sababa lakkoofsi namoota qoratamanii hir'achuusaatiin tahuu mala.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras













